Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jaarsa araaraa ta'uu dandeessii?
Biyyi ofiifuu Yukireen waliin waraana keessa jirtu Raashiyaan yoo fedha mul'isan Itoophiyaafi Ertiraa walitti fiduuf fedhii akka qabdu dubbatteetti.
Dhimma kana irratti garuu hariiroo dippilomasii kan adda kutaniifi yeroo ammaa wal dura kan dhaabbatan, Itoophiyaafii Ertiraan, ifatti homa hin jenne.
Jalqaba dhimmi fedhii Raashiyaa kuni kan dhagahame Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Aleeksaandar Alimoov torban dura miidiyaarratti yeroo dubbatanidha.
Eegasii Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeeyi Laaviroovis dhimma kana mirkaneessuun dubbataniiru.
Yaa'ii Raashiyaa - Afrikaa guyyaa Roobii eegaleerratti hirmaachuuf Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii imalaniiru.
Gama Itoophiyaas Ministirri Muummee Abiy Ahimad jila isaanii waliin deemaniiru.
Egaa yaa'ii kana biratti yoo fedhii qabaatan biyyoonni lamaan akka dubbatan akka yaaltu Raashiyaan kan dubbatte.
Biyyoonni lamaan yoo mari'atuuf jechuun isaanii hin beekamu. Yoo mari'atu ta'es haal dureen yoo jiraate wanti beekamu hin jiru.
Kana dura garuu biyyoonni Lixaa muddama dhaabanii akka mariin furan dubbataniiru. Ifatti walitti isin fidna kan jedhe garuu Raashiyaa qofaadha.
Biyyoonni lamaan baatii Fulbaanaa keessa hariiroo dippilomasii isaanii erga adda kutan booda dureewwan biyyoota lamaan yeroo duraatiifi yaa'ii tokko kan hirmaataa jiran.
Raashiyaan maaliif araarsuu feete?
Raashiyaan biyyoota lamaanirraa maal akka barbaaddu hin beekamu.
Yaa'ii dura gaazexeessitoota waliin turtii kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeeyi Laaviroov, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf sochii dippilomasii taasistuuf deebiin Raashiyaa maali jedhamaniiti gaafataman.
Yeroo deebisan ''Itoophiyaafi Ertiraa ilaalchisee akkan hubadhetti wanti irraa dubbataa jirru waa'ee ulaa galaanaa argachuurrattidha.
''Biyyoonni lamaan yeroo ammaa hariiroo isaanii adda cite akka haaromsan fedhii qabna,'' jedhan.
Itoophiyaan embasishee Ertiraa jiru kan cufte Tigraayitti bifa haaraan erga waraanni eegalee boodadha. Kunis, Ertiraan hidhattoota Itoophiyaa keessaa deeggarti, daangaas cabsitee seente jechuuni.
Ertiraan immoo mootummaan Itoophiyaa maqaa ulaa galaanaa argachuu jedhun ''buufatoota Ertiraafi qarqara galaanaa weeraruuf …ifatti waraana labsaa turte'' jechuun himatti.
Hayyuun seeraa idil-addunyaafi ogeessi dippilomasii Obbo Baay'isaa Waaqwayyaa Itoophiyaafi Ertiraan yoo wal ta'an Raashiyaafis faayidaa qaba jedhu.
Kanas yoo ibsan faayidaa siyaasaafi dinagdee eeran.
Xiinxalaan nageenyaa BBC'n dubbiseefi maqaa naaf dhoksa jedhe garuu, sababi ijoo Raashiyaan biyyoota lamaan araarsuu feete waan biraati jedhu.
Kanas yoo dubbatan sababa Raashiyaan ''siyaasa Galaana Diimaa keessatti qooda fudhachuu barbaadduufidha.''
Biyyoota Lixaafi biyyoota Giddugala Bahaa kaan waliin yeroo wal bira qabamu qoodi Raashiyaan Galaana Diimaarratti qabdu xiqqaa ta'uu himu.
Xiinxalaan Gaanfa Afrikaa Aburraahimaan Sayiid Abu Hashiim garuu inumaa Raashiyaan Galaana Diimaa irratti qooda qabaachuu eeruun biyyoonni lamaan akka gurra kennaniif gochuu malaa jedhu.
Raashiyaan jaarsa araaraa ta'u ni dandeessii?
Xiinxalaan nageenyaaa BBC'n dubbise Raashiyaan jaarsa araaraa ta'uu hin dandeessu jedhu.
Raashiyaan Itoophiyaarra Ertiraaf michuu akka taateefi Itoophiyaanis Raashiyaarra biyyoonni Lixaa akka isaan araarsitu akka barbaaddu dubbatu.
