BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
KALLATTIIN , Mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa" jiraachuu Tiraamp ibse
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa akka jiru" dubbate. Tiraamp itti dabaluun "haata'u malee, amanamoo miti; waliigalteerra gahanii deebiyanii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.
Ameerikaan ajjeechaa Arsiitti raawwatame balaaleffatte
Ameerikaan Naannoo Oromiyaa, Arsii keessatti ajjeechaa lammilee nagaa irratti raawwatame balaaleffachuun sirnaan qoratamee kanneen yakka kana raawwatan murtiitti akka dhiyaataniif mootummaa Itoophiyaa gaafate.
MM Abiy qondaalonni olaanoon Itoophiyaa leenjii waraanaa fudhachaa akka jiran ibsan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad miseensonni kaabinee fi qondaalonni mootummaa olaanoon biroo Hursootti leenjii loltummaa fudhachaa akka jiran ibsan.
Dargaggoonni Awurooppaa egeree isaaniif abdii dhabuun mormiitti jiru - ofii waan isaan tokkoomsu jiraa?
Torbeewwan muraasa darban keessa magaalota gurguddoo Awurooppaa Miilaanii hanga Maarseetti akkasumas hanga Maadriditti hiriirawwan mormii jajjaboon adeemsifamaniiru.
Haleellaa diroonii Tigraay magaalaa Raamatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefaman
Naannoo Tigraay maagaalaa Raamaa keessatti haleellaa diroonii gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii heddu ammoo madaa'uu namoonni ijaan arganiifi hojjattoonni hospitaalaa BBCtti himan.
Filannoo walakkeessaa US: Maal argamsiisa, maal hanqisa? Gaafilee ijoo 7fi deebii
Filannoon walakkeessaa Yunaayitid Isteetis (US) adeemsifamuuf guyyota muraasa qofatu hafe. Bu'aan filannoo kanaas turtii pirezidaantummaa Doonald Tiraamp kanaan boodaarratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a.
US misaa'ela Paatiroot dolaara biliyeena 2.1 oliin Yukireenitti gurguufi
Ameerikaan misaa'eloota Paatiroot 500 ta'u Yukiriinitti gurguruufi. Yukireen misaa'elota kana haleellaa Raashiyaan irratti gaggeessitu qolachuuf baay'ee kan barbaaddu yoo ta'u, yeroo dheeraaf hanqinni akka ishee mudate ibsuun wawwaataa turte.
Himanni Sudaan irra deebiin Itoophiyaa irratti dhiyeesite fi ofirraa ittisuuf dhaadatte maali?
Biyya ollaa Itoophiyaa kan taatee Sudaan Itoophiyaan haleellaa diroonii bu'uuraalee humna ibsaa, kuusaa boba'aa fi iddoowwan bu'uuraalee misoomaa siivilii irratti raawwatame keessaa harka qabdi jechuun irra deebiin himatte.
Qondaalonni Keeniyaafi Somaaliyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleerratti waamicha taasisan
Gama aangawoota Itoophiyaa waa'ee walitti bu'iinsa kanaa ifatti dubbatamuudhaas baatu miseensonni parlaamaafi qondaalonni biyyoota ollaa garuu nagaan akka bu'u waamicha taasisaniiru.
Somaalilaand lammii Itoophiyaa hidhaa waggaa 28 booda akkamiin gadhiiste?
Bulchiinsi beekamtii idil-addunyaa hin qabne garuu akka biyyaatti of waamtu Somaalilaand lammii Itoophiyaa waggoota 28'f hidhaa ture gadhiiste.
'Haakaroonni' Kooriyaa Kaabaa karaa intarneetii dolaara biliyeena 6.3 saamuun shakkaman
Dhaabbileen dhimma maallaqa dijitaalaa ykn kiripto karaansii hordofan lama akka jedhanitti, gareen hattoota Kooriyaa Kaabaa iccitii dhaabbata maallaqa dijitaalaa guddaa addunyaa Baayinaansi jedhamu cabsuun doolara Ameerikaa biliyoona 6.3 hatuun odeeffannoo akeeku qabna jedhan.
Tarkaanfii waraanaa Iraanirratti fudhatamuu malan irratti Tiraampiif ibsi kenname
Pirezidant Donaald Traampiif waayee tarkaanfiiwwan waraanaa Iraan irratti fudhatamuu danda'anii ilaalchisee, Ajajaa Olaanaa Waraana Ameerikaa Baha Giddugaleessaa irraa ibsi akka kennameef maddeen oduu Ameerikaa gabaasaniiru.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Itoophiyaa fi Eertiraan gaaffii jaarsummaa Moskoon marii nagaaf ni taa'uu?
MM Abiy Ahimad fi Isayyaas Afawarqii Moskootti argaman. Raashiyaan Itoophiyaa fi Ertiraa walitti fiduuf qophii ta'uu ibsite.
Viidiyoo, Anga'oonni Federaalaa Naannoon Tigraay akkamiin akka bultu ibsan
Pirezedaantiin duraanii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi Obbo Getaachoo Raddaa, Hogganaan Tika Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseenii fi Komishinarri anniisaa nukilaraa Itoophiyaa Doktar Abrahaam Balaay angaa'ota federaalaa garas imalan keessaayi.
