'Beenyaa waanan sii kaffaleef natti heerumuu qabda' - eebbishee guyyaan lama yeroo hafu haala suukaneessan ajjeefamte'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Akeekkachiisa: Barreeffamni qabiyyee miira keessan jeequ qabaachuu mala.

Massalach Kaashintee jedhamti. Shamarree ganna 23 yoo taatu, ebbishee guyyan lama yeroo hafuttu haala suukaneessaan ajjeefamte.

Dubbiin akkasi; ALItti Hagayya 21, 2018 sirna eebbasheef waan barbaachisu bituuf gabaa baate. Guyyuma sana halkan naannoo sa'aatii 12tti namni ajjeechaasheen shakkame gajamoo qabatee biraan bahe.

Massalach guyyaadhuma sirna eebbasheef waan barbaachisu bituuf gabaa baate sanaan haala suukaneessan gajamoodhaan ajjeefamtee reeffishee argamuu BBCn odeeffate.

Shamarreen haala suukaneessaan ajjeefamte kun Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Godiina Beench Shakkoo jedhamu keessa jiraatti turte. Ganda keessa jiraattu keessatti haleellaafi miidhaa shamarraniifi dubartootarra gahu ittisuurratti hojjachuunis beekamti.

Hawaasafi naannoo isheen jiraatti keessatti butiifi gaa'ila tokkoo ol godhachuun baramaa waan ta'eef kuni aadaa miidhaa qabuudha jechuun dubartotaaf akka falmitus himama.

Garuu du'asheefis sababa kan ta'e fuudharratti fuudha keessa hin seenu waan jetteefi. Diduunshee kuni ammoo butiidhaaf ishee saaxile. Sana booda haala suukaneessaan ajjeefamte.

Ajjeechaa Massalach ilaalchisee BBCn dhaabbilee mirga namaaf falman: Action Aid Ethiopia, Dhaabbata Mirga Dubartootaa Itoophiyaafi Article 35 jedhaman irraa odeeffannoo argateera.

Waajjirri Haqaa Godiina Beench Shakkoo, namni ajjeechaa kanaan shakkameefi Fiqaaduu Gishinaar jedhamu mana murtiif dhiyaachuu BBCtti hime.

Dhaabbileen kun sadan ibsa waloon baasaniin, Massalach osoo hin ajjeefamin dura haleellaan saala bu'uura godhate irratti gaggeeffamaa ture.

Namni ajjeechaa Massalachiin shakkami kun gaa'ela kan qabuufi abbaa ijoollee afurii yoo ta'u, gaa'ela qaburratti Massalach fuudhuuf gaafata. Isheen gaa'elarratti gaa'ela keessa seenuu akka hin barbaanne ibsiteefii didde.

Isheen dinnaan humnaan bute. Dhimmichi gara mana murtii geeffamus jaarsoliin jaarsummaan gidduu seenanii furmaata seeraa osoo hin argatin hafte.

Isheen garuu harkaa baddee manasheetti deebite. Dhaabbata Mirga Dubartoota Itophiyaaf Falmutti itti gaafatamtuu sirna wal-qixxummaa saalaa kan taate Yordaanoos Geetahuun, erga butamteen booda gara mana warrasheetti deebi'uu BBCtti himte.

Yordaanos akka jettutti dhimmi butamuu Massalach seeran qabamee osoo jiruu jaarsolii dhiibbaa gochuun, namni ishee bute sun "beenyaa akka kaffaluufi himanni adda citu" murteessan.

Inumaayyuu dhiibbaa jaarsoliin irratti taasisaniin fedhiisheen himannaa bante akka adda kuttu godhamte. Kanaanis namni ishee ajjeesuun shakkame himannaa butiirraa bilisa baha.

Massalach jecha gaafa jalqabaa poolisiif kennite waan hin kaasneef, to'annaa jala ooltee boodarra gadi lakkifamte.

