Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , Dimokiraatonni filannoo mo'achuu hordofee Tiraamp ergaa baga gammaddanii dabarseef

Filannoo walakkeessaa Ameerikaatiin Dimokiraatonni Mana-maree Bakka Bu'ootaa harka caalu dhuunfachuun, seeneetii deebisanii harka galfachuuf wallaansoo taasisaniinis injifannoo seena qabeessa galmeessisaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp warra Demookiraatiin 'waan gaarii hojjettan baga gammaddan' jedhe

    Tiraamp warra Demookiraatiin 'waan gaarii hojjettan baga gammaddan' jedhe.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp bu'aa sagalee filannoo walakkeessaa irratti miidiyaa Fooks Niiwus irratti yaada kenneen warra Demookiraatii 'waan gaarii hojjettan'' jedhe.

    Tiraamp faara filannoo ture ibsuun bu'aa filannoon dinqamuu hime.

    ''Duula jabaa goonee ture,'' jechuun Tiraamp ''xiqqoo bu'aa sagaleen dinqameera,'' jedhe.

    Pireezidantichi dubbii araarfataa fakkaatuun warra Demokiraatii wajjin ''waan baayyee, baayyee wajjin hojjenutu ture,'' jedhe.

    Bu'aa filannoo kanaa kaabineesaa keessatti jijjiiramni akka hin taasifamne hime.

  2. Gahumsi Dimookiraatonni agarsiisan dambalii, sunaamii ykn sigiga lafaa osoo hin taane - tasa hundeerraa kan lafa raasedha

    Gulaaltuun BBC Ameerikaa Kaabaa Saaraa Ismiiz Dimokiraatonni baayyeema abdataniyyu sadarkaa kanatti ni mo'anna jedhanii waan yaadan natti hin fakkaatu jechuun injifannoo ajaa'ibaa paartiin galmeesse ibsiti.

    "Raawwiin Dimokiraatotaa argaa jirru dambalii, sunaamii ykn sigiga lafaa miti, tasa hundeerraa kan lafa raasedha."

    Ameerikaan turtii waggaa lama Doonaald Tiraamp waajira keessa ture 'si hin barbaadnu' jechuun sagalee guddaadhaan dubbataniiru.

    Doonaald Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessaa turetti filattoota duratti waan akka filannootti dhiyaatuutti fakkeessuun ture. Duulas adda duree Rippablikaanotaa ta'ee cimsee gaggeessaa ture.

    Amma kaadhimamtoota paartii isaatu filattootaan tufame.

  3. Dimokiraatonni mana-maree US dhuunfatan, Seenetii Teeksaas waggaa 30 keessatti yeroo jalqabaaf moa'atan

    Filannoo walakkeessaa Ameerikaatiin Dimokiraatonni Mana-maree Bakka Bu'ootaa harka caalu dhuunfachuun, seeneetii deebisanii harka galfachuuf wallaansoo taasisaniinis injifannoo seena qabeessa galmeessisaniiru.

    Dimokiraatonni amma bara aangoo Pirezidant Doonaald Tiraamp hafe keessatti Kongiresii to'annoo isaanii keessa galfataniiru.

    Teksaas, Kansaas fi Ohayoo dabalatee bakka kanaan dura warri Rippablikaanotaa mo'achuun beekaman keessatti osoo hin hafiin dhuunfataniiru Dimokiraatonni.

    Filannicha ilaalchisuun yaada jalqabaa kenneen akkas jedhee miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse Doonaald Tiraamp: "Ani filannootti hin dhiyaanne, garuu osoon dhiyaadheera ta'ee amansiisnee mo'anna ture."