Hojjattoonni mootummaa guyyoota sadii keessatti hojiitti akka deebi'an Bulchiinsaa Imaanaa Tigraay waamicha godhe
Tigraay akka bulchuuf dhiyeeny mootummaa federaalaan kan hundaa'e Bulchiinsa Imaanaa Tigraay hojjattoonni mootummaa guyyoota sadi keessatti hojiitti akka deebi'an waamicha dhiyeesse.
Mootummaan Imaanaa Tigraay ibsa baaseen, hojjattoonni mootummaa har'a, Kibxata, irraa eegaluun gara hojiisaanitti akka deebi'an jedheera.
Ibsa fuula miidyaa hawaasaa TV Tigraay irratti baheen, hojjattoonni mootummaa giyyoota jedhaman keessatti hojiitti hin deebine itti gaafatamummaa akka fudhatan akeekkachiisera.
"Hojjataan mootummaa guyyoota sadan ibsaman keessatti hojiitti hin deebine, itti gaafatamummaasaa ni fudhata," jedhe bulchuunsi haaraan Tigraay.
Gaggeessitoonnifi qindeessitoonni waajjiraalee hojjattoota mootummaa hojiisaanii idileetti deebi'an akka galmeessanis ajajeera ibsa kanaan.
Mootummaan Imaanaa Tigraay dhuma torban darbee kan hundaa'e yoo ta'u, ji'oota jahaan dhufaniif naanicha akka bulchuuf mootummaa federaalaa irraa imaanaan itti kennameera.
Ji'oota jahaan keessatti naannichatti tasgabbii buussuu, bu'uuraaleen misoomaa hojiitti deebisuu, tajaajilawwan bu'uuraa iddootti deebisuufi ji'a jaha keessatti filannoon akka gaggeeffamuuf haala mijeessuu kanneen jedhan itti gaafatamummaa mootummaa haaraa hundaa'etti kennaman keessaa warra ijoodha.