'Iraan hojjettoota US irra xiyyeeffannaa dabalte'- Hoggana Tikaa US

Madda suuraa, Getty Images
Daarektarri Tikaa Biyyaalessaa US Jay Clayton Jimaata akka akeekkachiisetti "Iraan carraaqqiishee hojjettoota US biyya ormaa jiranirratti xiyyeeffachuu dabalte."
Karoorri lammiilee Ameerikaa Baha Jiddugaleessaafi iddoo kaan keessa jiran ajjeesuu "sadarkaa yaaddessarra" gahuu ibsan qondaalli Tikaa kun.
Akeekkachiisa kun xalayaa iccitii Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoof ergame hammata. Xalayaa kana miidiyaan michuu BBC, CBS argateera.
Akeekkachiisni kun kan bahe wayita Ameerikaan sababa yaaddoo haleellaa kallattii Iraanii fi hidhattootaa Huutiitiin hojjettoota ishee imbasiiwwan Baha Jiddugaleessaa keessaa qabdu hir'isaa jirtuu fi waraanni Ameerikaa naannicharraa hir'achaa jirutti kenname.
Clayton xalayaa isaa keessatti, 'Carraaqqiin karoora ajjeechaa Iraaniin lammiilee US irratti xiyyeeffate Giddu-galeessa Bahaa fi biyyoota biroo murtaa’an keessatti sadarkaa yaaddessaa irra gahee jira,' jedhee barreesse.
Xalayaan kun,wayita bulchiinsi Tiraamp Iraan irratti haleellaa lammataa eegaluu mala jedhamaa jirutti kan bahe yoo ta’u, xiyyeeffannoon Iraan addaa ykn biyyoota karoorri kun keessatti deemaa jiru garuu addaan hin baasne.
Clayton akka jedhetti, hawaasni tikaa US balaa ragaa iccitii jabaa kana karaa adda addaatiin argame sadarkaa isaa gad buusuuf hojjechaa jira.
Akeekkachiisa kana hordofee wiirtuulee dippilomasii US Baha Jiddugaleessaa jiraniif of eeggannoo akka godhan dhaamameeraaf.
Jalqaba torbee kanaa Ministeetti Dhimma Alaa US hojjettoota murteessoorraa kan hafe kuun maatii isaanii waliin hojjettoonni Imbasii Saawudii jiran akka bahan ajajee ture. Imbasiiwwan US biyyoota naannichaa jiranis akkanuma hojjetaa hir'isan.











