"Hawwiinkoo guddaan qorannoo hawaa ture": Waggoottan ja'an Tigraay waa hundi itti jijjiiraman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti humnootii naannichaa fi humnootii federaalaa gidduutti lolli eegaleera. Jiraattonni naannichaa waraana waggoota lamaaf adeemsifamee bara 2022 keessa xumuramerraa dandamachuuf yaalaa jiran waa'ee waggoota jahan jireenyasaanii darbanii dubbatu.

Gareewwan wal waraanan lamaan waggoota afur dura Sadaasa 4, 2022 jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa mallatteessaniiru.

Gama biraatiin ogummaa saayinsii hawaaf fedhii guddaa akka qabdu kan himtu Aksumaayit Yamaana, murtee abjuushee naaf dhugoomsa jette yemmuu murteessitu Yunivarsiitii Maqaleetti barattuu waggaa lammaffaa turte.

"Ani nama fiiziksiiti" jechuun seeqaa dubbatti.

Magaalaa Adaamaa keessatti dhalattee kan guddatte shamarreen waggaa 27 tun, bara 2019 qabxii seensa dhaabbilee barnoota olaanoo gaarii ta'e erga galmeesistee booda injinaringii barachuuf Yunivarsiitii Maqaleetti kan ramadamte.

"Haa ta'u malee hawwiinkoo inni guddaan yeroo maraa qorannoo hawaa ture" jetti.

Jireenyi yunivarsiitii kolfa, hiriyummaa cimaa, hundaa ol immoo abdii gara fulduraan kan guutame akka tures yaadatti.

"Yeroo yaadawwanii, kalaqaa, tekinoloojiifi carraa guddaa ture."

Hawwii barnoota saayinsii hawaa milkeessuufis mummee barnootaashee injinaringiirraa gara appilaayid fiiziksiitti jijjiirte. Kana malees mummee barnootaa manaajimantii kollejjii dhuunfaatti barachuu eegalte.

"Abdi qabeettiin ture, sababnisaas dandeettiikoo nan beekan ture" kan jettu Aksumaayit, "Fiiziksiin waa'ee yeroo gara fulduraa akkan yaaduuf yaadawwanfi carraa naaf laate, keessattuu waa'ee saayinsii hawaa" jetti.

Haa ta'u malee hawwiin gara fulduraa abjoochaa turte gonkumaa hinmilkoofne. Barnoonnifi karoorri hojiishee gara fulduraas ni danqaman.

Seenaan Aksumaayit kun agarsiistuu seenaa dargaggoota naannoo Tigraay hedduuti. Waraanni naannoo dhuma bara 2020'tti naannicha keessatti eegale gara naannolee ollaatti babal'achuun lubbuu namaa, jireenya, hospitaalota, manneen barnootaafi dhaabbilee hawaasaa biroo mancaasera.

Godaannisa walin jiraachuu

Gabaasa Komishiniin Gamtaa Awurooppaa Amajjii, 2025 baaseen naannicha keessatti daa'imman umrinsaanii barnootaaf gahe miliyoonni 2.4 yoo xiqqaate waggoota sadiif barnootaan ala ta'aniiru.

Kana malees bu'uraalee misoomaa barnootaa naannicha keessa jiran keessaa dhibbeentaa 88 miidhamusaanii komishinichi himeera.

Hanga bara 2024'tti immoo daa'imman 200,000 ol sababa beelaatiin barnootasaanii adda kutaniiru. Kunneen barnootasaanii itti fufan keessaa harka caalmaanis haala ulfaataa keessa ta'anii akka baratan BBC'n gabaasera.

Dhabamuun nageenyaa waggoota lakkoofsise, dadhabuun dhaabbilee mootummaa, hanqinni bajataafi hanqinni dhiyeessii tajaajilawwan bu'uraa jireenyafi nageenya hawaasummaarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisuusaanii xinxaltoonni BBC'tti himaniiru.

Yunivarsiitii Adigiraat, Kollejjii Saayinsiiwwan Medisiniifi Fayyaatti barsiisaa kan ture Maa'irag Alamuu, "Godaanisawwan waggoota jahan darbanii ulfaatoodha" jedha.

"Waraanicha booda gara hojii baruufi barsiisuu idileetti deebi'uun salphaa hinturre.

Dargaggoonni abjuufi hawwiisaanii faana bu'uuf rakkataniiru. Baay'eensaaniis lubbuusaanii dhabaniiru" jedha.

