Gaadii Ayizankoot: Qondaalli waraanaa buleessi filannoo Israa'eliin Netaaniyaahuu kokkee qabaa jiru eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Siyaasa Israa'el keessatti namni hanga Beeniyaamiin Netaaniyaahuu aangorra ture hin jiru. Filannoo Israa'el Onkoloolessa 27 gaggeeffamuun ammas Netaaniyaahuun Ministiira Muummee ta'ee itti fufuuf kaadhimamtoota keessaa tokko ta'ee dhiyaatera.
Kaadhimamtoota aangoo gaggeessummaa Israa'eliif Netaaniyaahuu morkataa jiran keessaa tokko qondaala waraanaa buleessa ta'e Gaadii Ayizankoot.
Humna waraanaa Israa'el keessatti waggoota hedduuf tajaajilaa nama tureedha. Bulchiinsa Netaaniyaahuu jalatti Ajajaa Humnoota Waraanaa Israa'el ta'uunis tajaajileera.
Ofii namni filannoo Israa'el kanaan dorgomaa cimaa Netaaniyaahuu ta'ee dhiyaate kun eenyu? Paartiin inni yeroo dhiyoo hundeesse akkamiin biyyattii keessatti fudhatama argate? Gaadii Ayizankoot namoota siyaasaa Israa'el kaanirraa maaliin adda ta'a? Waa'ee Iraanifi Filisxeem ejjannoo akkamii qaba? gaaffilee jedhan mee haa ilaallu.
Gaadii Ayizankoot akka Netaaniyaahuu nama yuunivarsiitii beekamaa US kan ta'e MITtti hin baranne. Akka Netaniyaahuu afaan Ingiliffaa bareechee hin haasa'u. Muuxannoo aangoo siyaasaas hin qabu. Garuu waan ittiin Netaaniyaahuu caalu tokko akka qabutu himama- amanamummaafi namuusa humna waraanaa keessatti waggoota dheeraaf horateefi ittiin beekamu.
Kanumaaf fakkaata paartiin Yashar jedhamu yeroo dhiyoo hundeesse Israa'el keessatti beekamtii argachuu kan danda'e. Gaadii Ayizankoot warra isa duran paartilee mormituu caaluun filannoo kanaan Netaaniyaahuuf morkataa cimaa ta'ee dhiyaachuu danda'eera.
Gaadii Ayizankoot paartii haaraa erga hundeessee reefu waggaa tokko ta'us, biyyattii keessatti morkataa cimaa Beeniyaamiin Netaaniyaahuu ta'uu danda'eera.
Bulchiinsi Netaaniyaahuu akkaataa itti waraana Gaazaa gaggeesse irratti qeeqa cimaa dhiyeessa. Gaadii Ayizankoot ofiisaa nama humna waraanaa cimaa qabaachuufi itti fayyadamuuttti amanu ta'us, Netaaniyaahuun "Hamaas nan balleessa" jedhee waadaa galee balleessuu hin dandeenye jechuun qeeqa.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akkaataa waraanni Israa'el-Hamaas itti eegaleefi sana booda itti gaggeeffamerratti Netaaniyaahuu waliin wal-dura dhaabbannaa uumera.
Waraanni Gaazaa erga eegalee booda Gaadii Ayizankoot "miseensa kaabinee waraanaa" ta'uun bulchiinsa Netaaniyaahuu waliin hojjataa kan ture yoo ta'u, waa'ee waraanichaarratti wal-dhabdee isaafi Netaaniyaahuu gidduutti mudateen bara 2024 aangoosaarraa ofiin bu'ee miseensummaa kaabinee waraanaa Netaaniyaahuu keessaas bahe.
Gaadiin duula filannoo gaggeessaa kan ture, haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 gaggeesse ilaalchisee Komishiniin Walabaa qorannoo gaggeessu akka hundaa'u kan jedhuudha. Ministiira Muummee ta'ee yoo filame, komishinicha hundeessuun haleellaa sana mootummaan maaliif hanqisuu akka dadhabeefi itti gaafatamummaan akka jiraatu gochuuf waadaa galeera.
Beeniyaamiin Netaaniyaahuu garuu waamicha komishiniin walabaa akka hundaa'uuf taasifamaa ture hin fudhanne ture.
Gaadii Ayizankoot filannoo kanaa Ministiira Muummee ta'ee yoo filame paartilee kam waliin ta'uun mootummaa hundeessa kan jedhu gaaffidha.
