Mormitoonni 'Netaaniyaahuun bu'aa filannoo gatii dhabsiisaa jira yoo jedhan, Netaaniyaahuun paartiin Arabootaa filannoo hatan' jedha

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Beeniyaamiin Netaaniyaahuu 'giddu seentummaa humnoota alaan sagaleen filannoo hatameera' jechuun paartilee Arabaa filannoo Israa'el irratti hirmaatan himateera.

Morkataa cimaa Netaaniyaahuu ta'ee filannoo Israa'el ammaarratti kan dhiyaate Gaadii Ayizankootifi paartileen Arabaa himannaa Netaaniyaahuu kana kufaa gochuun bu'aa filannoo biyyattii gatii dhabsiisuuf akka ta'e deebii kennan.

Netaaniyaahuun paartilee Arabaa deeggarsa fandii biyyoota akka "Turkiifi Kaataar" irraa argachuun sagalee hatan jedhee himate. Waajjira tika biyya keessaa Israa'el kan ta'e Shiin Beet paartileen Arabaa Israa'el dhuguma fandii biyyoota akka Turkiifi Kaataar irraa argachuufi dhiisuu qorataa jira.

Kaataar himannaa paartiin Netaaniyaahuu irratti dhiyeesse kana 'soba adii' jechuun deebii kennite.

Ministeerri dhimma alaa Kaataar ibsa baaseen "himannaa dhugaarraa fagate fi maqa balleessii fokkisaa" jechuun namoonni siyaasaa Israa'e duula maqa balleessii Dohaa irratti gaggeessaa akka jiran beeksise.

Filannoo Israa'elitti gaggeeffameen garee Netaaniyaahuus ta'ee kan mormitootaa keessaa kan sagalee caalmaa mootummaa ijaaruuf isaan dandeessisu hin arganne.

Paartileen Arabaa lama- Joyint List fi Ra'am- teesuma paarlaamaa Israa'el Kinesset 120 keessaa tessuma 19 argataniiru.

Kuni ammoo siyaasa biyyattii keessatti kan kana duraa caalaa sagaleensaanii murteessaa akka ta'u isaan taasisa. Keessumaa gamtaan mormitootaa isaan waliin ta'uun carraan mootummaa hundeessanii Netaaniyaahuu aangorraa gaggeessuu danda'an bal'aadha.

Paartiin Netaaniyaahuu Likuud fi paartileen biroo isa waliin jira teessuma 53 argataniiru. Gamtaan paartilee mormituu kan Gaadii Ayizaankootiin durfamu ammoo teessuma 48 argataniiru.

Himannaa "giddu seentummaa biyyoota alaan namoonni paartilee Arabaa akka filataniif maallaqni kennamaafii ture" jedhu dhiyaachuu hordofee Koreen Giddugaleessaa Filannoo biyyattii Shiin Beet dhimmicha akka qoratuuf gaafataa ture.

Paartileen Arabaa lamaanuu himannaa gareen Netaaniyaahuu irratti dhyeessu kana fudhatama dhabsiisaniiru.

Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasanitti, Kaataar maallaqa kennuun lammiileen Israa'el Araba ta'an filannicharratti heddumminaan bahanii filannoo gaggeessuun teessuma heddu akka argatan gochaa jirti kan jedhu eeruun Koreen Giddugaleessaa Filannoo qaqqabe.

Netaaniyaahuufi paartiin isaa Likuud paartileen Arabaa 'giddu seentummaa humnoota alaan' gargaaramanii teessuma 19 akka argatan ibse.

Dhaabbati nageenya biyya keessaa Israa'el, Shiin Beet boodarra ibsa baaseen, qorannoon isaa hawaasa Arabaa guutummaarratti kan hin xiyyeeffanne ibsuun himannaan 'guutummaa hawaasa Arabaa irratti dhiyaatus sirrii akka hin taane' ifa godhe.

Morkataan Netaaniyaahuu Gaadii Ayizaankoot gamasaan, bu'aan qorannoo osoo hin ibsamin dura "sagaleen filannoo hatame ykn giddu seentummaan biyyoota alaa jira" jedhanii dubbachuun sirrii akka hin taane ibse. Inumaayyuu Netaaniyaahuun filannoo gatii dhabsiisuuf jecha himannaa garaa garaa akka dhiyeessu hime.

Netaaniyaahuun "bu'aa filannoo kufaa gochuuf jecha duula sobaafi qindaa'aa ta'e gaggeessaa jira," jedhe.