Dargaggummaan yeroo barumsaa, guddina dhuunfaafi ga'eessummaaf itti qophaa'an ta'uu Aksumaayit himti.

Yeroo ammaa Dhaabbata Gargaarsaa Mana Amantaa Kaatolikii Adigiraatitti qindeessaa sagantaafi hojjetaa fayyaa sammuu kan ta'e Maa'irag, "Dargaggummaan gulantaa jireenyaa namoonni abjuusaanii gara fulduraaf bu'uura itti kaayanidha" jedha.

Haa ta'u malee dargaggoonni naannichaa waggoota darban keessa rakkoo maallaqaafi nageenyaa akkasumas miidhaa xinsammuun keessummeessaa turuu hima.

"Sagantaalee fayyinaafi dandamannaa hojiirra oolchuun hawaasawwan waraanichaan miidhaman gargaaraa turre" jedha.

"Dargaggoota rakkoo araadaan rakkatan heddutu jiru. Daa'immanfi dargaggoota kadhatanfi tamboo xuuxan daandiiwwan Maqaleerratti arguun onnee nama cabsa" jechuunis hima.

Rakkooleen waraana boodaa naannicha keessatti mul'atan kutaalee hawaasaa saaxilamummaa qaban kunneen akka maatiiwwan harka-qalleeyyiifi buqqaatotarratti miidhaa cimaa geesisaniiru.

Komishiniin Gamtaa Awurooppaa akka jedhutti haalawwan kunneen saaxilamummaa saamichaa, gaa'ela umrii maleefi godaansaa dabalaniiru jedha.

Qorannoon Waldaan Dargaggootaa Tigraay (TYA) bara 2024 gaggeesse akka agarsiisutti, dargaggoota naannichaa 10 keessaa saddeet hojii hinqaban.

Dabalataan dhibbeentaa 12 kan ta'an miidhaa qaamaa, rakkoo fayyaafi gufuuwwan biroorraa kan ka'e hojii barbaaddachuu hindanda'an. Kunneen qoranicharratti hirmaatan keessaa walakkaa ol kan ta'anis carraa fooyyeef jecha hawaasasaanii dhiisanii iddoo biraa deemuuf fedhii akka qaban himaniiru.

"Hiyyummaafi hoji dhabdummaa babal'aten walqabatee dargaggoonni naannicha gadi dhiisanii bahuuf dirqamaa jiru. Sababnisaas carraawwan jireenyasaanii itti fooyyeffatan muraasa qofatu jiru" jedha waldichi.

Nageenya eeguu

Waraanichi xummuramus Aksumaayit gara jireenyashee duraan karoorfatetti hindeebine.

Bara 2023 keessa Itoophiyaadhaa erga baqattee booda Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessa jiraachaa jirti.

"Osoo wanti kuni hundi uumamuu baatee silaa ogummaa saayinsii hawaarratti bobba'een ture" jetti.

Baqattoonni biyyoota Gaanfa Afrikaa garagaraarraa waldhabdee akkasumas gaaga'ama siyaasaafi namoomaa dheeffuun Keeniyaatti baqatan kuma dhibbaan lakka'amu.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR) akka jedhutti bara darbe keessa baqattoonnifi koolu galtoonni Itoophiyaadhaa deeman 43,000 Keeniyaa keessa jiraachaa turan.

Naanno Tigraay keessa hojjetaa namoomaa kan ta'e Kibroom Waldagabri'el, carraawwan hojii dhabamuun, dabaluun abdii dhabuu akkasumas baqattummaan al-idilee dargaggoota hedduuf qormaata ta'uu hima.

"Haalawwan qabatamaa kun hawaasa deebisanii ijaaruufi dandamannaan xinsammuu xiyyeeffannoo ittifufiinsaa akka barbaadan agarsiisu" jedha.

Gama biraatiin rakkoo keessa dabartuus fuldura ifaatti akka amantu Aksumaayit himti.

Abjuunshee waggoota jahaaf danqamus, fuldurri namoonni itti kabajaman, carraawwan itti jiranfi nagaan itti jiraatu jiraachuu akka danda'us amantaa qabaachuu himti.

"Biyya namoonnii kabajaan itti ilaalamanfi nageenyi itti bu'e akka taanu abdiin qaba" jetti.

Hawwiinshee kunis hawwii dargaggoonni naannoo Tigraay keessa jiran heddu qaban walin kan walfakkaatudha.

"Hawwii hedduun qaba, garuu wanti ammatti caalmaatti barbaannu nagaafi dhiifamadha" jechuun Kibroom himeera.