Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Iraan filannoo walakkeessaa US irratti akkamiin dhiibbaa uume?
Bu'aan filannoo walakkeessaa US akka pirezidant Doonaald Tiraampi fi paartiin isaa Rippaablikaanonni akka barbaadan hin taane.
Paartiin Dimokiraatotaa Seeneetii fi mana-maree bakka bu'oota ummataa mo'achuun Kongiresii manneen maree irraa fi jalaa dhuunfatanii jiru.
Waraanni Iraan bu'aa filannoo walakkeessaa US irratti dhiibbaa uumuu ifatti mul'achaa jira.
Tiraamp injifatamuu paartii isaatiif sababoota ijoo tarreesse keessaa tokko waraana Iraani.
Pirezidantiin Itti aanaa Yunaayitid Isteet JD Vaans gama isaatiin ''Sababa waraanaaf mo'amne,'' jedhan.
Waraanni Iraan akkamiin injifatamuu Rippaablikaanotaaf sababa ta'e?
Waggaa 47 dura wayita akkanaa, barattoonni Iraan Imbaasii Ameerikaa Tehraan jiru weeraruun, dippiloomaatota Ameerikaa ugguranii turan.
Gaaga'amni guyyoota 444 fudhate kun filannoo pirezidantii bara 1980 keessatti Jiimii Kaarter akka Pirezdant Ronaald Reeganiin mo'atamu gumaacha godhee turuu yaadannoo seenaa ta'ee darbeera.
Ammas immoo, waraanni Iraan waliin US seente gatii boba'aa baay'ee dabaluu fi qaalayiinsa jireenyaa hammeessaa dhufuu waliin dabaalamee, filannoo walakkeessaa US miilanaarratti Paartii Rippaablikaanotaatti kasaaraa guddaa fiduun Dimokraatonni mana maree lamaan Kongiresii akka to'atan gumaacheera.
Xiinxaltoonni mootummaa Iraanitti dhiyoo ta'an, televizhinii biyyattii irratti dhiyaachuun, dhimma Waashingtan waliin marii dheeressuu fi dhiibbaa dhiyeessii boba'aa irratti godhamu itti fufsiisuu ifatti mari'atachaa turaniiru.
Kunis kisaaraan dinagdee kun siyaasa keessatti dandeettii Pirezidant Traamp akka laaffisuu fi carraa Ripaabliikaanonni filannoo keessatti qaban akka dadhabsiisu ibsaa turan.
Jaarraa walakkaa dura, Iraan boojitoota [dippilomaatota Ameerikaa] akkuma Reegan kakuu seeneen daqiiqawwan muraasa booda, Amajjii 20, 1981 bilisaan gadhiiste.
Tehraan bifa walfakkaatuun ammas Kongiresiin Diimokraatotaan to'atamuun kun dandeettii Traamp Iraan irratti lola waraanaa guddaa biraa jalqabuuf qabu ni daangessa jettee abdachuu dandeessi.
Lammiilee Ameerikaa filattootaa irratti hirmaatan kudhan keessaa ja'a (63%) kan ta'an, tarkaanfii waraanaa Ameerikaan Iraan irratti fudhatte murtee dogoggoraati jedhaniiru.
Gama biraatiin, filattoota keessaa sadii-afraffaa (74%) kan ta'an waraanni kun filannoo Koongireesiitiif taasisan irratti dhibbaa guddaa ykn dhimma ijoo akka ta'e dubbataniiru.
Tiraamp waraana Iraan fi gatii boba'aa akka malee qaala'e Dimokiraatonni filannoo walakkeessaa akka mo'atan gochuu isaa amaneera.
Gatiin boba'aa dabaluun Paartii Rippablikaanotaa irratti miidhaa geessisuu isaa Fox News irratti kan dubbate Tiraamp, ummanni boba'aaf maallaqa dabalataa kaffaluuf dirqamuu isaa "hin jaallanne" jechuun ibse.
Qorannoon yaada ummata afilannoo dursee gaggeeffame filattoota biratti ajandaa duraa kan ture dhimma dinagdee akka ta'e agarsiiseera.
Pirezidantiin Itti aanaa Yunaayitid Isteet JD Vaans gama isaatin ''Sababa waraanaaf mo'amne,'' jedhan.
Dabaluunis, ''Namuu sababa mo'amneef beeka'' jedhe.
Dimookraatonni manneen maree Ameerikaa keessatti olaantummaa qabaatanis iddoowwan itti dhiibbaa Pirezdaanti Tiraamp irratti hin qabaanne ni jiraata.
Ammas taanan, Kongiresiin maallaqa ramadamu daangessuu fi murteewwan pirezidantichaa mormuu danda'ullee, Tiraampi, akka ajajaa olaanaa waraana Ameerikaatti, ammallee duula waraanaa fi imaammata alaa irratti aangoo guddaa qaba.
Paartiin warra Dimookiraatootaa Ameerikaa iddoowwaan kanaan dura paartiin Rippaabilikaanotaa injifachuun beekamanitti otoo hin hafiin filannoo walakkessaa Ameerikaa injifatan.
Paartiin Dimokiraatotaa mana maree bakka bu'oota Ameerikaa fi Seneetii Ameerikaa dhuunfatanii jiru.
Dimookiraatonni injifannoo isaanii isa jalqabaan kan Ripaabilikanoota rifachiise kan argatan Seneetii Ameerikaa keessatti ture.
Dorgommiin Seenetii lama waggaa tokko dura dirree morkiii cimaa ta'a jedhamee yaadamaa ture Dimookiraatonni inijfataniiru.