Hariiroo dippilomasii irratti biyyoonni lixaa Ertiraa caalaa Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii akka qabaniifi Ertiraan warra lixaa caalaa Raashiyaatti akka dhihaattu himu.
Ertiraa qofa osoo hin taane michuun Ertiraa, Masriinis, Raashiyaan akka jaarsa araaraa taatu feeti jechuun dubbatu.
''Isaayyaas fi al-Siisiin Raashiyaan akka isaan mariisistu barbaadu,'' jedhu.
Itoophiyaan walitti bu'iinsa biyya keessa jiruufis ta'e muddama Ertiraa waliin jiruuf Masriin harka keessaa qabdi jetti. Masriin ni waakkatti.
Obbo Baay'isaa Waaqwayyaan garuu yaada faallaa kanaa ta'e qabu. Akka isaan jedhanitti, Raashiyaan biyyoota muddamatti jiran lamaan walitti fiduuf qaama sirriidha.
''Saba Ertiraafi saba Itoophiyaafis akkasumas mootummaa Itoophiyaafi mootummaa Ertiraattis kan akka mootummaa Raashiyaa itti siqu hin jiru,'' jechuun seenaa eeru.
Yeroo lola Aduwaa, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa akkasumas bara Dargii lola Kaarraa Maarraa irrattillee Raashiyaan Itoophiyaa bira gortee lolte jechuun ibsu.
Itoophiyaafi Ertiraa irratti warri Raashiyaa ''fedhii guddaa qabu,'' jedhu.
''Qulqullummaan itti dhihaannaan kan akka Raashiyaa isaan araarsuu hin jiru. Kuni carraa gaariidha jedheen yaada,'' jechuun BBC'tti himan.
Yaa'iin Raashiyaa – Afrikaa sadaffaa kuni yeroo kamuu caalaa muddamni Itoophiyaafi Ertiraa gidduu hammaatee jirutti taasifamaa jira.
Humnoota TPLF fi hidhattoota kaan deeggarti jechuun Ertiraa kan himattu Itoophiyaan, humnoota TPLF guyyoota muraasa keessatti loluun gara daangaa Ertiraatti dhiheessiteetti.
Lolli Naannoo Tigraay keessa ammallee akka itti fufe gabaasonni garagaraa ni ibsu.
Guyyaa Wiixataa ajajaan humnoota TPLF Meejar Janaraal Yohaannis W/Goorgis, Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaatti harka kennachuu maddeen waraana Itoophiyaatti dhihoo ta'an BBC'tti himaniiru.
TPLF garuu ajajaa isaa kana ''gantummaan'' himateera.
Waraanni Itoophiyaa daangaa Ertiraarra gahus daangaa Ertiraatti hin ceene. Kunis ta'u, biyyoonni lamaan walitti bu'u yaaddoon jedhu yeroo kamuu caalaa cimeera.
Biyyoonni lamaan osoo wal hin waraaniin waan barbaadan argachuu danda'u kan jedhan Obbo Baay'isaan, jaarsummaa Raashiyaan walitti dhufuu danda'u jedhanii amanu.
''Lamaanuu garaa qulqulluun garaa bal'inaan gad taa'anii haasa'anii waa fudhee dhaqee kenneen waammoo fudhadhee gala jedhanii qophaa'ani dhaqu taanaan hin dhufa, waatu jira,'' jedhu.
Sababa isaanii yoo ibsanis qaamni sadaffaa gaafa gidduu seenu ''qaamni sadaffaa waan fidee dhufu qaba,'' jedhan.
''Atis dhiisi kana atis kana dhiisi yoo kana goote kana argatta'' jechuu danda'u jedhu.
Raashiyaan eenyurra humna qabdi?
Abdurraahimaan Raashiyaan biyyoota muraasa Itoophiyaafi Ertiraa waliin hariiro gaarii qaban keessaa tokko Raashiyaa ta'uu hima.
Pirezidantiin Ertiraa isaayyaas Afawarqii ''yeroo dheeraaf michuu ijoo'' jechuun Raashiyaa ilaalu.
Itoophiyaanis BRICS kan Raashiyaan keessa jirtu keessa jirti. Dhimma nikulara nagaaf ooluufi kaan irrattis waliin dalagu.
Raashiyaan biyyoota addunyaa shan mirga sagaleen sagalee dhowwuu (Veto power) qaban keessaa tokko ta'uun ishee biyyoonni lamaan akka gurra itti kennan gochuu mala jedhu.
