Jeneraal Taaddasa Warrada deeggarsa eenyuufi akkamiin TPLF harkaa akka miliqan dubbatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Guyyoota 15 kan ta'uuf harka TPLF kan turan pirezidaantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa naannoo itti hidhamanii turanii "deeggarsa bulchiinsa naannoo" TPLF harka jiruutiin miliqanii bahuu dubbatan.

Jeneraal Taaddasaan turtii BBC Tigriffaa waliin taasisanii akkamitti akka TPLF harkaa miliqanii bahaniifi haala akkamii keessatti hidhamanii akka turan ifa godhaniiru.

Magaalaa Maqaleetii fuudhamanii yeroo deeman, gara Ertiraatti geeffamuuf akka ta'e yaada akka hin qabne himan.

"[TPLF] lolicha mo'anii ykn Finfinnee to'atanii ykn ammoo walakkaa deemanii nutti agarsiisuuf karoora waan qaban natti fakkaatee ture," jechuun TPLF biga hin eegamneen 'rukutamee' boodatti baqachuu himan.

Torbaa lamaaf harka TPLF yeroo turanitti, Maqaleerraa erga fuudhamanii gara Aksuum, achirraa immoo gara magaalaa daangaa Ertiraa kan taate Raamaa geeffamuun hidhaman.

Raamaa yeroo geeffaman gara Ertiraatti geeffamuuf akka jiran shakkaa turuu himu Jeneraal Taaddasaan.

"Isaan kan barbaadan gara Ertiraatti nu ceessisuu ture. Maqaleedhaa kaasnee waanti argaa ture sanuma kan akeekudha," jechuun harka TPLF akka bilisa baafaman amantaa akka qabaniifi dhumarrattis akkuma abdatan deeggarsa taasifamee miliqfamuu himan.

Bakka itti miliqan Raamaa yeroo turanitti, poolisii Raamaatiin eegumsi godhamaafii turuu kan himan Jeneraal Taaddasaan, "[TPLF] keessatti qoodamiinsi uumamuun" miliquusaaniif akka gumaache ibsan.

Raamaadhaa miliquu keessatti bulchaan Aanaa Raamaa, maqaasaanii dhahuurraa of qusatan, gahee guddaa akka taphatan himu.

Jeneraal Taaddasaa dabalatee qondaalota olaanoo bulchiinsa yeroo naannichaa turan afur Ertiraatti akka geeffamaniif bulchiinsi Aanaa Raamaa akka itti hin amanne jedhu.

"[Gara Ertiraa geeffamuu keenya] waraanni deeggaru hin turre. Hoggantoonni naannoo sanaas hin fudhanne. Eegdonni keenyaas hin fudhanne," jechuun qondaalonnumti TPLF naannoo sanaa akka miliqaniif haala mijeessufii himan.

"Bulchaan aanaa Raamaa ammaf maqaa isaa sitti hin himne karaa maatii isaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa waliin walqunnamtii uumuun akka karoorri isaanii hin milkoofne keessatti gahee guddaa taphate," jedhu.

Keessumaa namoota Ertiraadhaa isaan fuudhuf dhufan "gowwoomsuun" akka miliqaniif bulchaan kun gahee guddaa akka bahate himu Jeneraal Taaddasaan.

"Bulchaan kun namoota Ertiraa irraa nu fudhachuuf dhufan daangaa irratti akka eegan erga taasisee booda, warra nu waliin hidhaman konkolaataa ofiitiin Raamaa keessaa baasee, naannoo Da'iroo Taklii jedhamutti humnoota mootummaa federaalaatti nu kenne," jechuun ofiifis Raayyaa ittisaatti harka kennachuu ibsu.

TPLF gara Ertiraatti isaan geessinaan salphaatti akka bilisa bahuu hin dandeenye hubatanii turuurraa kan ka'e miliquuf tattaaffii garaa garaa godhameen milkaa'uu himu Jeneraal Taaddasaan.

Jeneraal Taaddasaa Warradaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay marsaa lammataaf akka gaggeessaniif MM Abiy Ahmad muudanis, battalumatti TPLF irraa mormiin isaan mudate.

Itaansuun TPLF bulchiinsa naannichaa to'achuun mootummaa federaalaa waliin muddamni hammate.

TPLF pirezidaantii bulchiinsa yeroo kan turan Jeneraal Taaddasaa aangorraa buusee naannicha erga to'atee booda manuma akka turan ibsu.

"Aangoo pirezidaantummaa humnaan erga fudhatanii booda manuman taa'a ture. Mana taa'ee hojiiwwan heddu hojjataan ture," jechuun ala bahanii akka hin sochooneef TPLF namoota itti ramadee isaan hordofsiisaa akka tures dubbatu.

"Naannoo sana namoonni tikaa akka socho'an godhu; dhiibbaa keessa akkan ture nan hubadha," jedhan.

Yeroo naannicha gaggeessaa turan humnoonni Tigraay humnisaanii akka cimu gochaa turan kan jedhu gidduu kana komiin Jeneraal Taaddasaa irratti ka'aa jira.

Komii miidiyaa hawaasaa irra naanna'aa jiruufi isaan irratti dhiyaatu kana Jeneraal Taaddasaan hin fudhatan.

"Jalqabarraa kaasee tattaaffiin koo humna waraanaa qindeessuu osoo hin taane waraanni akka hafu gochuudha. Akkamittan loltoota gurmeessa?" jechuun komii irratti dhiyaate dhara ta'uu ibsu.

Waraanni akka irra deebiin hin eeggalleef taattaaffii godhanis waraanni akka hin hafne garuu shakkii qaban hin dhoksine.

"Waraanni akka eegalu ergan shakkuu jalqabee tureera. Har'a ykn boriisaan hin beekne malee, waraanni akka eegalu tilmaaman ture," jedhan.