'US'tti jeettiin kufee namoonni sagal lubbuu dhaban'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Ameerikaatti jeettiin daldalaa Dilbata kaleessaa ollaa Filooriidaa keessatti kufee namoonni sagal lubbuu dhabuu waajirri geejjibaa US beeksise.

Balaan kuni naannoo riizoortii Tiraamp MaarLaagoo jedhamurraa fageenya km14 iddoo Kiriishaaven jedhamutti mudate.

Suuraaleen balaa kana booda qoodaman akka agarsiisanitti daandii manneen jireenyaa gidduutti boolla guddaa fi ibiddi lafarraa boba'u caccabaan jeettii Learjet 60 mul'ata.

Jeettiin kuni Otiin Teeksaas irraa kan ka'e yoo tahu gara odola Bahaamaasitti imalaaa ture.

Akka miidiyaaleen US gabaasanitti jeettiin kuni lafaan dhahuun dura saffisa guddaan gara lafaatti furguggifamaa tufre.

Sagaleen to'annoo tiraafikaatti balaa sana dura waraabame paayilatichi xayyaarrii daqiiqaa tokkotti meetira 3,000 gad bu'aa jira jechaa ture.

Achii paayilatichi iyya naa birmadhaa dhageessisuun booda ''saffisa guddaa keessa jirra, daqiiqaatti meetira 6,000,'' jechuusaa CBS gabaaseera.

''Kufuuf jirra...sa'atii hin qabnu,'' jechuun paayilatichi dubbataa ture.

Viidiyoon sirrii tahuunsa hin mirkanoofne tokko jeettiin daandii konkolaatan irra darburra kufee funyaaniin gaafa dhaabbatuufi naannicha ibissi gaafa guutu agarsiisa.

''Viidiyoo sana yeroo argitu miirri gaariin sitti hin dhagahamu,'' jedhan bulchaan Filooriidaa Roon Desaantiis ''Akka misaayelli lafa bu'aa jirutti dha, dhohinsa guddaa, caccabaan iddoo hundaa mul'ataa,'' jedhe.

Yeroo jeettiin kuni kufee caccabe namoonni keessa turan eenyufaa akka tahan yeroof hin baramne.

Waajirri Geejjibaa ''hammeenya guddaa,'' jechuun garee dhimmi qoratu gara lafa balaan mudateetti bobbaaseera.

Bulchaa Desaantis akka jedhanitti, jiraattonni naannoo 600 tahan iddoo balaan kuni uumameetii baafamaniiru.

Balaan kuni bu'uuraalee misoomaa naannoo irratti balaa kan qaqqabsiise yoo tahu daandiin caccabe suphamuuf guyyoota 30 gaafata.

Yeroo balaan kuni qaqqabu qaqawweessi kan dhagahamaa ture yoo tahu akkamalees roobaa ture.

Yeroo balaan kuni qaqqabu Tiraamp riizoortiisaa MaarLaagoo naannicha akka tureefi sa'atii tokko balaan qaqqabuu dura achi gahuu gabaafameera.