Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ABO'n 'weerara lafa 'daangaalee Oromiyarratti gaggeeffamaa jira' jedhu balaaleffate
Addi Bilisummaa Oromoo ''Godinoota Oromiyaa cufatti sadarkaa jechuun danda'amuun'' lolli daangaa Oromiyaa sarbuuf adeemaa akka jiru ibsuun tarkaanfii kana balaaleffate.
''Weerarri babal'ifannaa lafaa daangaalee Oromiyaa adeemaa jiru karaa kamiinuu fudhatama hin qabu'' jedhe.
Dhaabbatichi hidhattoota maqaa Faannoon socho'anii fi poolisoota Humna Addaa Naannoo Somaalee saamicha lafaa kanaan walqabsiisee ifatti maqaa dhahee himate.
Qondaalli Naannoo Somaalee kana dhimma walitti bu'iinsa Mooyyale irratti BBC'tti dubbatan "Nuti of ittisaa qofa turre, isaan garuu lolaaf qophaa'anii turan"jedhee ture.
Jaarmiyaan kun akka ibsetti Oromiyaan alatti naannolee Amaaraa fi Beenishaangul Gumuuz, keessattuu Matakkalii fi Wallootti haleellaa namoota nagaarraa qaqqabe balaaleeffate.
Lola saamicha lafaan walqabatuun namoonni sivilii ajjeeffamuu, namoonni 'kuma dhibbaan lakkaa'aman' qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa'uufi saamamuu eere.
ABO'n Jimaata kaleessaa ibsa baasee kana keessatti ''lolli daangaa Oromiyaa sarbuu fi lafa Oromoo qabachuu kan duraarraa akkaataa adda ta'een geggeeffamaa jira'' jedhe.
Benishaangul Gumuz Daalattii bakka jedhamutti Sadaasa 5, bara 2026 'Shanee nutti harkistu' jedhamuun namoonni 43 ajjeesuu maqaa namoota 'ajjeeffaman' jedhuu muraasaa tarreessuun Addi Bilisummaa Oromoo ibsa isaa keessatti eere.
Akka ibsa jaarmiyaa kanaatti namoota ajjeeffaman keessatti dubartootaa fi daa'imman ni argamu. ABO ajjeechaa namoota siviliirraatti raawwatame jedhe kana balaaleffate.
BBC'n baay'ina namoota du'anii fi haleellaan raawwatame jedhame qaama kamiin akka raawwatame qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.
Kibba Oromiyaa magaalaa Mooyyalee fi gandoota ollaa qabaachuuf mootummaa naannoo Somaalee qaamolee nageenyaa bobbaasu kan ibse ABO'n, sababa kanaan namoonni 60,000tti siqan gara Keeniyaatti baqachuu ibse.
UNHCR Dameen Keeniyaa namoonni 50,000 caalan sababa walitti bu'iinsa kanaan gama Keeniyaatti buqqa'uu beeksiseera.
Walitti bu'iinsi Mooyyale torban sadeessoo keessa jira.
UNHCR fi Waldaan Faannoo Diimaa Keeniyaa dabalatee dhaabbileen garaagaraa buqqaatota Keenyisaa seenaniif deeggarsa gochaa jru.
ABO'n ibsa baase kana keessatti hawaasni Oromoo, jaarmiyaaleen mirga namoomaaf falmanii fi hayyooni fala barbaadu akka qaban gaafate.
Walitti bu'iinsa Moyaaleetti dhalate hordofee lammii Itoophiyaa Somaalilaand magaalaa Booramaa keessa jiraatan, manneen isaanii 150 ol barbadaa'uu fi saamichi irratti raawwatamu gabaasuun keenya ni yaadatama.