Namoonni shanan bulchiinsa imaanaa Tigraayiif muudaman eenyu fa'i?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Erga waraanni Tigraay irra deebiin ka'ee booda naannicha harka caalu kan to'ate mootummaan federaalaa, bulchiinsa imaanaa naannicha ji'oota ja'an dhufu hoogganu hundeessuu Onkoloolessa 16, 2026 ifa godhee ture.

"Waraanni hamaa hooggantoonni TPLF si'a afuraffaatiif jalqabsiisan, si'a afuraffaa injifatamuu TPLFn xumurameera," kan jedhe mootummaan federaalaa, ji'a ja'a keessatti naannicha keessatti filannoo gaggeessuuf karoora akka qabus beeksiseera.

Hanga sanatti naannicha akka bulchuuf bulchiinsi imaanaa muudame, "tajaajilawwan guyyaa guyyaa dhiyeessuu fi filannoo itti aanu gaggeessuuf haala dandeessisu," mijeessuuf itti gaafatamummaan ittikennameera.

Naannoo Tigraay keessatti haala tasgabbaa'aa uumuu, caasaaleen mootummaa diigaman deebisanii diriirsuu, akkasumas kutaaleen hawaasaa buqqa'an gara qe'ee isaaniitti deebisuu kanneen jedhan itti gaafatamummaa itti kennaman keessaati.

"Hanga mootummaan ummataan filatame hundeeffamutti," kan turu bulchiinsi kun, "kallattii fi qajeelfama mootummaa federaalaarraa kennamuun" akka socho'a akkasumas "dhimmoota tarsiimoo yeroo dheeraa gaafatan irratti" akka hin hojjenne ibsameera.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad bulchiinsa abbaa imaanaa akka hoggananiif namoota ja'aaf muudaman kenneera. Namoonni shan seektaroota ja'arratti hoji-raawwachiisoo olaanoo yoo ta'an tokko ammoo kantiibaa Maqalee ta'aniiru.

BBCn eenyummaa namoota muudaman kanneenii ilaalchisee kan itti aanu kana qopheesseera.

Asaffaa Abirahaa

Hoji-gaggeessaa bulchiinsaa fi tajaajila ummataa ta'ee kan muudame Asaffaa Abirahaa obboleessa nama siyaasaa beekamaafi ministira ittisaa duraanii Siyyee Abirahaadha. Waliigaltee Piritooriyaa waraanaa dhiiga hedduu dhangalaase dhaabsiserrattis TPLF bakka bu'uun warra mariirratti hirmaatan keessaa tkko ture.

Dinagdee Itoophiyaa bara mootummaa Dargii ayidooloojii Sooshaalizimiin gaggeeffamaa ture wayita Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) banaa gochuuf hojjetetti tarkaanfii fudhataman keessatti hirmaannaa qaba ture.

A L I bara 1986 hanga 1993tti Abbaa Taayitaa To'annoo Dhaabbileen Misoomaa Waajira Ministeera Muummee jala tures itti gaafatamummaan hogganeera. Yeroo itti gaafatamummaa kanarra turtetti dhaabbileen mootummaa jala turan adeemsa gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti naannessuu hogganeera.

Qoqqoodama waraana Itiyoo-Ertiraan booda TPLF keessatti dhalateen booda obbolaan afran: Siyyee, Asaffaa, Miretehaab fi Fissehaa Abirahaa yakka malaammaltummaan hidhamaniiru. Asaffaan waggoota torbaaf erga hidhaa turee booda A L bara 2000 gadhiifame.

Asaffaan digirii isaa jalqabaa Keemikaal Injiinargiitiin kan argate Yunivarsiitii Finfinnee irraati. Yunaayitid Kingidamitti kan argamu 'Siitii Seent Joorjis Yunivarsiitii oof Landan'irraa ammoo Injiinaring Manaajiment irraa digirii lamaffaa argateera.

Erga hidhaatii ba'een booda dhaabbileen dhuunfaa 'Rahiidaa Injiinaring and Saappilaay' akkasumas 'Walabaa Biizinas and Konsaltansii Sarviis' jedhaman hogganeera. Karaa dhaabbata 'Kuush and Kii Konsaltansii' jedhamuutiin ammoo mootummaa Sudaan Kibbaatiif hojii gorsaa hojjeteera.

