Dargaggoonni Awurooppaa egeree isaaniif abdii dhabuun mormiitti jiru - ofii waan isaan tokkoomsu jiraa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Torbeewwan muraasa darban keessa magaalota gurguddoo Awurooppaa Miilaanii hanga Maarseetti akkasumas hanga Maadriditti hiriirawwan mormii jajjaboon adeemsifamaniiru.

Hiriironni mormii kunneen harka caalmaan karaa naga-qabeessa ta'een eegalamanillee baay'eensaanii booda keessa hookkarafi saamichaan goolabaman.

Hookkarawwan kana duubas gareelee leellistoota sirna faallaa kaapitaalizimiitu jiru jedhamuun komatamu. Poolisiinis humna garmalee fayyadameera jedhamuun gabaafameera.

Xaaliyaan keessa magaalota Room fi Filoorans keessa namoonni kumaatamaan lakka'aman hiriira mormiirratti hirmaataniiru.

Magaalonni Faransaay garagaraas mormitoota kuma dhibbaan lakka'amaniin yemmuu jeeqaman, Beljiyeem magaalaa Biraasals keessammoo dargaggoonni uffata gurraacha uffatanii fuulasaanii dhoksan poolisii biyyattiitti dhagaa darbachuusaanii hordofee poolisiin aara nama boochisufi rasaasa bishaanii fayyadameera.

Albaaniyaa keessattimmoo namoonni mootummaa biyyattii bulchu malaammaltummaan himatan Ministirri Mummee waggoota 13'f biyyattii bulchan Edi Raamaa aangoorraa akka bu'an gaafataniiru.

Kanaafis ardiin Awurooppaa gama hawaasummaanis ta'e siyaasaan tasgabbiin irraa fagaachaa kan jiru fakkaata.

Hiriirawwan mormii biyyoota Awurooppaa mudate kanaan dhimmi ijoon hubatamuu qabu tokko kunneen nagahaanis ta'e hookkara kakkaasuun daandiitti bahan harka caalmaan dargaggoota ta'uu isaaniiti.

Mormitoota sanbata darbe Ispeen magaalaa Baarseloonaa keessatti to'ataman keessaa walakkaadhaa ol umriinsaanii waggaa 18 gadidha. Tajaajilli oduu LaPresse akka gabaasetti, kunneen Xaaliyaan magaalaa Miilaan keessatti poolisiin to'ataman keessas daa'imman umriinsaanii waggaa 18 hinguunne ni jiru.

Mootummoonni Awurooppaa harka caalmaanis kunneen saamichafi jeequmsarratti bobba'anfi kunneen karaa nagaqabeessafi qindaa'en hiriira bahanirraa adda baafachuuf ofeeggannoon socho'aniiru.

Mormitoonni karaa nagaqabeessafi gurmaa'een hiriira bahanis biyyaa biyyatti gargar ta'us akka waliigalaatti dhimmoota muraasarratti xiyyeeffachuun sagaleesaanii dhageesisaa turaniiru.

Isaanis komiiwwan barnootaan walqabatan, walqixxummaan hawaasummaa dhabamuufi qaala'iinsa jireenyaati.

Tooftaa mormii TikTookii bu'ureeffate

Ardii Awurooppaatti biyyoota akka Faransaay, Beeljiyem, Aayerlaand, Ispeen, Porchugaal, Xaaliyaan, Giriik, Sarbiyaafi Albaaniyaa keessatti barattoonni mormiisaanii dhageesisuuf daandiitti bahaniiru.

Hiriirawwan mormii baay'eenis TikTok fi Inistaagiraamiitti fayyadamuun qindeeffamaa turan. Ministirri dhimma biyya keessaa Beeljiyeem, mormiiwwan kunneen "TikTookiirratti" hundaa'uusaanii komataniiru.

Waldaaleen barattootaa gahee hiriirawwan qindeessuu kan bahatan yemmuu ta'u, gitootasaanii biyyoota biroo akkasumas ardiilee biroo keessa jiran akka fakkeenyaatti fudhataniiru.

