Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru irratti Biyyoonni G7 ibsa baasan
Biyyoonni G7 jedhaman ibsa waloo kennaniin haalli nageenyaa Gaanfa Afrikaa keessattuu Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti hammaataa dhufe isaan yaaddessuu ibsan.
Walgahii guyyoota lamaaf Paarisitti gaggeessan hordofuun, ministiroonni haajaa alaa biyyoota miseensa garee kanaa har’a Sadaasa 11, 2026 ibsa waloo baasaniin, ''waldhibdeen Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru, gara walitti bu’iinsa guddaa naannawaatti guddachuun balaa qabaachuu akka danda’u" akeekkachiisaniiru.
Ministirootni dhimma alaa biyyoota addunyaa G7 Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Yunaayitid Kingidam fi Ameerikaa dabalatee, bakka bu’aan olaanaa Gamtaa Awurooppaas walgahii guyyoota lamaaf turu kana irratti hirmaataniiru.
Ibsi waloo kun, haalli amma Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru yoo daran hammaachaa deeme, tasgabbii naannawaa duraanuu rakkoolee hedduun miidhame irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u akeekera.
Akkasumas, rakkoolee namoomaa fi nageenyaa Gaanfa Afrikaa daran hammeessuu fi daandiiwwan daldala addunyaa Galaana Diimaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u yaaddoo isaanii ibsaniiru.
Kanaaf Biyyoonni G7 qaamolee hundi obsa akka qabaatan, rakkoo jiru karaa waraanaa osoo hin taane karaa marii fi diplomaasii akka furan gaafatan.
Dabalataanis, gargaarsi namoomaa namoota rakkoo keessa jiraniif gufuu tokko malee akka ga’u, akkasumas lammiileen nagaa, keessumaa dubartoonni fi daa’imman akka eegaman waamicha dhiyeessaniiru.
Kana malees, biyyoonni naannawaa sana jiran hundi birmadummaa, fi daangaa biyyoota biroo kabajuu akka qaban akeekkachiisan.
Itti dabaluunis, Biyyoonni G7, muddma biyyoota lamaan gidduu jiru hir’isuuf, akkasumas Itoophiyaa fi Ertiraan gara mariitti akka deebi’an gochuuf, Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaatiin tattaaffii taasifamu akka deeggaruu i itti fufanis ibsan