Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonni Somaaliyaa 200 ol Itoophiyaa keessatti 'hidhamanii turan' biyyatti deebi'an
Miseensonni raayyaa ittisaa Somaaliyaa daangaa Itoophiyaa ce'anii magaalaa Dirree Dhawaa keessa hidhaa turan jedhaman gaafa Dilbataa gara biyya isaaniitti deebi'uu aangawaan Somaaliyaa tokko BBC 'tti dubbatan.
Loltoonni Itoophiyaa keessatti to'annoo jala oolan jedhaman kuni gara Somaaliyaa, bulchiinsa Saawuz West jedhamu deebi'uu bulchaan aanaa Elbardee Abdirraahimaan Keeyiree BBC Afaan Somaaleef dubbataniiru.
Bulchaan kuni akka jedhanitti, loltoonni kuni ji'a tokko oliif hidhaa turan.
Loltoonni 200 ol Somaaliyaa keessatti leenjiirra turan kuni gara daangaa Itoophiyaa ce'un isaanii kan dhagahame ALI xumura waggaa darbe (ALI Bara 2018) ture.
BBC'n kana dura waan kana adda baasuuf yaalii taasiseen hin milkoofne.
Haa ta'u malee, gorsaa nageenya biyyaalessaa mootummaa Somaaliyaa kan ta'an Awaayis Haji Yasuuf kana dura miidiyaa waliin turtii taasisaniin loltoonni kuni gara daangaa Itoophiyaa ce'uu mirkaneessaniiru.
Mootummaan federaalaa Somaaliyaa loltoonni biyyattii Itoophiyaa keessa akka jiran akka beeku ibsanii, loltoonni kuni gara Itoophiyaa kan imalan maatii dubbisuuf akka ta'e dubbatanii turan.
Bulchaan aanaa Elbardee BBC Afaan Somaaleef dubbatan akka jedhanitti, loltoonni kuni bulchiinsa Gaalgadud keessatti leenjii kennameef xumuranii deebi'aa turan.
''Loltoonni durumaa kan filaman bakkeewwan daangaa irraati. Kaampiin isaanii jalqabaas Elbardeetti argama.
''Achiis Hanaanburee bulchiinsa Gaalgaduud argamtu keessatti leenjiif fudhataman. Yeroo leenjii isaanii xumuran bakka Pirezidantiin Somaaliyaa argamanitti eebbifaman.
''[Achis] maatii isaanii akka dubbisan mootummaa irraa eeyyamni kennameeraaf.
Dabaluunis, loltoonni kunneen naannoo Somaalee Itiyoophiyaa keessa osoo darbaa jiranii qabamanii gara magaalaa Jigjigaatti akka geeffaman, boodarras magaalaa Dirree Dhawaatti akka hidhaman godhamuu ibsan.
Wanti loltoota kanneen hidhaaf saaxile odeeffannoo sobaa "leenjii waraanaa" Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen (ONLF) biraa kenname jedhamee odeeffamee wajjin kan wal qabate ta'uu isaa akka amanan qondaalli mootummaa kun BBC'tti Kana malees, sochiin loltoota lakkoofsa hammana ga'u qabanii kun shakkii akka uumes dabalanii ibsaniiru.
Sochiin loltootaa lakkoofsa hammasii ga'uu kunis shakkii akka uume ibsaniiru.
"Loltoonni kunneen 222 turan. Seeronni mootummootaa ammoo adda adda. Waraanni lakkoofsa hammasii ga'u qabu ragaa guutuu utuu hin qabaatin si'a takkatti yommuu socho'u shakkiin uumamuunsaa hin oolu.
Qaamonni nageenyaa loltoota kana to'atan akka nutti himanitti, odeeffannoon dursee isaan qaqqabe hin turre" jedhaniiru.
Dhimma kana ilaalchisee mootummaa federaalaa Itiyoophiyaas ta'ee mootummaa naannoo Somaaleerraa ibsi kenname hin jiru.
Haata'uu malee, tajaajilli televijiinii naannoo Kibba-Lixaa biyyattii (South West State TV) simannaa loltoonni sun gara biyyaa yoo deebi'an taasisame ilaalchisee gabaasa viidiyoo tamsaase irratti, namoonni uffata seera qaamolee nageenyaa naannoo Somaalee uffatan mul'ataniiru.
Qaamoleen nageenyaa naannoo Somaalee sirnicha irratti haasaa taasisan, loltoota sana aangawoota Somaaliyaatti dabarsanii kennaa akka jiran ibsaniiru.
Namni tokko, "Simannaa nuuf gootaniif galatoomaa. Loltoota gara 220 ta'an isiniif dabarsinee kennaa jirra. Kunoo hiriiranii jiru; fudhachuu dandeessu" jechuun haasaa taasiseera.
Qaamnin nageenyaa biraa immoo "loltoota 220 keessaa 17 dubartoota kan hafan dhiirota" jedhe.
Loltoonni magaalaa Dirree Dhawaa keessatti ji'a tokkoo ol hidhamanii turan jedhaman, Dilbata Onkololeessa 25, 2026 A.L.H. gara biyya isaaniitti deebi'uu isaaniiBulchaan Elbarde mirkaneessaniiru. Loltuu dubartii sababa da'umsaatiif magaalaa Jigjigaa keessatti hafterraa kan hafe, hunduu gadilakkifamuu isaanii ibsaniiru.