Hiriirri mormii barattootaa dhuma ji'a Fulbaanaatti Faransaay keessatti yemmuu eegalutti dhimmoonni ka'umsa turan hanqina hojjettootaa dhaabbilee barnootaafi gamoowwan dullooman turan.

Biyya olla Beeljiyem keessattis magaalawwan Biraasals fi Liig hiriira mormii dargaggootaa torbeewwanif fulla'e keessummeessaniiru.

Baarseloonaa keessattis barattoonni haashtaagii miidiyaa hawaasaa #InstitutsIndignats (hiikaa 'manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa aaran/muufatan' jedhu qabu) akka fayyadamaniif jajjabeeffamaa turan.

Yaaddoo dinagdeen guddachuu didee fi dandeettii waa bitachuu

Biyyoota Awurooppaa heddu keessatti rakkoon diinagdee yeroo dheeraaf turuu dargaggoota hedduf yaaddoo ta'eera.

Dargaggoonni kun waa'ee naannoosaanii ni yaadda'u, dabalataan sodaan hubannoon namtolchee carraa hojii nusaamuu danda'a jedhus keessa buleera.

Kana malees, qaala'insi jireenyaa yeroo gara yerootti dabalaa jiru barnoota akka hinxummurre nutaasisuu mala akkasumas mana jireenyaa maatii dhaabbachuu nudandeesisu bitachuu yookiin kireeffachuu nudhorkuu danda'a jechuunis ni sodaatu.

Porchugaal magaalaa Lizban keessa kan jiraattufi barattuu PhDfi qorattuu baayoloojii kan taate shamarreen waggaa 26 Kaaroliinaa Kiruuz, yeroon waliigaltee kiraa manaashee dhumataa jiraachuusaatin mana keessa jiraachaa jirtu dhabuu akka dandeessu himti.

"Maatii kiyya keessaa nama yeroo jalqabaaf sagantaa barnootaa doktarummaa barachaa jirtudha. Haa ta'u malee kana hunda baradhee mana amma keessa jiraadhu kana keessa kana booda jiraachuu hindanda'u" jechuun Royitarsitti himteerti.

Muufii shamaree tanaa kan qooddattu dargaggeessi waggaa 22 Xaaliyaan magaalaa Miilaan keessatti mormiif bahe Rikaardoon, "Biyyattii akka Faransaayitti hookkara keessa buusuu baannus, akka Ispeenitti daandiiwwan hunda cufuu baannus, kaayyoon keenya yoo xiqqaate namoonni waa'ee dhimmoota kanaa akka haasa'an gochuudha" jechuun AFP'tti himeera.

Gaaga'amawwan walfaana uumaman

Muufiin biyyoota Awurooppaa keessatti mul'ate kun dargaggoota qofa osoo hintaanee gamtaa hojjettootaa, sosochii Jaakkeettii Keelloo Faransaay keessaa akkasumas sosochiiwwan lammiilee kan biroos hammateera.

Sanbata darbe magaalaan qarqara galaanaa kibba Ingilaanditti argamtu Keent hiriirawwan mormii faallaa ta'an lama: kan godaansa deeggarufi mormu keessummeessiteerti.

Daayrektara Mana Maree Hariiroo Alaa Awurooppaa kan ta'an Maark Liyonaard, Awurooppaan gaaga'amawwan yookiin rakkoolee walitti aananii dhufanfi ofiin walmokan heddu keessa jiraachuushee himu.

Haa ta'u malee rakkooleen kunneen hanga ammaatti akka hinfuramnes dubbatu.

Muufiiwwan kuufamaa turanis amma dhoohuudhaan daandiitti bahaa jiraachuus dubbatan.

"Rakkoon tokko isa biraarratti dabalamaa dhufe. Gaaga'ama diinagdee bara 2007-8, gaaga'ama baqattootaa 2015, gaaga'ama naannoo, Covid, qaala'iinsa jireenyaa Raashiyaan bara 2022'tti Yukireen weeraruushee hordofuun uumamefi ammammoo waraanni Galoo Galaanaa walirratti ida'amaa dhufan" jedhan.

