Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raayyaan Ittisaa Maqaleetti sa'aatii sochii konkolaataa daangesse
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa yaaddoo nageenya akka sababaatti kaasuun magaalaa Maqalee keessa konkolaatonni halkan akka hin deemne sa'aatii sochii daangesse.
Jimaata har'aarraa eegalee konkolaataan galgala sa'aatii 2:00 hanga barii sa'aatii 12:00 tti akka hin sochoone uggurri sochii kaa'ameera.
Qajeelfamni haaraa bahe magaalaa Maqaleetti sochiin konkolaattotaa fe'iisaa fi mootar saayikiliillee daangeffamuu ibse.
Kana malees, konkolaataan kamiyyuu istikaara seeraan beekamtii hin qabnee godhachuun imaluun dhorkameera.
Ibsa bahe kana keessatti, humnoonni nageenyaa ganama sa'aatii12:00 hanga galgala sa'aatii12:00tti seeraan, manaa manatti sakatta'iinsa akka gaggeessan Ministeerri Ittisaa beeksiseera.
Lola walakkeessa Fulbaanaa keessa Raayyaan ittisaa fi humnoota Tigraay gidduutti dhalate hordofuun Raayyaan Ittisaa naannichaa harka caalu to'achuun ni yaadatama.
Mootummaan federaalaa naannichatti waraanni torbee sadiif gaggeeffamaa ture xumuramuu labsuun, bulchiinsa yeroo hundeessu labse.
Bulchiinsi yeroo Tigiraay, qaamolee nageenyaa federaalaa waliin qinda'uun tasgabbii buusuu, hidhattoonni gara jiruu idileesaanitti akka deebi'an haala mijeessuu fi caasaa nageenyaa naannichaa irra deebiin gurmeessuun itti gaafatamummaa qaba.
Raayyaan Ittisaa ibsa kaleessa galgala baaseen, yakka magaalaa Maqaleetti raawwatamu to'achuu fi nageenya hawaasaa eeguuf sochii halkanii daangessuu ibse.
Jiraattonni magaalichaa meeshaa waraanaa seeraan alaa qaban ykn manatti dhoksan guyyaa sadi keessatti Komishinii Poolisii Naannoo Tigraayitti akka kennan akeekkachifaman.
Haalli nageenyaa magaalaa Maqalee fooyya'aa ta'uu ibsuun, jiraattonni magaalichaa darbee darbee yaaddoon nageenyaa akka ture ibse.
Yaaddoo nageenyaa kan uuman hattoota hidhaarra gadhiifamanii fi saamtota gurma'aan ta'uus eereera.
Namni dhuunfaa kamiyyuu hayyama seeraa malee meeshaa waraanaa qabachuu, dhoksuun dhorkaa ta'u ibsuun, namoonni dhuunfaa meeshaa waraanaa seeraan alaa kamiyyuu Komishinii Poolisiitti akka dabarsan gaafataman.
Tigraay bulchaa kan ture TPLF mootummaa federaalaa waliin wal loluun A.L.I Fulbaana 24, 2019 magaalichaa bahe.
Mootummaan federaalaa bulchiinsa naannichaa yeroo hundeessu, Humni Nagaa Tigraay qooda nageenyaa naannichaa kabachiisuu fudhate.
Bulchiinsa yeroo baatii kanaa hundaa'uun hojiirra erga ooleen booda caasaa poolisii fi nageenyaa gurmeessaa akka jiru jiraattonni himan.
Haata'u malee, kutaalee naannichaa biroottis hidhattoonni akka nama saaman, namoota butanii fi yakkaa raawwatan dabaluutu himama.
Qondaaltonni naannoo fi federaalaa TPLF wayita magaalichaa bahu namoota yakkaan himatamanii mana hidhaa turan gadhiiseera jedhanii himatu.
TPLF himannaa kana haalera.
Dubbi himaa TPLF Mikaa'el Asgidom, "kana sababeeffachuun gaaga'ama duraanuu Tigraay irratti fiduuf karoorfatan haguuguuf" jedhe.
Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay ji'oota jahaaf akka bulchuuf hundaa'e, naannicha keessatti tasgabbii uumuu, caasaa mootummaa diigeam deebisee ijaaruu, namoota qe'eesaanirraa buqqa'an qe'eesaaniitti deebisuuf ittigaafatamummaa fudhate.