Viidiyoo, Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa irratti taateewwan hanga yoonaa mudatan|
Wayita muddamni biyyoota Gaanfa Afrikaa lameen gidudutti hammaatee jirutti loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaan seenuun himamaa jira.
Viidiyoo, Pritooriyaan lammeessoo jiraachuu malaa?
Waliigalteen Piritooriyaa waraana kaaba Itoophiyaa dhaabsisee ture ifatti cabeera. Hiriirri humnoota siyaasaa waraana kaaba Itoophiyaarratti hirmaataa turaniis jijjiirameera.
Viidiyoo, Humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu lolli eegale
Kaaba Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti humnoota federaalaafi humnoota Tigraay gidduu walitti bu'iinsi eegale.
Waraanni Yaman Galaana Diimaa qabatan
Humnoonni mootummaa Yaman kan deeggarsa Sa'uudii Arabiyaa qabuu magaalota handaara galaanaa kanneen akka Morka to'achuun hidhattoota Huutii ulaa Baab el-Mandab keessaa gussaa jiraachuu ibsan.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Jeettiiwwan waraanaa Su-35 Itoophiyaan Raashiyaarraa fudhatte kan akkamiiti?
Itoophiyaan jeettiiwwan waraanaa ammayyaa Su-35 jedhaman kudha lama Raashiyaa irraa bitte fudhachuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksisan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Ka'umsi rakkoo Mooyyaalee maali, mootummaan Itoophiyaa maaliif callise?
Walitti bu'insi kun erga jalqabee torban tokko guuteera. Garuu mootummaan naannoo Oromiyaas tahe mootummaan federaalaa humna nageenyaa tasgabbeessu akka hin bobbaasne jiraattonni magaalaa Mooyyalee BBCtti himaniiru.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Haleellaa aanaa Shirkaatti 'daa'imman dabalatee namoota 40 ol galaafate' hanga ammaa kan beeknu
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, "humnoota Tsimdoo hojii diigumsa biyyaarratti bobba'antu haleellaa kanaa raawwate'' jechuun himate.
"Meeshaan waraanaa biyya tokkoof gahu karaa Mitsuwaan TPLFfiif dhiyaate" to'atameera - Fiild Maarshaal Biraanuu
Walakkeessa ji'a Fulbaanaarraa kaasee lola taasifameen karaa " Ulaa Galaanaa Mitsuwaa meeshaan waraanaa biyya giddugaleessaaf ta'uu danda'u humnoota Tigraayiif dabarfame" booji'uu isaa Itaamaajir Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa himan.
Mooyyaleetti walitti bu'iinsi itti fufe, kumaatamni Keeniyaatti buqqa'an
Walitti bu'iinsi magaalaa Mooyyale keessaa guyyaa lama dura eegale ammallee hin dhaabbanne. Jiraattonni BBC'n dubbise ammallee halkanii guyyaa dhukaasi hin dhaabbanne jedhu. Kuma kurnaniin immoo namni buqqa'aa jira.
MM Abiy iddoowwan wiirtuuwwan nukilaraa itti ijaaraman sadi adda bahuu ibsan
Ministirri Muummee Abiy Ahmad ijaarsa wiirtuu annisaa nukilaraaf iddoowwan soddoma caalan sakatta'amaa turuu ibsuun, kanneen keessaa dhumarratti sadi filatamuu ibsaniiru.
TPLF akkamitti saffisaan of duuba deebi'uu danda'e? Itti aanee maaltu ta'uu danda'a?
Garee finciltootaa biroo torba waliin ifatti, akkasumas mootummaa Ertiraa waliin ammoo karaa ifa hin taaneen tokkummaa kan uummate humni TPLF akkamitti yeroo gabaabaa keessatti magaalota hedduu dabalatee kutaalee naannichaa harka caalu gadhiisee ba'uu danda'ee? Kun gaaffii namoonni baayyeen gaafatanidha.
Jeneraal Taaddasa Warrada deeggarsa eenyuufi akkamiin TPLF harkaa akka miliqan dubbatan
Guyyoota 15 kan ta'uuf harka TPLF kan turan pirezidaantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa naannoo itti hidhamanii turanii "deeggarsa bulchiinsa naannoo" TPLF harka jiruutiin miliqanii bahuu dubbatan.
Ertiraan ergama badii ta'uurraa yoo of hin qusanne balaa hamaatu mudachuuf deema- MM Abiy
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad ''Ertiraan baattoo ergama badii ta'uurraa yoo of hin qusanne daafoon isaa akkaan hadhaawaa fi hammaataa ta'a,'' jechuun akeekkachiisan.
Hayyuun Booranaa boqotan Dr Abdullaahii Shonqoloo maaliin yaadatamu?