Gorsituu mootummaa Xaaliyaanii kan turanfi yeroo ammaa Yunivarsitii Joons Hopkinsitti pirofeesara siyaasaa kan ta'an Naataalii Toochi, hirmaannaan dargaggoonni hiriirawwan mormiirratti taasisaa jiran nama ajaa'ibsiisuu akka hinqabne himu.

"Dargaggoonni akka waan fedhii siyaasaa hinqabnetti yaadna. Gadi bahanii filannoorratti sagalee kennuuf akka hin dhimmamnetti yaadna. Garuu qabatamaan ni hirmaatu" jedhan.

Sosochii mormii barattootaan durfamuun Sarbiyaa keessatti adeemsifamefi hogganaa biyyattii Aleksaandar Vuchich filannoo paarlamaan akkaa injifataman taasise akka fakkeenyaattis kaasu.

Sosochii itti fufu?

Guyyoota itti aananitti Faransaayfi Xaaliyaani keessatti hiriirawwan gaggeessuuf karoorri qabameera.

Mootummoonni biyyootaa gama isaaniin hookarawwan hiriirawwan mormiin walqabatanii uumaman dhaabsisuuf yaalaa jiru.

Hanga ammaattis namoonni kumaatamaan lakka'aman to'annoo jala oolaniiru. Xaaliyaanfi Faransaay kunneen miidhaa geesisanirratti imaammata "yoo cabsite, ni kaffalta" jedhu hojiirra oolchuuf waadaa galaniiru.

Ministirri Mummee xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii miidhaa daa'imman qaqqabsiisaniif maatiin akka kaffalan taasisaa jiru. Seerri hariiroo hawaasaa Faransaayis maatiin ijoolleesaanii walin jiraatan miidhaa ijoolleen qaqqabsiisaniif akka gaafataman ajaja.

Haata'u malee, mootummoonni Awurooppaa tokko tokko yeroo dheeraaf aangoorra waan turan miti. Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa isaan gurguddoon hundi filannoo adeemsisaa turan yookiin ji'oota itti aanan keessa ni adeemsisu.

Filannoon pirezidaantummaa Faransaay keessaas Awurooppaa keessatti dhiibbaa guddaa akka qabaatu tilmaamama.

Qorannoo yaada filattootaa taasifamaa turaniinis Maarin Le Pen itti fufiinsaan morkattootasaanii dursaa jiru. Ergaan dhaabni siyaasaa qondaaltuu tanaa filannichaaf qabatee dhiyaate seerafi nageenya kabachiisuurratti kan xiyyeefate ta'uusaan hookkarri Faransaay keessaa deemaa jiru Le Pen akka fayyadu kan taasise fakkaata.

Ispeen, Xaaliyaan, Jarmanfi Pooland keessattimmoo paartileen siyaasaa sabboonummaa leellisanfi imaammatawwan farra godaansaa qaban deeggarsa cimaa akka qaban qorannoon yaada filattootaa agarsiisu.

Haa ta'u malee filannoowwan biyyoota kunneen keessatti taasifaman muufii hawaasaaf deebii laachuu danda'uu kan jedhu ammatti ifa miti. Sababnisaammoo biyyoota kunneen keessa yaadawwan faallaa walirraa fagoo ta'an babal'achuusaaniiti.

Fakkeenyaaf Faransaay keessatti Le Pen injifachuun pirezidaantii yoo ta'an, mormitoonnisaanii aariidhaan daandiitti bahu akka danda'an namoonni heddu tilmaamu.

Awurooppaan ammayyaa yaada lammiileen gibira ni kaffalu, seeras ni kabaju jedhu bu'uura gochuun ijaaramte. Kanaaf ammo lammiileen tajaajila hawaasaa gaarii kan akka barnootaa, tajaajila fayyaafi nageenya dhuunfaa ni argatu.

Haata'u malee, "waliigalteen hawaasummaa" kun ifatti laafera jedhu dhaabbata Chatam Haawusitti daayrektara Awurooppaa kan ta'an Girigoorii Roos.

Mormiiwwan daandiilee Awurooppaarratti mul'atan kunneen itti dhiyeenyan yemmuu ilaalamanis kan itti fufan fakkaata.d, he says. That sense of pent-up anger is now bubbling over onto the streets.