Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Anaa imaltuuf bahe lolli ka'e, guyyoota 8 marmaareen kaampitti ilmaan kootin wal arge' - Haadha Mooyyalerraa buqqaate
"Daa'imman tana fuulatti bishaan naqee bitaa mirgatti qabadhee, kaan dugdatti baadhee, mugaa, gurra micciiraa raasaatti baqadhe."
Kun yaada manguddoon Mooyyaleerraa sababa walitti bu'iinsaan buqqa'an BBC'f kennanidha.
Lolli Mooyyale torban sadaffaa lakkoofsise kumaatama buqqise Keeniyaa mooraawwan garaagaraa qubatanii jiru.
Mooraawwan buqqaatotaa kanneenirra naannawuun gabaasa kan qopheesse gaazexeessaan BBC Afaan Oromoo, Hamzaa Huseen haawwan reefu da'an, daa'immanii fi manguddoonni heddumminaan akka argaman himeera.
Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa gama isaatiin lolli kun yoom akka dhaabbatullee tilmaamuu hin dandeenyu jedha.
Waa'ee walitti bu'iinsa jiraattota guddoo yaaddesseerratti ammallee gama mootummaa Itoophiyaa wanti ifatti jedhame hin jiru.
Mooraawwan buqqaatotaa gama Keeniyaa kanatti lammiileen buqqa'an haala maalirra jiru?
BBC'n bakkichatti argamun haala jiru taajjabeera.
Walitti bu'iinsi Mooyyale torbaan lama caaleera. Buqqaatiin gama Keeniyaatti godhamus dhaabbatee hin jiru.
Ragaaleen hospitaalota Keeniyaatiin qofa BBC'n argate akka mul'isutti lola kana keessatti namoonni sadi yoo du'an 20 kanneen ta'an madaa'anii jiru.
Haati magaalaa Mooyyale ganda 01 keessaa buqqaate takka deessee torban lama taatee osoo jirtu lolli ka'ee bahuu himti.
"Dahee torbaan lama mana jiruu olkiin (lolli) kaate. Sanumaan daa'ima qabadhee gad bahe. Abbaa daa'imaallee hin qabu, qofaa daa'ima qabadhee warra baqatu faana baqadhe."
Dubartiin tun abbaan warraa ishee jiraatee fi du'e hanga amma quba akka hin qabne dubbatti. Ofiifuu rakkoo fayyaa qabaachuu kan himtu haati tun, sodaa lubbuu kiyyaaf jecha warra baqatu faana akkuma ta'e ta'ee bahe jetti.
Abbaa daa'imaa waliin hanga yoonaa wal hin agarre jetteerti.
Mooraawwan buqqaatotaa afur irraa naannawuun kan gabaasaa jiru gaazexeessaan BBC haawwan hedduun mooraa keessatti dahanii akka jiran taajjabeera.
Haati takka, "Mooraa tokko keessaa haawwan nama 8 kanumti dhiyoo dahan simintoo gubbaa ciisan" jetti.
Abbaa warraa fi haadha warraa wal jalaa badanii kaampiitti wal argan
Seenaa buqqaatotaa keessaa tokko, seenaa abbaa warraa fi haadha warraa faca'anii bakka mooraa buqqaatotaatti wal arganii ti.
Abbaan warraa haala itti qe'eerraa buqqa'an irratti yaada kana BBC'f kenne.
"Haati warraa koo imaltuutti turte. Ilmaan kana natu harkaa qaba. Waraanni halkan nutti bu'e. Daa'imman ni rafti. Daa'imman tana fuulatti bishaan naqee bitaa mirgatti qabadhee, kaan dugdatti baadhee, mugaa, gurra micciiraa raasaatti baqadhe."
Xiyyitiin illee baraariin akkanatti deemti. Rabbiin keessaa na baaseen achiin bahe jedhan manguddoon kun.
Halkan afur raasaa keessa deemaa namumarraa nyaata kadhachaa asiin baane jedha. Yeroo kana hunda haati warraa isaa duutee jiraattee homaa quba hin qabu ture.
"Asitti kan nyaataa fi bishaan argadhee aara galfadhe. Isiinillee [haati warraa] asitti natti dhufte."
Haati warraa isaammoo akkana jetti: "Ani nagumaan ilmaan tiyya biraa imaltuu deeme. Anaa imaltuu jiruu waraanni ka'e. Karaa galuun dhabe. Osoo hin galin bultii gara saddeetii bule. Maraatuma gara itti deemu hin beeku."
Guyyoota booda Keellaa lafa jedhamuu gaarii (konkolaataa) tokko argadhee deeme kan jettu dubartiin tun "asiif achi osoo marmaaruu, kuun garana baqatan jedhuu, kuun immoo garas naan jedhuu barbaacha meeqa booda asiin bahee ilmaan kootiin wal arge" jetti.
Ammallee namoonni dabalataan buqqa'aa jiraachuu fi gargaarsi gahaa akka hin jirre taajjabuu rippoortarri BBC taajjabeera.
UNHCR, fi caasaalee mootummaa Keeniyaa fi Waldaan Faannoo Diimaa Keeniyaa dabalatee dhaabbileen garaagaraa buqqaatota kanneeniif deeggarsa gochaa jru.
Hogganaan Oppireeshinii Waldaa Fannoo Diimaa Keeniyaa Venaant Ndigilaa bakkichatti argaman lolli kun yoom akka dhaabbatu irratti yaaddoo qaban himan.
"Ammallee carraaqqii waraana dhaabuu tokko hin agarre. Yoom akka dhaabbatu illee hin tilmaamuu hin dandeenyu.
''Buqqaatiin itti fufee fi gaaga'amni jiruu lammiilee naannawa daangaatti mul'atu ammallee yaaddessaadha
''Jireenya lammiilee kanaa bakkatti deebisuun waan yeroo fudhatuudha."
Gama biraatiin, lammiileen gama daangaa Itoophiyaatiin jiran dhukaasni hirriba nu dhorke jechaa jiru.
Hookkara magaalaa daangaa Keeniyaarra jirtu kanaan gama Itoophiyaatiin lubbuun namoota ammatti adda hin baanes kan darbe yoo ta'u, hanga yoonaa 50,000 kan ta'an Keeniyaatti ce'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksiseera.
Qondaalonni Keeniyaafi Somaaliyaa walitti bu'iinsa Mooyyaleerratti yaaddoo qaban ibsuun nagaan akka bu'uuf torbee darbe keessa waamicha kan godhanii ture.
Haa ta'u malee, walitti bu'iinsa kana irratti gama mootummaa federaalaa Itoophiyaa wanti ammatti jedhame hin jiru. BBC'n yaalus deebii hin arganne.