Qorataa aadaa, seenaa fi Antiroopoolojii Booranaa Dr Abdullaahii Shonqoloo umrii isaanii 68tti addunyaarraa boqotan. Abdullaahii Shonqoloo bara 1958 Magaalaa Mooyaaleetti dhalatan barnoota isaanii sadarkaa duraa achuma Mooyaaleetti barachuu addunyaa barnootaa kan jalqaban hayyuu beekamaan kun barnoota isaanitti cimuu biyya keessaa fi awurooppaatti hanga PhDtti baratanii jiriu.
Ispoortii
Harii Keen Ballon d'Or 2026 mo'ate, akkamiin as gahe, maal jedhe?
Harii Keen badhaasa kubbaa miilaa guddicha, Ballon d'Or, kan bara 2026 mo'ate. Keen waggaa 25 keessatti badhaasa kana mo'achuun taphata alammii Ingiliiz isa jalqabaa ta'eera. Kunis erga bara 2001 Mikaa'el Omeen mo'ateen boodadha.
Badhaasa Ballon d'Or baranaa eenyutu injifachuu qaba? Xinxaltoonni maal jedhu?
Badhaasa Ballon d'Or abbaan injifatu har'a beekama. Garuu, eenyutu mo'achuuf deema?
Dhimmi Maan Yunaayiutid kan fala hin arganne miti - Kaarik
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Mikaa'le Kaariik yaada dhimmi kilabichaa kan fala argatu miti jedhamaa jiru sirrii miti jechuun akka to'atamuu danda'u dubbate.
Buufanni xiyyaaraa deebiyee yeroo banamaa jirutti Sa'ud Arabiyaa-Riyaad keessatti dho'insi dhaga'ame
Sa'ud Arabiyaa magaalaa Riyaad keessatti dho'insi dhaga'amuun gabaafame. Gabaasni dho'insi dhaga'amuu kun kan dhufe wayita aanga'oonni Sa'udii balaliin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irraa taasifamu har'a irraa kaasee deebiyaa akka jalqabu beeksisaa jiranittidha.
Ebereechii Ezee gahuumsa ittiin beekamu Arsenaalitti maaliif agarsiisuu dadhabe?
Taphataan Arsanaal gahuumsa kubbaa bakka dhiphaa keessatti itti fayyadamuu, fageenya dheeraa irraa galchii lakkoofsisuufi kubbaa bifa salphaa ta'een qabatee garee faallaa milaammilchuun fuulduratti deemuun beekama.
Carraa Maanchister Siitiin ol iyyata isaanii itti mo'atan jiraa?
Maanchister Siitiin seera faayinaansii Piriimer Liigii cabsuun himatamanii himata 115niin yakkamaa tahaniiru. Ol iyatanii murticha garagalchuu danda'uu?
Saakaan waan Arteettaan 'irraa eegu' raawachuun 'jijjiirama guddaa' fide
Bukaayoo Saakaa waan manaajeriin Arsenaal, Mikeel Arteettaan, 'sirraan eega' jedhe tapha Shaampiyoons Liigii kilabichi Liiliin 3-0n mo'aterratti akkuma seeneen taphicha jijjiiree agrsiise.
Arsenaal 2 fi 0n Liids injifata, Liiverpuul fi Siitiin akkaan eegamu- tilmaama taphoota PL
Keessumaa tapha dirree Liiverpuul, Anfiild irratti Dilbata Maanchester Siitii waliin taphatamu akkaan kan eegamudha. Sababiin isaa Maanchester Siitiin erga seerota faayinaansii 115 cabsuun yakkamaa ta'uun isaa itti murtaa'ee miira naasuu keessa wayita jiruttidha.
Meesii gaggeessuu irratti miira turee fi waan jedhame
'Addunyaan isin galateeffatti,' jedhe Liyooneel Meesiin tapha biyya isaa Arjentiinaaf magaalaa Booniisaayiresitti gaggeeffamerratti isa dhumaa taphatten.
Fiigicha badhaasa hanga birrii miiliyoona 1 argamsiisu dabalatee taateewwan Irreechaa ijoo
Irreecha bara 2026 waliin walqabatee taateewwan adda addaa magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Atileet Tigist maraatoonii Barliin irratti erga miidhamtee maal keessa jirti, egeree isheef yaaddessaadhaa?
Atleet Tigist Asaffaa erga maraatoonii Barliin irratti miidhaan isheerra gaheen booda wallaansa baqsanii yaaluu milkaa'aa ta'e gaafa Wixataa taasifachuu ishee leenjisaan ishee BBCtti himeera.
'Siitiin waancaawwan injifate akka dhabu yoo murtaahes Yunaayitidiif hin malu'- Rooniy
Maanchister Siitiin himannaawwan seera faayinaansii cabsuun irratti dhiyaateen badiin irratti argamuu booda waancaa mo'ate akka dhabu yoo ta'e waancaan kamuu Yunaayitidiif hin maluu jedhe taphataan duraanii garichaa Waaynii Rooniy.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.











































































