Shakkamaan kun beenyaa birrii 28,000 akka kaffale ragaaleen ni agarsiisu. Kunis "waliigaltee araaraa" jedhamee kan galmaa'e yoo ta'u, namni ishee ajjeesuun shakkame kun beenyaa butii isheerratti raawwateef kaffale akka ka'uumsatti fayyadamuun "beenyaa kaffaleera natti heerumuu qabda" jedhee Massalach doorsisuu eegala.

Isheen garuu doorsisa namicha kanaaf iddoo osoo hin kennin eebbasheef qophii taasisuu itti fufte.

"Qophii eebbasheef qophaa'uuf gabaa deemtee, achuma gabaa keessaa harkisee fuudhee deemee ajjeese," jetti Yordaanoos Geetahuun.

Massalacha eebbishee guyyaa Sambtaa kan ta'u isheen Kamisa ajjeefamte. Qaamoleen seeraas "jalqaba himannaa adda kutuu balleessite" jechuun ishee ajjeefamte komatan jetti.

Wal-qixxummaan saalaa akka jiraatuuf dhaabbata Artikil 35 jedhamu kan hundeessite Kiyyaa Alii akka jettutti, shakkamaan "gajamoo qabatee gabaa keessaa harkisee fuudhee gaafa deemu haawasi ilaalcha dogoggoraa 'beenyaa itti kaffaleera, haadha warraasaati, waan barbaade gochuu danda'a, fudhachuu danda'a jedhu qaba," jetti.

Akka aadaa naannichaatti gabaan kan dhaabbatu galgala yoo ta'u, shakkamaan sun Massalach osoo birmannaaf iyyattuu gabaa keessaa harkisee fuudhee gaafa deemu namoonni ijaan argan akka turanis himti Yordaanos.

Godiina Beench Shakkootti itti gaafatamaa Abbaa Adeemsa Hojii Waajjira Haqaa kan ta'an Obbo Efreem Digiitoo akka jedhanitti, shakkamaan Massalach kan qabate osoo isheen hiriyootashee waliin gabaadhaa galaa jirtuu yoo ta'u, nama biraatti heerumuufi oduu jedhu dhagahee eeggatee akka qabe himu.

"Namoota ishee waliin turan gajamoon sodaachisee hari'e. Ishee garuu fuudhee deeme," jechuun isheen isheen harkaa bahuuf fiigdus qabee akka ajjeese himu.

"Ishee hordofee, achuma lafa gabaarraa xiqqoo siqee jirutti, biga nama suukaneessuun kukkutee ajjeese. Ajjeechaa gara jabinaati. Gajamoo achumatti dhiisee miliqe," halkanuma sana hordoffii godhameen akka to'atames himu Obbo Efreem.

Obbo Efreem akka jedhanitti, shakkamaa kana irrati himannaan "yakka ajjeechaa cimaa" banamuu ibsuun naannichatti maqaa beenyaa kaffaluu jedhuun himanni mana murtii akka addaan citu godhamuun baramaa ta'uu ibsu.

Himataaman kun jaarsummaan himanni erga irraa citee booda, "maallaqa koo fudhatte" jechuun haaloo itti qabatee turuu kan himan qondaalli kun, Massalach garuu dhimmichi waan dhumate seetee jireenya idileeshee itti fuftee akka turte kaasu.

Dhiibbaa jaarsummaa taasifamee jecha poolisiif kennite akka jijjiirtu godhamuunshee dhiibbaa keessa akka ishee galche kan himan Obbo Efreem, "dhumarrattis gatii kan ishee baasise" kana ta'uu dubbatu.

"Sirna haqaa keessatti dallaalota heddutu jiru. Hanga ragaa balleessutti gahama. Karaa garaa garaan jecha kennite akka jijjiirtu, baasii ishee ammoo bifa [beenyaatiin] akka argattu godhan," jechuun BBCtti himan.

Sirna haqaa dabsuun kanneen shakkaman, abukaatoo yeroo sanaa dabalatee miseensonni maatii Massalach irratti dhiibbaa godhan torba to'annoo seeraa jala oolfamanii boodarra wabiin bahuufi isaan keessaa namoota afur irratti poolisiin ragaa qindeessee himanni akka banamu godhamuus himan.