Himanni Sudaan irra deebiin Itoophiyaa irratti dhiyeesite fi ofirraa ittisuuf dhaadatte maali?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Biyya ollaa Itoophiyaa kan taatee Sudaan Itoophiyaan haleellaa diroonii bu'uuraalee humna ibsaa, kuusaa boba'aa fi iddoowwan bu'uuraalee misoomaa siivilii irratti raawwatame keessaa harka qabdi jechuun irra deebiin himatte.

Sudaan kana duras baatii caamsaa darbe haleellaa diroonii irratti raawwatame daangaa Itoophiyaa keessaa ka'uu himatte turte.

Ammas Mootummaan Sudaan himata wal fakkataa ''Itoophiyaan akka sudaan haleelamtuuf daangaa ishee hayyamte'' jechuun dhiyeessiteerti.

Aangawootni Suudaan, Itoophiyaa fi Gamtaan Eemireetota Arabaa, UAE haleellaa kanaaf himata irra deebiin dhiyessan.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Sudaan, Mu'aawiya Usmaan Kaalid, tarkaanfiin Itoophiyaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irratti dhiibbaa akka geessisuu akeekkachiisan.

Sudaan mirga daangaa ishee keessatti ofirraa ittisuu akka qabdu himan.

Kaalid himata kana kan dhiyeessan Roobii darbe magaalaa Kaartuum keessatti aangawootni mootummaa fi dhaabbileen basaasaa Sudaan ibsa miidiyaaleef kennaan irratti ture.

Torban kana keessaas haleellaa dirooniin buufata humna ibsaa biyyatti Markhiyat kan kaaba-dhiha Omdurmanitti argamu haleeluun tajaajila ibsaa naannoo magaalaa guddoo biyyattii addaan kuutee ture.

Kana malees bakka kuusaa boba'aa fi ujummoowwan daddabarsa boba'aa biyyatti irratti haleellaan diroonii torban kana keessa raawwatamuun gabaafameera.

Dhaabbanni oduu mootummaa Sudaan, SUNA'n, akka gabaasetti, mootummaa Sudaan ragaa haleellaa diroonii iddoowwan siiviilii fi bu'uuraalee humna ibsaa naannolee biyyattii garaagaraa keessatti raawwatame daangaa Itoophiyaa irraa ka'uu agarsiisu dhiyeesseera.

Akka gabaasichatti, qondaaltonni Ministeera Ittisaa, Ministeera Dhimma Alaa fi basaasaa Sudaan, haleellaan diroonii naannolee Kaartuum, Al-Jaziiraa, Naayilii Adii, Sinnaar fi Al-Qadaarif jedhaman keessatti raawwataman daangaa Itoophiyaa keessaa ka'uu ibsan.

Akka gabaasni miidiyaalee biyyattii qondaaltoota mootummaa Sudaan wabeeffachuun ba'anitti, dirooniwwan humnoota waraana Sudaaniin rukutamanii kufan, daataa balalii fakkii satalaayitiitiin qabamee fi caccabaa diroonii teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun qoratamanii adda bahuu ragaa godhachuun dhiheessaniiru.

Qorannoon kunis iddoowwan dirooniwwaan kunneen irraa ka'an iddoowwaan daangaa Itoophiyaa keessatti argaman waliin walqabsiisa jedhu.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Sudaan, Mu'aawiya Usmaan Kaalid ''Itoophiyaan tarkaanfii Sudaan irratti fudhachuu ishee hin dhaabne, haleellaa biyyattii irratti raawwachuu itti fuftettis'' jedhan.

Anga'aan kun Sudaan ofirraa ittisuuf mirga akka qabdu, akkasumas dhimma kana hawaasa idil-addunyaa akka quba qabaatu dubbatan.

Sudaan ummata Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii akka qabdu kan ibsan itti aanaan ministirichaa, haa ta'uu malee haleellaa diroonii lammiilee Sudaan irratti raawwatamu kan itti fufsiisaa jiru mootummaa Itoophiyaati jechuun mootummatti quba qaban.

Dhaabbileen idil-addunyaas gocha kana dhaabsisuuf tarkaanfii akka fudhatanis waamicha dhiyeessan.

Himannaa irra deebiin Sudaan Itoophiyaa fi UAI irratti dhiyeessite ilaalchisee anga'oota Itoophiyaa fi UAI irraa deebiin kenname hin jiru.

Haleellaan DIroonii rawwatame jedhames hanaga ammatti qorannoon qaama walabaatiin mirkana'e hin jiru.

Mootummaan Sudaan baatii caamsaa darbe Itoophiyaan humna RSF deeggaruu fi dirooniiwwan humna kanaaf oolan daangaa Itoophiyaa irraa akka ka'an hayyamuu himachuun ni yaadatama.

Haa ta'uu malee Mootummaan Itoophiyaa yeroo sanatti deebii kenneen, ''himata bu'uura hin qabne'' jechuun kuffisee ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Caamsaa 05, 2026 ibsa baaseen, duudhaa fi hariiroo gaarii ummatni biyyoota lamaanii qabu eeguuf callise malee ''gocha badii sababa waraana Sudaaniin daangaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu'' guddaa ta'uu himate.

Humni Waraanaa Sudaan loltoota mootummaa Itoophiyaa lolan meeshaalee waraanaa fi maallaqaan tumsuun kutaa Itoophiyaa gara lixaa keessa akka socho'an haala mijeessaaf jechuun himate.

Haa ta'uu malee mootummaan Itoophiyaa mootummaa Sudaan waliin hariiroo kabajuu, akkasumas abbaa biyyummaa biyyattii kabajuu itti fufsiisuuf fedhii akka qabu ibse.

Wal himannaa Itoophiyaafi Sudaan booda Ameerikaan Waraanni Sudaan 'dirree waraana bakka bu'oota' biyyoota hedduu hirmaachise ta'aa dhufuun yaadessuu ibsiteerti.

Sudaan keessatti Waraana Suudaan fi RSF giddutti Ebla bara 2023 irraa eegalee waraanni biyyatti balaa hedduuf gaaga'e adeemsifamaa jira.

Waraanni kun hanga ammaatti namoota kuma heddutti lakkaa'aman ajjeesuu, namoota gara miliyoona 13 ta'an qe'ee isaanii irraa buqqisuu fi rakkoo beelaa akkasumas balaa namoomaa biyyattii keessatti hammeessuuf sababa ta'eera.