Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haaldureen Ertiraan Itoophiyaa waliin mari'achuuf dhiyeessite maali?
Yeroo biyyoonni akka Raasiyaa fi Chaayinaa muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti hammaataa jiru mariin akka furamuuf carraaqqii dippilomaasii taasisaa jiranitti Ertiraan haal duree tokko keessee jirti.
Akka haal duree Ertiraa kanaatti biyyattiin Itoophiyaa waliin marii kamiiyyuu eegaluuf, Itoophiyaan dhimma gaaffii ulaa galaanaa fi fedhii babal'ifannaa daangaa dhiisuu qabdi.
Akka ibsa mootummaa Ertiraatti, biyyattiin ''dhimma abbaa biyyummaa fi tokkummaa daangaa ishee irratti marii kamiyyuu gaggeessuu hin barbaaddu.''
Ibsi mootummaa Ertiraa, Sadaasa 9,2026 ba'ee fi miidiyaalee mootummaa biyyattiin gabaafame akka eerutti, abbaan biyyummaa, walabummaa fi tokkummaan daangaa biyyattii sarara diimaa marii kamiifuu dhiyaachuu hin dandeenyedha.
Ibsi kun, Ertiraan "qoccolloo fi tuxuqqaa anarratti taasifamaa jira jette obsaa fi garaa bal'inaan bira darbaa" jiraachuu ishees eere.
Itti dabaluunis, biyyattiin nageenyaaf kutannoo cimaa qabaachuu fi mariifis qophii ta'uu ibsuun, garuu dhimmoota abbaa biyyummaa fi daangaa ishee irratti haala kamiinuu waliigaltee ykn marii akka hin goone cimsitee ibsite.
Itophiyaan ammoo akka dantaa biyyaalessa isheetti kan gaafataa jirtu dhimma ulaa galaanaa Asab waliin gaafilee kaasaa jirtuudha.
Ertiraan ammoo araaraaf qophiidha garuu dhimma Asab natti hin kaasinaa jechaa jirti.
Ejjennoon mootummaa Ertiraa kun kan ibsame, yeroo biyyootni lamaan dhimma buufata Asabiif waraana keessa galuu danda'u jedhamee yaaddoon cimaa jiruu fi biyyoonni gama dippiloomaasiin carraqqii araaraa taasisuuf yaalanittidha.
Itoophiyaan fi Ertiraan bara 2018tti hariiroo diinummaa waggoota 20 oliif gidduu isaanii ture kaasuun, keessumaa hoggantoonni biyyoota lamaanii hariiroo gaarii umuun ni yaadatama.
Bara 2020 hanga 2022tti, biyyoonni lamaan waraana Tigraay keessatti mootummaa Itoophiyaa waliin gama tokko dhaabbatanii TPLF waraanaa turan.
Waligaltee Piritooriyaa bara 2022 mallatteeffamee fi dhuma bara 2023, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Itoophiyaan Galaana Diimaatti ba'uun dirqama ta'uu dubbachuu hordofee hariiroon biyyoota lamaanii gara atakaroo fi walgarreffannatti ce'e.
Mootummaan Ertiraa, sochiin Itoophiyaan buufata galaanaa argachuuf taasiftu, daangaa galaanaa fi abbaa biyyummaa Ertiraa humnaan qabachuuf yaalii taasifamu jechuun ibsaa turte.
Ibsa haaraa kaleessa baafte keessattis, sochiin Itoophiyaan "faayidaa tarsiimawaa" ykn "dantaa dinagdee" jechuun taasiftu seera idil-addunyaa fi Chaartara Gamtaa Afrikaa kan faallessu jechuun himatte.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee, hooggantoonni siyaasaa fi waraanaa biyyattii hedduun waggoota sadan darban keessa barbaachisummaa Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu irra deddeebiin kaasaa turan.
Torban darbe ajajaan Humna Galaanaa Itoophiyaa, Vaayis Admiral Kinduu Gazzuu, adeemsi Ertiraan Itoophiyaa irraa ittiin walabummaa argatte "haqa-qabeessa fi seera-qabeessa hin turre" jechuun dubbachuun gabaafamee ture.
Ajajaan kun, Itoophiyaan karaa seeraa fi dippilomaasiin yoo milkaa'uu baatte, gara filannoo biraatti akka deemtullee dubbatan.
Fialannoon biraa kun humnaan buufata galaanaa Assab deebisanii argachuudha jedha ibsi Ertiraa kun.
Gama dippilomaasiitiin, Ministirri Dhimma Alaa Ruusiyaa, Sergee Laavrov, waltajjii Raashiyaa fi Afrikaa Moskootti gaggeeffame irratti, hoggantoota Itoophiyaa fi Ertiraa walitti fiduuf yaalanii utuu hin milkaa'in hafe.
Chaayinaanis muddama biyyootaa fi Gaanfa Afrikaatti hammaate tasgabbeessuuf hariiroo biyyoota lamaan waliin qabdu cimsaa jirti.
Pirezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii Sadaasa 5, 2026 ergamaa addaa Chaayinaa Gaanfa Afrikaa, Hu Changchun waliin Asmaraatti mari'ataniiru.
Mariin isaaniis tasgabbii naannoo, misoomaa fi tumsa biyyoota lamaanii irratti akka xiyyeeffate ibsameera.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Gidiyoon Ximootewoos ammoo Sadaasa 4, 2026 ergamaa addaa Chaayinaa dhimma Afrikaa, Lihuu Shi'anfaa waliin Finfinneetti mari'atanii turan.
Marii isaanitiinis haala nageenyaa naannichaa irratti kan mari'achuu fi Chaayinaan waldhabbiin naannawa kanatti akka hin hammaanne deeggaruuf kutannoo qabaachuu ibsan.
Mariiwwaan kun carraaqqii dippilomaasii Chaayinaan muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru tasgabbeessuuf taasiftu keessaa tokko ta'uun ibsamaa jira.
Haata'uu malee, hanga ammaatti Chaayinaas ta'ee Ruusiyaan marii araaraa ifatti eegaluu isaanii waanti ibsame hin jiru.