Dhaabbileen idil-addunyaa warra akka UNDP fi Internaashinaal Faaynaanshiyaal Korporeeshinii keessas hojii gorsaan akka tajaajile ragaaleen ni mul'isu.

A L I bara 2013 erga waraanni Tigraay ka'ee booda biyyoota alaatti "hojii dippilomaasii" irratti bobba'ee kan ture yoo ta'u, waraanicha dhaabuuf wayita mariiin Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti gaggeeffamaa turetti TPLF namoota bakka bu'an keessaa tokko ture.

Waliigaltichaan booda bulchiinsa yeroo hundaa'ee fi Getaachoo Raddaan hogganamaa ture keessattis gorsaan tajaajileera.

Dura ta'aa TPLF Dr. Dabretsiyon Gabremika'elii fi pirezidantii yeroo ce'umsaa Getaachoo Raddaa gidduutti qoodaminsi yeroo dhalatettis gara Getaachoo ture.

Namoonni siyaasaa TPLF irraa adda ba'aan, paartileen siyaasaa Tigraay keessa socho'an, akkasumas dhaabbileen hawaasaa sivilii bara darbe Caamsaa keessa Finfinneetti kan hundeessan "Mana-maree Nagaa fi Jijjiiramaa Tigraay" keessatti namoota miseensa ta'an keessaa Asaffaan tokko ture.

Birgaader Jeneraal Gabrehigzihaabiheer Bayyanaa (Weddii Anxiruu)

Lola Fulbaana gara dhumaa kaaba Itoophiyaatti jalqabe irratti raayyaan ittisa biyyaa humnoota Tigraay waliin kan wal lole qofaa isaa miti. Ajajoota waraanaa humnoota Tigraay irraa adda bahaniin kan hooganamu gareen hidhataa 'Humna Nagaa Tigraay' jedhamu mootummaa federaalaa waliin hiriireera.

Hundeessaan adda duree hidhataa kanaa amma bulchiinsa abbaa imaanaa keessatti hoji-rawwachiisaa nageenyaa fi tasgabbii ta'uun kan muudame Birgaader Jeneraal Gabrehigizihaabeer Bayyanaadha.

Maqaa masoo Weddii Anxiruu jedhuun caalaa kan beekamu Birgaader Jeneraal Gabrehigizihaabeer qabsoo hidhannoo TPLF mootummaa Dargii waliin taasisaa turetti kan makame A L I bara 1974 ta'uu dubbata.

ADWUIn erga aangoo to'ateen boodas Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti sadarkaawwan gara garaarra tajaajileera.

Dursaa Birgeedii, akkasumas ajajaa kutaa waraanaa ta'uun hojjeteera. Waraanni kaaba Itoophiyaa ka'uuf hanga yeroon xiqqoo hafuttis Iizii Kaabaa Raayyaa Ittisaa buufata isaa Kuhaa godhatee fi waraanni ture akka ka'uuf sababa kan ture ajajaa itti aanaa ture.

Waraanni sun osoo hin ka'iin ji'oota dursee Raayyaa Ittisaa keessaa soorama bahuun kan gaggeeffame B/Jeneraal Gabirehigzihaabiheer, walitti bu'iinsi yeroo ka'etti humnoota Tigraay waliin hiriireera. Jalqaba waraanichaa irraa kaasee jajoota waraanaa humnoota Tigraay waliin turan keessaa tokko akka ture dubbata.

Turtii isaa humnoota Tigray keessaan dursaa Koorii akkasumas Armii ta'uun tajaajileera. Weddii Anxiruun hooganaa kan ture 'Armii 50' kutaaleen waraanaa humnoota Tigraay keessaa addatti eeraman keessaati. 'Armii' kana akka gurmeessellee ni dubbata.

Weddii Anxiruun akka ibsutti, humnoota Tigraay irraa kan adda bahe wal qoqqooduun TPLF fi bulchiinsa yeroo gidduutti dhalate ajajoota gidduuttis yeroo mul'atettidha.