Biyyoota lamaan waliin waraana, leenjii, akkasumas Raashiyaan Galaana Diimaarratti fedhii qabaachuu ishees kaasu.
''Yeroo Laavrov bara 2023 Asmaraa daawwatan buufati waraanaa Mitsiwwaafi buufanni xiyyaaraa Mitsiwwaa dhimma ajandaa ture,'' jedhan.
Akkasumas Raashiyaan xaa'oofi midhaan dhiheessuu, akkasumas kaan qabaachuun ishee biyyoota lamaan biratti akka dhageettii tolfattu gochuu danda'a jedhu.
Raashiyaan yaa'ii kanarratti biyyoonni lamaan ''marii akka biyyoota Lixaa dirqama waliin hin hidhamne'' gaggeessuu malti jedhu.
Kunimmoo, dureewwan lamaan ''dhiibbaa alaa didaniif ni mijata'' yaada jedhu qabu. Ta'us, hanqina akka qabduus himu.
''Akka biyyoonni Giddugala Bahaa yookiin Chaayinaa maallaqa hin dhiheessitu [Raashiyaan]. Akka waliigalan dirquu hin dandeessu.
''Galaana Diimaarratti fedhiin isheen qabdu akka jaarsa araaraatti akka ilaalamtu hin godhu,'' jedhu.
Biyyi tokko biyyoota wal dhaban araarsuuf waan biyyoota lamaan walitti fidu yookiin amantee biyyoota wal dhabanii qabaachuu qabdi.
Obbo Baay'isaan ''Ertiraafi Itoophiyaa araarsuudhaaf kan akka Raashiyaa humna qabu (leverage) hin jiru,'' amantaa jedhu qabu.
Mootummaan Raashiyaa ''lamaanuurratti humna qaba'' kan jedhan hayyuun seeraa kuni ''dhiibbaa irra kaa'uu danda'a'' jedhu.
Yaa'ii Raashiyaa-Afrikaa irratti hirmaachuuf Raashiyaa kan dhaqan Ministirri Muummee Abiy, jeettiiwwan waraanaa ammayyaa Su-35 jedhaman 12 marsaa jalqabaan bitame fudhachuu beeksisaniiru.
Osoo Raashiyaan araaraan biyyoota lamaan walitti fiddi jedhamtu Itoophiyaaf meeshaa gurguruun ishee maal akeeka?
Obbo Baay'isaan kuni gama dinagdeen ilaalamuu qaba malee amantee Errtiraan Raashiyaa irraa qabdu hin xiqqeessu jedhu.
Akka isaan jedhanitti, loltoonni Itoophiyaa taankiifi madfii dhukaasan ''baay'een isaanii'' Raashiyaatti leenji'an, akkasumas Itoophiyaan meeshaa waraanaa Raashiyaarraa bitti jedhu.
''Garuummoo seenaa keessatti Ertiraas miitee hin beektu (Raashiyaan),'' kan jedhan Obbo Baay'isaan Biyyoonni Gamtaa Sooviyeetii durumaa mirga hiree murteeffachuu deeggaru jechuun ejjennoo walaboomuu Ertiraa deeggaruullee ibsu.
Akkasumammoo akka Asab Itoophiyaaf kennamu barbaadu jedhu. Ilaalcha kanas ''madaalawaa'' akka ta'etti ibsu.
Bara 2014 yeroo Raashiyaan Kiriimiyaa ofitti dabalte dhimmichi UN gahe biyyoota muraasa Raashiyaa bira dhaabbatan keessaa tokko Ertiraa turte jedhu.
Kanaaf, ilaalchaanis Ertiraan Raashiyaa akka deeggartu dubbatu.
Raashiyaan nagaa buusuu dandeessii?
Obbo Abdurraahimaan Raashiyaan qofaa ishee Itoophiyaafi Ertiraa gidduu nagaa buusuu hin dandeessu jedhu.
Garuu, muddamni akka hir'isu gochuu dandeessi amantaa jedhu qabu.
Osoo dureewwan lamaan walitti dhufan yookiin Moskoon walitti fiduuf yaalte wanti argamuu danda'u furmaata osoo hin taane ''yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti walitti dhufuudha.
''Akkasumas ergaa tasgabbeessaa jedhu [dabarsuudha]. Dhimmoonni walitti bu'iinsaaf ka'umsa ta'an'' kan Raashiyaan qofaa furuu dandeessu miti jedhu.
Inumaa booda kana lafarratti Raashiyaa caalaa biyyoonni Giddugala Bahaafi Masriin Ertiraa irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu malu jechuun himu.