Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Shanee Afaan Amaaraa fi Afaan Oromootu dubbatutu wal tumsee namoota nagaa ajjeesa'-Obbo Hayiluu
Lixa Oromiyaa aanaalee Kiiramuu, Abee Dongoroo fi Giddaa Ayyaanaatti haleellaa hidhattoonni Faannoo tibbana raawwataniin namoonni ammaaf lakkoofsi isaanii addaan baane ajjeefamuu fi hedduun qe'eerraa buqqa'uu jiraattonni BBC'n dubbise himan.
Qabeenyi beeyladaa hedduun saamamuus himaniiru.
Haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Faannoo jedhaman ta'uu himatu jiraattonni.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa aanaalee sadi keessatti haleellaa uummata nagaarratti xiyyeeffate hidhattootaan raawwatamaa jiraachuu mirkaneessan.
Obbo Hayiluu Addunyaa 'shanee Afaan Amaaraa dubbatuu fi shanee Afaan Oromoo dubbatuutu wal tumsee haleellaa raawwataa jira jedhan.
Aanaalee haleellaan kun itti raawwatamaa jirutti mootummaan hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsan.
'Daa'ima waggaa shanii haati baattee osoo fiigduu, haadharraa rukutanii lafa buusan'
Jiraataan aanaa Kiraamuu BBC'n dubbise Onkololeessa 25, hidhattoota Faannootu gandasaanii keessatti haleellaa raawwate jedhan.
"Finxaaleyyiin Faannoo ganama kallattii sadiin marsanii dishqaan haleellaa jalqaban.
Haleellaa kana uummata irraa qolachuuf milishoonni yaalii guddaa godhan. Yaalii kana keessatti milishaan tokko wareegame, tokko madaa'e" jedhan.
"Guyyaa sana haleellaa raawwatameen, namoota nagaa kudha sadiitu awwalame" jedhan.
"Daa'ima waggaa shanii haati baattee osoo fiigduu, haadharra rukutani lafa buusan. Haadhas irratti rukutani, achuma bultee ganama poolisoonni fi milishoonni nama awwaaluu gaafa dhaqan kan madoofte achii kaasan jedhan.
Amma namni tokkollee gandicha keessa hin jiru" jedhan.
Qabeenyi mancaafamuu kan hime namni kun, eksteenshinii fayyaa, mana barnootaas gubanii barbadeessan jedhe.
Gandoota aanaa Kiiramuu gariin gareen hidhate kun maandheffachuun uummata irraa buqqisuu hima.
Jiraataan aanaa Abbee Dongoroo BBC'n dubbise naannichatti torbee kana keessa haleellaa hidhattoonni Faannoo raawwatan jedhaniin mancaatiin qabeenyaa gahuu ibse.
Mana hedduu gubani, meeshaa gurgudaatiin dhufanii dhukaasa banan" jedhe.
Namni daggalatti dahatee waan jiruuf namoota ajjeefaman adda baasuun rakkisaa ta'uullee eera.
Hidhattoonni kun beeylada uummataa heddu saamuus hime. Aanaa Abeedongoroo ganda Caroo jedhamutti manni gubachuu dubbatu.
Akeekni hidhattoota kanneenii maali kan jedhurratti jiraattonni dubbifne deebii wal fakkaataa kennan.
Jiraataan aanaa Kiiramuu ganda Guddina Jireenyaa akeekni isaanii, "uummata Oromoo qe'eesarraa buqqisuun, godina addaa mataasaanii hundeeffachuu barbaadu'' jedhu.
Jiraataan aanaa Abee Dongoroo magaalaa Tulluu waayyuu hidhattoonni kunneen kaayyoo lafa dhuunfachuu akka qaban dubbata.
'Humna oftuulaatu uummata nagayaarratti haleellaa raawwate'
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa yaada BBC'f kennaniin aanaalee Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa fi Abeedongoroo keessatti haleellaan uummata nagaarratti raawwatamuu mirkaneessan.
"Humna bakki qubate hundumtuu kan kooti jedhu, humna oftuulaa akkasiitu uummata nagayaarratti haleellaa raawwate.
Waggoottan ja'an darban ummata nagayaarratti xiyyeeffatee haleellaa raawwataa ture" jedhan.
Tibba kanas, aanaa Kiiramu, Ganda Guddina Jireenyaa jedhamu keessatti namoota nagayaa ajjeese, qabeenya barbaddeeseera jedhan qondaalli Mootummaa Naannoo Oromiyaa kun.
Haleellaan naannoo kanatti raawwatamu tumsa humnoota lamaa 'shanee Afaan Amaaraa dubbatuu fi shanee Afaan Oromoo dubbatuun' raawwatama jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa humna kanarratti tarkaanfii jabaa fudhachaa jiraachuu ibsan Obbo Hayiluu Addunyaa.
Humni kun caasaa nageenyaa mootummaa dura dhaabbachuu waan hin dandeenyef bakkaa bakkatti socho'ee uummata nagaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwata jedhan.
Hidhattoonni Faannoo Wallagga aanolee akka Kiiramuu, Haroo, Giddaa Ayyaanaa akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa aanolee akka Jaardagaa Jaartee, Amuruu fi Abee Dongoroo keessatti yeroo adda addaa haleellaa raawwataa turaniiru.
Jiraattotaa fi mootummaa irraa BBC'n akka iyyaafatetti haleellaa raawwachuun lubbuu namaa galaafachuu qofa osoo hin taane qabeenyas saamuun gara naannoo Amaaraatti geessaa turan.
Hidhattoonni Faannoo erga waraana Tigiraay booda of gurmeessuun socho'aa turan yeroo waraana Tigiraay mootummaadhaan deeggaramu turan.
Bara 2024 keessa ammoo ifatti Wallagga Bahaa keessatti Izzii waraanaa tokko hundeessuu ibsan.
Mootummaan tarkaanfii fudhataan jira jechuun dubbatus godinicha keessatti haleellaa hidhattoonni kunneen namoota nagaa irratti raawwatan yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka dhufe jiraattonni BBCtti himan.
Aanoleen wallaggaa kunneen oomisha qonnaan beekamu. Lafa gabbataadha.
Dhalattoonni naannoo Amaaraa bara dargii naannicha qubsiifamanii fi boodarra itti dabalamaa turan kumaatamaan aanolee akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Abee Dongoroo fi kaan keessa nagumaan jiraachaa turan.
Erga hidhattoonni Faannoo godinicha keessatti babal'atanii kan naannoo Amaaraa keessaa dhufan qofa osoo hin taane kan asumatti dhalatanii isaanitti makamantu haleellaa nurratti raawwata jedhu jiraattonni BBC dubbise.
Dabalataan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo godinaalee kanneen keessa bal'inaan socho'u.
Mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo humni mootummaa hidhattoota Faannoo haleeluuf socho'u WBO ammoo duubaan humnoota nageenyaa haleela jechuun himata.
Hidhattoonni WBO kan mootummaan 'Shanee Afaan Oromoo dubbatu' jedhuun namoota nagaa haleeluu kanaan dura waakkataa ture.