Ministiirri Muummee Israa'el duraanii Naftaalii Beeneetifi gaggeessaan mormituu biraa Aviigdoor Libarmaan- lamaan isaanituu Israa'el Weest Baank to'achuu qabdi kan jedhaniifi mormitoota leeellistoota ta'an Gaadii wajjin mootummaa hundeessuuf walii galuu danda'u.
Yaa'iir Goolaan ammoo Israa'el bakkeewwan Weest Baank heddu keessaa bahuu qabdi jedhee nama amanu yoo ta'u, innis Gaadii Ayizankoot waliin ta'uun mootummaa hundeessuu mala.
Gama biraan ammoo bulchiinsi Netaaniyaahuu amma jiru kun seenaa Israa'el keessatti "mootummaa akka malee leellistootaan guutame" jedhamee amanama. Netaaniyaahuun aangorra turuuf paartilee leellistoota ta'aniifi Israa'e Weest Baank guutummaan dhuunfachuu akka qabdu amananiifi Filisxeemonni 'buqqa'uu qabu' jedhanii amanan irratti hirkatee mootummaa hundeessuu danda'a.
Gaadii Ayizankoot nama biyya Arabaarraa dhufe jalqabaa Israa'el gaggeessu ta'uuf deemaa?
Siyaasa Israa'el keessatti yeroo aangoo murteessaa kan qabatu Yihudoota hiddi isaanii Awurooppaa irrraa dhufan ta'uutu himama. Yihudoonni Awurooppaa irraa dhufan kun Ashkanaazii jedhamuun beekamu.
Kanneen biyyoota Arabaa irraa garas godaanaan ammoo 'Mizraahii' jedhamuun beekamu. Beeniyaamiin Netaaniyaahuu hiddisaa Yihudoota Awurooppaa irraa dhufan [Ashkenaazii] yoo ta'u, Gaadii Ayizankoot garuu maatiinsaa Yihudoota Morookoo irraa gara Israa'el godaananiidha waan ta'eef 'Mizraahii' warra jedhamanitti ramadama.
Gaadii Ayizankoota filannoo kanaan mo'atee paartilee biroo of duuka hiriirsuun mootummaa hundeessuu danda'a taanan, nama hiddi dhalootasaa Yihudoota biyyoota Arabaa irraa dhufan jalqabaa Israa'el gaggeessu ta'a jechuudha.
Gaheessi ganna 66 kun siyaasa Israa'el keessatti muuxannoo qabaachuu baatuus, waraana keessatti hanga Ajajaa Waliigalaa humna waraana biyyattiitti nama gahe ta'uunsaa ammoo beekamtii akka argatu isa taasiseera.

Madda suuraa, Reuters / Getty Images
Gaadiin obbolaasaa sagal keessaa lammaffaarratti kan dhalateedha. Ofiisaa abbaa ijoollee shaniiti. Umuriisaa irra jireessa loltummaafi gaggeessummaa waraanaa irratti dabarse.
Gaheessi ganna 66 filannoo Israa'eliin Netaaniyaahuu waliin kokkee wal-qabee jiru kun waggaa 40 kan ta'uuf waraana keessatti dabarsuusaan humna waraanaa biyyattii keessatti kabaja guddaa nama horateera jedha CNN gabaasa waa'eesaa hojjateen.
Bara 1978ttu humna waraanaa Israa'el Golaanii Birgeed jedhamutti makame. Ergasii loltummaafi gaggeessummaan humna waraanaa biyyattii keessatti itti gaafatamummaa garaa garaan tajaajileera.
Bara 2015 hanga 2019tti ammoo bulchiinsa Netaaniyaahuu jalatti Ajajaa Waliigalaa Humnoota Waraanaa Israa'el ta'uun tajaajileera.
Loltoonni biyyattii yakka ykn namuusa yeroo cabsan seeratti akka dhiyaatan gochuuis akka beekamutu ibsama.
Bara 2016 loltuun Israa'el tokko magaalaa Hebroon keessatti nama Filisxeem tokko rasaasan dhahee ajjeesuu hordofee loltuun sun seeratti akka dhiyaatuf gochuusaarraa kan ka'e Netaaniyaahuu dabalatee qondaalota kaan irraa dhiibbaan irratti taasifamaa akka turetu himama.
