Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa diroonii Tigraay magaalaa Raamatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefaman
Naannoo Tigraay magaalaa Raamaa keessatti haleellaa diroonii gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii, hedduun madaa'uu namoonni ijaan arganiifi hojjattoonni hospitaalaa BBCtti himan.
Haleellaan diroonii kun Roobii, Onkoloolessa 28 irraa kaasee walitti aansuun guyyoota sadiif gaggeeffamaa turuu jiraattoonni magaalaa Raamaa himan.
Namoonni 12 kan ajeefaman haleellaa diroonii Jimaata, Onkoloolessa 30 gaggeeffameen ta'uu kan himan jiraattonnifi maddeen BBCn dubbise, haleellaa guyyoota sadan gaggeeffaman keessaa isa hamaa akka ta'es himu.
Magaalaan Raamaa naannoo daangaa Ertiraatti kan argamtu yoo taatu, mootummaa federaalaa waliin lolatti kan jiran hidhattoonni TPLF heddumminaan naannoo daangaa Ertiraa akka socho'antu himama.
Jiraattonni magaalaa Raamaa akka jedhanitti haleellaan diroonii kan gaggeeffame bakka lolli homaatuu hin jirreefi sochiin hidhattootaa hin jireettiidha.
Jiraataan Raamaa maqaansaanii akka hin ibsamne gaafachuun BBCtti dubbatan akka jedhanitti, keessumaa haleellaan diroonii Jimaata gaggeeffame "isa hamaadha" jechuun ibsan.
Kamisa halkan konkolaataa midhaan fe'ee gara maagaalaa Raamaa seenaa jirurratti haleellaan diroonii gaggeeffamuu kan himan jiraatan kun, haleellichaan konkolaataafi midhaan qofaarra miidhaan gahuu himan.
Haleellaan cimaan garuu ganamsaa ta'uu ibsu. Abbaan konkolaatichaa haleellaa halkan gaggeeffameen misingaa bittime akka walitti qabaniif hojjattoota fuudhee bakkicha osoo jiruu haleellaan biraa irratti gaggeeffamuu ibsan.
"Namoonni walitti qabamanii osoo gargaaraa jiranii [dirooniin] kallattumaan isaanirratti darbatte. Miidhaan kan irra gahe hundisaanii dargaggoota waggaa 25 gadiiti," jechuun haala ture ibsu.
Haleellaa kanaan namoonni 12 ajjeemuu kan ibsan yoo ta'u, isaan keessaa 10 battalumatti du'uufi lama ammoo osoo waldhaansaaf gara Aksuum geeffamaa jiranuu du'uu himu.
"Haleellaa suukaneessaa ture, namoota du'an adda baasufuu rakkataa turre. Kuni ebelu ta'uu danda'a jechaa sirni awwaalchaa raawwatame," jedhan.
Jiraataan biraa magaalaa Raamaa nageenyasaaniif jecha maqaan akka hin ibsamne jechuun BBCtti dubbatan, lakkoofsi namoota haleellaa kanaan du'anii 13 akka ta'e ibsu.
"Namoota nagaa 13 du'e. Kanneen hospitaala geeffaman keessaa lamatu du'e. Hedduunsaanii hojjattoota humnaa turan. Kaansaanii buufata konkolaataa keessa akka hojjatan ni beekna," jedhu.
Kanneen haleellaa diroonii kanarraa lubbuun hafan Hospitaala Sadarkaa Duraa Raamaatti yaalarra jiraachuus himu.
Namni ijaan argan biraa ammoo kanneen du'aniifi madaa'an yoo xiqqaate namoota 25 lakkaa'uusaanii BBCtti himan.
Akka isaan jedhanitti, naannoo sana sochiin waraanaa homtuu hin turre. Kanneen ajjeefaman shufeerota baajaajii dabalatee hojjattoota humnaa ta'uu dubbatu.
Roobii guyyaa keessaa naannoo sa'aatii 6tti haleellaa diroonii mana nyaataa irratti gaggeeffame jedhameen, abbaa manichaa dabalatee namoonni lama battalumatti du'uu, namoonni sadi miidhamanii mana yaalaa geeffamuu ibsu.
Jiraataan lammaffaan BBCn dubbise akka jedhanitti, haleellaa diroonii biraa konkolaataa 'minibaasii' jedhamu namoota fe'ee turerratti gaggeeffameen namoonni nagaan lama ajjeefaman.
Haleellaa walitti aansuun guyyoota sadiif Tigaaray, Raamatti gaggeeffame jedhameen lakkoofsi namoota du'anii meeqa akka ta'e BBCn hin mirkaneeffanne.
Haleellaa gaggeeffame jedhame ilaalchisee mootummaa federaalaafi Raayyaa Ittisaarraa odeeffannoo argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.
Jimaata, Onkoloolessa 30 namni hospitaala irraa BBCn dubbise akka jedhanitti, haleellaa diroonii gaafuma sana ganama gaggeeffame jedhaniin, namoonni 25 hospitaalicha dhufuu himan.
Akka isaan jedhanitti, hedduunsaanii yeroo hospitaala gahan du'aniiru.
"Nu bira kan dhufe namoota 25 ta'u. Kanneen keessaa 12 yeroo dhufan du'aniiru. Osoo waldhaansa kennaafii jirruu kan du'anis jiru. Kanneen hafan keessaa shan gara hospitaala Aduwaafi Aksuumitti rifarii goone," jedhan.
Paartiin naannoo Tigraay keessa socho Saalsaayii Wayyaanee ibsa baaseen, haleellaa diroonii magaalaa Raamaa keessatti gaggeeffameen namoonni 12 ajjeefamuu ibsuun, haleellichi "tasumaa fudhatama kan hin qabne" jechuun haleellaan jumlaa namoota nagaarratti gaggeeffamu akka dhaabatu waamicha dhiyeessera.