Amma nu gahe, Ronaaldoon Porchugaaliif taphachuu dhaabe
Taphataan seena qabeessi Porchugaal Kiristiyaanoo Ronaaldoon tapha idil addunyaa akka dhaabe dubbate.
Taphataan ganna 41 kuni bara 2003 erga biyya isaaf hiriiruu jalqabee si'a 234 taphatee galchiiwwan 146 galcheera.
Hammi taphatees ta'e hammi galche riikardii addunyaadha.
Baranuma tapha Waancaa Neeshins irratti tapha Denmaark waliin qaban irratti hiriiree hin taphatu jedhame booda kaampii Porchugaal keessaa bahee ture.
Erga ummata Porchugaalif dhaameen ''Garee biyyaalessaa keessatti guyyaan lakkoofsa torba dabarsee kennu gaheera,'' jechuun Ronaaldoon Instagram gubbaa ergaa viidiyoon lafa kaa'e.
''Lakkoofsi kuni kanuma koo qofa ta'uu qaba jedhee yaadee hin beeku'' jedheera.
Garuu, ''murtee salphaa miti'' jedhe Ronaaldoon.
Ronaaldoon Waancaa Awurooppaa jaha taphateera. Bara 2004 Awurooppaan lammaffaan yoo xumurtu bara 2016 immoo injifataniiru.
Morkataan isaa bara dheeraa Liyoneel Mesiin torban muraasa dura Arjantiinaaf taphachuu nagaatti dhaammateera.