Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan dippilomaatonni Sudaan sa'aatii 48 keessatti akka bahan ajajje - Gabaasa
Itoophiyaan dippilomaatota Sudaan Qontsilaa biyyattii Asoosaa jiru keessa hojjetaa turan biyyaa akka bahan ajajuu gabaasi mul'ise.
Rooyitars aangawaa olaanaa Itoophiyaa maqaan hin dhahamiin eereeti kan gabaase.
Murteen gabaafame kuni erga dirooniin daangaa Itoophiyaa keessaa dhukaafamaa badii bal'aa dhaqqabsiise jechuun Sudaan Itoophiyaatiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaatti iyatte booda dhagahame.
Mootummaan Itoophiyaa dhimma kanarratti ammatti ifatti deebiin kenne hin jiru.
BBC'n gabaasa kana irratti yaada akka kennan dubbii himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoo gaafatee deebii eegutti jira.
Itoophiyaafi Sudaan tokko isa kaaniin hidhataa deeggarta jechuun erga wal himatuu eegalan bubbulaniiru.
Sudaan hidhattoota TPLF kan yeroo ammaa Naannoo Tigraay keessatti waraana mootummaa lolaa jiran dahoo kennuun hidhachiifti jechuun Itoophiyaan himatti.
Sudaan immoo Itoophiyaan hidhattoota RSF kan Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloon hoogganamaniif dahoo taate jechuun himatti.
Biyyoonni lamaanuu himannaa irratti ka'u ni waakkatu.
Wal dura dhaabbannaan kuni gara hin taanetti qajeeluun haala Gaanfa Afrikaa keessa jiru jeequmsa hamaatti qajeelcha jedhamee akka sodaatamu xinxaltoonni himu.
''Itoophiyaan akka sudaan haleelamtuuf daangaa ishee hayyamte'' jechuun yoo himatu kuni yeroo duraaf miti.
Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Sudaan, Mu'aawiya Usmaan Kaalid, tarkaanfiin Itoophiyaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irratti dhiibbaa akka geessisuu torban dura akeekkachiisaniiru.
Sudaan mirga daangaa ishee keessatti ofirraa ittisuu akka qabdu himan.
Kaalid himata kana kan dhiyeessan magaalaa Kaartuum keessatti aangawootni mootummaa fi dhaabbileen basaasaa Sudaan ibsa miidiyaaleef kennaan irratti ture.
Gaafa Dilbataa, mootummaan Sudaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Mana Maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaatti Itoopiyaarratti komii dhiheeffachuu beeksiseera.
Kunis, Itoophiyaan daangaashee keessatti hidhattooti RSF akka diroonii dhukaasan eeyyamte jechuun himachuunis.
Dirooniin dhukaafaman jedhe kunis bu'uuraa misoomaa siviilii irratti miidhaa dhaqqabsiise jedhe.
Himannaa kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti jedhame hin jiru. Haa ta'u malee, himannaa walfakkaataa kana dura Sudaan dhiheessite waakkateera.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, hojjettoonni Qonstilaa Sudaan jaha sa'aatii 48 keessatti Asoosaa akka gadhiisanii bahan dubbachuu aangawaa olaanaa Itoophiyaa dubbataniiru.
Murtee kanaaf sababni maal akka ta'e aangawaan kuni akka hin dubbanne gabaaseera.
Walitti bu'iinsi Sudaan keessaa lammiilee miiliyoona 14 akka buqqaase gabaasi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii agarsiisa.
Lola baatii Fulbaanaa keessa humnoonni Tigraay banan irratti Itoophiyaan Sudaan, Masriifi Ertiraan duubaan gargaaru jechuun himatti.
Biyyoonni kuni lamaan immoo ni waakkatu.
''Mootummaan Sudaan daangaa isaa tiksuuf kutannoo qaba.
''Haa ta'u malee, Itoophiyaa waliin waraana akka hin seenne carraaqqii kamuu taasisaa jira,'' jechuun gorsaan siyaasaafi dhimma hariiroo alaa Mana Maree Ce'umsaa Sudaan, Amjad Faarid dubbachuu Rooyitars gabaaseera.
Mootummaan Sudaan baatii caamsaa darbe Itoophiyaan humna RSF deeggaruu fi dirooniiwwan humna kanaaf oolan daangaa Itoophiyaa irraa akka ka'an hayyamuu himachuun ni yaadatama.
Haa ta'uu malee Mootummaan Itoophiyaa yeroo sanatti deebii kenneen, ''himata bu'uura hin qabne'' jechuun kuffisee ture.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Caamsaa 05, 2026 ibsa baaseen, duudhaa fi hariiroo gaarii ummatni biyyoota lamaanii qabu eeguuf callise malee ''gocha badii sababa waraana Sudaaniin daangaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu'' guddaa ta'uu himate.
Humni Waraanaa Sudaan loltoota mootummaa Itoophiyaa lolan meeshaalee waraanaa fi maallaqaan tumsuun kutaa Itoophiyaa gara lixaa keessa akka socho'an haala mijeessaaf jechuun himate.
Haa ta'uu malee mootummaan Itoophiyaa mootummaa Sudaan waliin hariiroo kabajuu, akkasumas abbaa biyyummaa biyyattii kabajuu itti fufsiisuuf fedhii akka qabu ibse.
Wal himannaa Itoophiyaafi Sudaan booda Ameerikaan Waraanni Sudaan 'dirree waraana bakka bu'oota' biyyoota hedduu hirmaachise ta'aa dhufuun yaadessuu ibsiteerti.