Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , US 'warra mootummaa Iraan deeggaruu itti fufan' akkeekkachiifte

Qoqqobbiiwwan haaraa 'neetiwoorkii yakkamtootaarra' kaa'ame jedhame hordofee Ministeerri Qabeenyaa US ibsa baaseen 'warra mootummaa Iraan deeggaruu itti fufan' jedhe akeekkachiise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gamoo Naayiroobiitti dhiyeenya jige jalaa reeffi namoota sadii haaraan argame

    Keeniyaa magaalaa Naayiroobii, Islii ollaa gabaa guddaan itti argamutti gamoon abbaa darbii 18 torban laman kana jige jalaa reeffi namoota sadii haaraan argame.

    Barbaachi namoota balaa kanaan miidhamani ammas hin dhaabbanne, torban lama boodallee ittifufera.

    Reeffii namoota lama Roobii kaleessaa halkan, tokkommoo Kamisa har’aa ganama argame.

    Balaa mudate kana hordofee namoonni miseensota maatiisaanii achii buutesaanii dhaban kaampii bakka balaan sun itti mudatetti dhaabbatanii, du'aa ykn jireenya maatiisaanii dhagahuuf eegaa jiraachuu miidiyaan Keenyaa Sitizan jedhamu gabaasera.

    Dilbata darbes reeffi dubartoota lamaa kan argame yoo ta’u, eenyummaasaanii qorannoo qacceetiin adda baasuuf adeemsi eegalameera.

    Lubbu baraartonni kanaan dura akka ibsanitti yoo xiiqqate namoonni 10 gamoo kana jalaasaatti danqamuunii barbaadamaa turan.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  2. ‘Tiraamp ittigaafatamuu qaba ‘- Bernii Saanders

    Senetarri gameessi Ameerikaa Bernii Saandars filannoo walakkeessaa Ameerikaa injifachuun Dimookiraatonni Kongireesii erga dhuunfatanii booda, ''Tiraamp ittigaafatamuu qaba" jechuun BBCtti dubbatan.

    Amma Dimookiraatonni Pirezidant Tiraampiifi maatii isaanii sirriitti hordofuu qabu jedhan.

    Bernii Saandars qondaalota Dimookiraatota waliin hariiroo cimaa qabaachuun nama beekamanidha.

    Saandars akkas jedhan; "Paartiin Dimookiraatotaa amma baay'ee hin jaalatamu, kun iccitiis miti" filannoo walakkeessaa Ameerikaa injifatanis kun waan hin haalamne jedhan.

  3. Faransaayitti haakaronni firiijii dhiiga qabbanessu haleelan

    Qondaaloti Faransaay firiijiin dhaabbilee fayyaa keessatti dhiiga arjoomaan argame qabbaneessu haakaroota eenyummaan hin beekamne haleellaa saayibarii irraa gahuu himan.

    Dhaabbanni dhiiga arjoomaa kuuse French Blood Establishment (EFS) jedhamu kutaaleen cabbaa'aa dhiigni keessa taa'u teempireechariin isaanii akka ol ka'u godhamus hojjettonni fayyaa kuusaa dhiiga kanaa hambisaniiru.

    ''Hamma yoonaa dhiibbaa sababa kanaan qaqqabe akka hin jirreefi dhiigni bade hin jiru, '' jedhe EFS'n

    Hamma ammaatti haleellaa saayibarii kanaan kan miidhame supparmaarkeetiiwwan qofa dha.

    Tahus gabaasonni gargaraa onlaayiniirra tamsa'an akka agarsiisanitti gareen haakarootaa Raashiyaa wajjin hojjetu haleellaa saayibarii supparmaarkeetiiwwan Awurooppaa miidhe raawwachuutti shakkamaa jira.

    Gareeleen Noname057(16) and Z-Pentest Alliance jedhaman dhaabbata meeshaalee sirna bishaanii oomishu Daanfoos jedhamu kan Deenmaarkitti argamu haleeluu himan.

    Xiinxaltoonni amma haleellaa firiijii Awurooppaa irrati qaqqabes gareen kuni akka raawwachuu malan shakkaa jiru.

    Tahus ammallee hakaroota Raashiyaatu raawwate shakkiin jedhu jira, haakaroota Iraan, ykn ijoollee piraankii taphattu fa'a tahuu mala jedhamaa jira.

  4. Tiraamp yaaddoo aangoorraa buqqifamuu qabaa?

    Tiraamp warri demookiraatii filannoo marsaa walakkaa mo'achuu hordofee sodaa aangoorraa buqqifamuu yoo qabaate gaafatamee ture.

    ''Yaaddoo sherfeeyyuu hin qabu,'' jedhe

    Buqqisni yoo jiraate Paartii Demookiraatii miidha, kana malees buqqisa sababa malee taha jedhe.

    ''Biyyi keenya seenaa keessatti yeroo kamuu caala milkaa'inarra jirti,'' jedhe.

    Tiraamp kanaan dura mana maree bakka buutotaan aangoorraa buqqifamee seneetiin bilisa isa godhe

    Kana booda Tiraamp Waayita Haawus keessatti galma jilaa ijaaruttu dacha'e.

  5. US 'warra mootummaa Iraan deeggaruu itti fufan' akkeekkachiifte

    Qoqqobbiiwwan haaraa 'netwoorkii' yakkamtootaarra' kaa'ame jedhame hordofee Ministeerri Qabeenyaa US ibsa baaseen 'warra mootummaa Iraan deeggaruu itti fufan' jedhe akeekkachiise.

    Yunaayitid Isteetis akka jettetti, neetiwoorkiin kun gochaawwan taankeroota boba'aa Iraan dhoksaadhaan daldalan maqaa 'Shaadoo Filiit' jedhamuun beekamu deeggaruu keessatti kan hirmaatudha.

    Ministirri Qabeenyaa US Iskoot Bessent qoqqobbiin haaraa kun qaama oppiresshinii diinagdee Iraaniin adda baasuu fi sochiiwwan maallaqaashee daangessuudha jedhe.

    Qoqqobbiin ji'oota dhiyoo keessa dabalaa dhufe kun qaama tarsiimoo US fedhiiwwan maallaqaa guutummaa addunyaarraa biyyoota gara garaa keessaa qabdurratti xiyyeeffachuun dhiibbaa diinagdee Iraan irratti uumuuti.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  6. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Oduu karaa tamsaasa kallattii isin biraan geenyu jalqabneerra. US 'warra mootummaa Iraan deeggaruu itti fufan' akkeekkachiisuu,

    Dhalattuun Itoophiyaa, Melaat Kiroos filannoo walakkeessaa US mo'achuushee,

    Waraanni Iraan filannoo walakkeessaa irraatti dhiibbaa uumuu isaa Tiraamp amaneera. Akkamitti akka ta'es dubbateera.

    Tujaarri addunyaa kanaa Iloon Maask filannoo US irratti Rippabilikaanonni akka mo'ataniif hangam akka baase dubbachuu isaa odeessaalee jiranii fi kan biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!