A L I bara 2017 ajajoonni waraanaa humnoota Tigraay "Koorii fi Koorii ol" jiran ibsa kennaniin, Getaachoo Raddaa itti gaafatamummaa isaarraa akka ka'u murtee kan dabarse TPLF cinaa akka dhaabbatan beeksisanii ture.

Murteen kun ammoo sababa ejjennoosaa akka jijjiiru ta'uu kan dubbate Weddii Anxiruu, isa dabalatee hoogantoota waraanaa 10 kana hordofee humnoota Tigraay irraa adda bahaniiru.

Yeroo muraasaan booda Weddii Anxiruu hoogantoota biroo fi loltoota humnoota Tigiraay irraa adda bahan waliin ta'uun garee hidhataa 'Haaraa Mareet' jedhamuun beekamu hundeessan.

Gareen jalqaba nananoo Affaar Tigraay waliin wal daangessu keessa socho'aa kan turan yoo ta'u, boodarra gara kibbaa fi lixa naannoo Tigraay keessatti baballifataniiru.

Boodarra maqaa "Humna Nagaa Tgraay" jedhu kan moggaafate gareen kun adda shanin akka socho'u ibseera.

Yeroo ammaa kanas mootummaa federaalaa waliin ta'uun Humnoota Tigraay lolaa jira.

Ajajaa ol aanaa garee hidhataa kanaa kan ta'e B/Jeneraal Gabirehigizihaaber, bulchiinsa abbaa imaanaa Tigraay keessatti hoji-gaggeessaa ol aanaa damee nageenyaa fi tasgabbii ta'uun akka hoogganuuf MM ABiyyiin muudameera.

⁠Dr. Tewodiroos Aregaay

Muudamni hoji-gaggeessaa olaanaa diinagdee fi deebisanii ijaaruu kan kennameef Dr. Tewodiroos Aregaay hirmaannaa siyaasaan hedduu kan beekamu miti.

Bara hojii isaa gara caalu hayyummaan kan dabarse Dr. Tewodiroos, yeroo jalqabaatiif gara siyaasaatti kan makame A L I bara 2013 erga waraanni Tigraay ka'een booda karaa bulchiinsa yeroo Dr. Muluu Nagaatiin hogganamuun ture.

Bara sana Waxabajji keessa hanga mootummaan Federaalaa Tigraayiin gadhiisee ba'utti bulchaa godina Shiree fi naannooshee walitti qabatu, godina Kaaba Lixaa ture. Itti gaafatamummaa kana erga qabateen booda paartii biyya bulchu, Paartii Badhaadhnaatti makamuun yeroo jalqabaatiif miseensa paartii siyaasaa akka ta'e BBCtti himeera.

Aanga'oonni bulchiinsi yeroofii ture sun mootummaa federaalaa waliin Tigraay keessaa erga bahanii booda Dr. Tewodiroos A L I 2014 hanga 2016tti gara barsiisummaatti deebiyee tureera.

Dr. Tewodiroos ogummaan isaa barsiisaa Fiiziksii yoo ta'u, dhimmoota akka 'Liitiyeem Ayoon baatirii' konkolaataawwan elektiriikii fi bilbilaaf gargaraan irratti qorannoo kan gaggessu 'Advaned Material Research' keessa hojjeta.

Fiiziksiidhaan digirii jalaqabaa isaa kan argate A L I bara 1994 Yunvarsiitii Bahir Daar irraa yoo ta'u, digirii isaa lamaffaas Yunivarsiitiima kanarraa 'Solid Sate Physics' irratti hojjeteera. Digirii isaa sadaffaa 'Advanced Material Resaech' irratti xiyyeeffate kan hojjete ammoo Indiyaatti kan argamu Yunivarsiitii Andiraattidha.

Miseensota Yunivarsiitii Adigiraat hundeessan keessaa tokko kan ta'e Dr. Tewodiroos, hanga gara bulchiinsa mootummaatti dhufutti dhaabbatuma barnootaa ol aanaa sana keessa Diinii Kollejjii ta'uun, akkasumas barsiisummaan hojjechaa tureera.