Gaadii Ayizankoot bara 2022 siyaasatti kan makame yoo ta'u, Onkolooleesa 7, 2023 Hamaas Israa'el haleeluu hordofee qondaala duraanii biyyattii Beenii Gaantiz waliin ta'uun kaabinee waraanaa Netaaniyaahuun hundeessetti dabalaman.
Haa ta'u garuu, akkaataa itti waraani Gaazaa xumuramurratti Netaaniyaahuun "galma ifa ta'e hin qabu" jechuun lamaanuu kaabinee Netaaniyaahuu keessaa bahan.
Maatii Israa'el waraanni Gaazaa kallattiin dhiibbaa irratti taasise keessaa tokko Gaadii Ayizankooti. Waraanni Gaazaa eegalee ji'a lamaffatti Ilmisaa loltuu ta'e Gaazaa keessatti ajjeefame.
Netaaniyaahuu irraa maaltu adda godha?
Gaadii Ayizankoot akka Netaaniyaahuu nama afaan collee miti. Xiyyeeffannoonsaa guddaan tokkummaa, nageenyafi ilaalachi siyaasaa biyyattii bitaafi mirgatti dhifame gara giddu galeessati akka dhufuudha.
Lammiileen biyyattii hunduu tajaajila waraanaa akka kennan seera dirqisiisu akka tumu waadaa galeera. Hawaasa Israa'el keessaa warri "altiraa Ortodoks Jiwuus" jedhaman tajaajila hawaasas ta'ee waraanaa kamuu hin kennan. Sagantaa deeggarsaa mootummaan biyyattii godhuufin akka of doggomantu himama.
Gaadiin hawaasi sochii amantiirratti xiyyeeffatuufi tajaajila biyyaakessaafi waraanaa hin kennine kun dirqiin akka tajaajila kennan barbaada.
Netaaniyaahuun garuu paartii hawaasa kanaaf dhaabbatu waliin ta'uun mootummaa hundeessee waan tureef tajaajila loltummaa akka kennan hin dirqisiisu.
Paartilee Arabaa siyaasa Israa'el keessatti hirmaatan ilaalchisee Gaadiin Netaaniyaahuu irraa ilaalcha adda ta'e qaba.
Gaadiin yoo filannoo kana mo'ate, paartilee Arabaa wajjin ta'uun mootummaa hundeessuu barbaada. Netaaniyaahuun garuu paartilee Arabaa waliin hojjachuu hin barbaadu- ni qeeqa. Isaan caalaa paartilee leellistoota ta'an, qubsuma Yihudootaa babal'isaniifi deeggaran waliin hojjachuu barbaada.
Dhimma nageenyaafi waraanaa irratti Gaadi Netaaniyaahuun garaa garummaa heddu hin qaban. Lamaansaanituu humna cimaa fayyadamuun loluutti amanu.
Gaadii Ayizankoot akkuma Netaaniyaahuu haleellaa waraanaa Iraan, Gaazaafi Libaanos keessatti gaggeeffamu ni deeggara.
Inumaayyuu tooftaa waraanaa "humna diinaa irratti si'a tokkotti humna cimaafi saffisaan haleellaa gaggeessuu" jedhamu deeggara jedhama.
Waa'ee biyya ta'uu Filisxeem ilaalchisee Gaadiin ilaalcha adda ta'e hin qabu- akkuma namoota siyaasaa Israa'el hedduusaanii, walabummaa Filisxeem hin deeggaru.
Iraanirratti haleellaan gaggeeffamuu kan deeggaru yoo ta'u, galma Israa'el isa "Iraan yoomiyyuu taanan nikulara hidhachuu hin qabdu" jedhu deeggaruu qofa osoo hin taane hojiirra akka ooluuf hojjata.
Garuu haleellaa miilanaa Iraan irratti gaggeeffamerratti mootummaa Netaaniyaahuu cimsee qeeqa. Innis, Netaaniyaahuun waraanichaaf "galma ifa ta'e hin qabu" kan jedhuudha.
Humni waraanaa Israa'el Iraanirratti haleellaa cimaafi milkaa'ina guddaa argachuu kan ibsu Gaadii Ayizankoot, milkaa'ina waraanaa argame Netaaniyaahuun "dippilomaasiin akka deeggaramu hin goone" jechuun cimsee qeeqa.


