Bulchiinsa yeroo isa jalqabaatiin boodas A L I hanga Waxabajji 2026tti Yunivarsiitiiwwan Finfinnee fi Saayinsii fi Tekinooloojii Finfinnee keessatti barsiisaa tureera. Itti aansuunis bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti Kutaa Bulchiinsaa Araadaa keessa waajiraalee gara garaa keessa itti gaafatamummaan hojjeteera.

"Amma ammoo yeroon isaa gahee mootummaan wayita gara Tigraayitti debeiyutti waamicha naaf taasifameen ummata koo tajaajiluuf ergama natti kennameen bobba'eera," jechuun bulchiinsa abbaa imaanaa keessatti itti gaafatamummaa dinagdee fi deebisanii ijaaruu ilaalchisuun itti gaafatama itti kenname ibseera.

Redaa'i Allefoom

Itti gaafatamummaa ol aanaa gurmaa'ina siyaasaa fi ummataa kan qabate Radaa'i Allefoom, hoggana asiyaasaa miseensa koree giddu galeessaa TPLF nama turedha. Wayita waraana waggaa alamaa Tigraay ture keessas humnoota Tigray waliin hiriiree ture.

Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'uu hordofee bulchiinsi yeroo ce'umsaa Getaachoo Raddaan hoogganamu yeroo hundaa'etti itti gaafatamaa waajira komunikeeshinii gaggeesseera.

Waraana waggaa lamaaf ture durseesitti gaafatamummaadhuma kanarra kan hojjete yoo ta'u, bulchaa godina Tigraay kibbaas ture.

Sababa garaa garummaa TPLF gidduutti dhalateen Pirezidant Getaachoo raddaa waliin aanga'oota bulchiinsa yeroo ce'umsaa gara Finfinneetti baqatan keessaa tokkodha.

Hoggantoonni TPLF irraa adda ba'an paartii siyaasaa Dimokiraatawaa Simiret Tigraay (Simiret) jedhamu hundeessan keessattis bu'uuressuu isaa keessaa gahee qaba.

Dr. Shiishaay Amaaree

Mootummaa federaalaatiin kantiibaa magaalaa Maqalee ta'uun kan muudame Dr. Shiishaay Amaareenis haaluma wal fakkaatuun paartii Simiret kana keessatti hirmaannaa ni qaba. Miseensa mana maree Paartichaa akka ta'es ragaaleen jiran ni agarsiisu.

Magaalaa keessatti dhalate kantiibaa ta'uun akka hoogganu kan filatame Dr. Shiishaay barnoonni isaa Injiinaringiidha. A L I Yunivarsiitii Jimmaa irraa Mekkaanikaal Injiinaringiitiin digirii jalqabaan eebbifameera.

Maanufaakchering Injiinargiitiin ammoo digirii lamaffaan Yunivarsiitii Finfinnee irraa eebbifameera.

Indiyaa 'Indiyaan Inistiitiyuut oof Tekinooloojii Deelhii' irraa Mekkaanikaal Injiinaringiitiin digirii sadaffaa argateera.

Yunivarsiitii Maqaleetti gargaaraa piroofeesaraa kan ture Dr. Shiishaay, A L I bara 2015 Biiroo Barnootaa naannoo Tigraay hoogganeera.

A L I bara 2018 gara dhumaa koree hoji gaggeessaa Simret fi Komishinii Inispekshinii gidduutti wal dhibdee uumame hordofee, miseensota mana maree komii paarticha irratti dhiyeessan keessaa tokko Dr. Shiishaay ta'uu isaa maddeen BBCtti himaniiru.

Komishinii Odiitii fi Inispekshinii deeggaruun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf komii kan dhiyeessan Dr. Shiishaay dabalatee miseensonni mana maree, koreen hoji raawwachiiftuu danbii ittiin bulmaataa Paarichaa fi seera filanniitiin ala socho'eera himannaa jedhu dhiyeessera.

Walga'iiwwan fi sochiiwwan Paartichi taasisu kamiyyu akka dhorkamuuf gaafatee akka ture ni yaadatama.