Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigraayitti meeshaan waraanaa otoo hin fashalaa'ina hafe dhohee namoonni saddeet lubbuu dhaban
Naannoo Tigraayi aanaa Abargalaa Yecilaatti meeshaan waraanaa otoo hin fashalaa'in hafe dho'ee daa'imman dabalatee namoonni saddeet lubbuu dhaban.
Dhohinsa kanaan harreen shanis du'aniiru.
Dhohinsi kuni torbee darbe Onkololeessa 17, 2019 A.L.I magaalaa Yecilaa iddoo addaa Maraayi jedhamutti ture kan mudate
Harroonni lafa kuusaa meeshaa waraanaa Humnoota Tigraay turerra sibiila fe'anii gara daldaltoota sibiila geessanitti yeroo deeman taateen kuni mudate.
Sibiila kana wajjin boombii dabalatee meeshaan waraanaa hin fashalaa'in hafe dhuka'eera.
Dhohinsa kanaan daa'ima ganna lamaa dabalatee daa'imman shan lubbuu kan dhaban yoo tahu ga'eessonni sadii du'uu BBC'n maatiifi hospitaalarraa mirkaneesseera.
Hoji gaggeessaan Hospitaala Yecilaa Ardaay Asaffaa BBCtti akka himanitti dhohinsa kanaan namoonni 18 miidhamanii 15 ammoo hospitaala seenan.
Akka hojii geggeessaan kuni jedhanitti namoota 18 miidhaman keessaa namni sadii iddooma dhohinsi uumametti battaluma lubbuu dhaban.
Namoota 15 hospitaala galan keessa lama otoo yaaliin hin taasifamiin lubbuu dhabuu himuun warri hafan gara hospitaala Ayidar fi Abiyaadii saffisaan akka deeman taasifamuu himan.
''Namoota miidhaman 18 keessa daa'imman sadii battalumatti du'an. Daa'imman kunneen kan ganna sadii, shanii, jahaafi 12 turan,'' jedhaniiru.
''Namoota 15 hospitaala galan keessaa lama otoo hin turiin nu jalaa du'an.'' Namoonni harki fi miilli murameefi kanneen garaa isaanii irratti miidhaan irra gahe gara Hospitaala Ayiidar geeffamuu himan.
Hakiimiin kuni ''namoota gara Hospitaala Abiiyaaydii geeffaman keessaa lama gargaarsa fayyaa otoo hin argatiin lubbuun isaanii darbe. Kanneen Ayiidar deeman keessaa ammoo tokko daqiiqaa 20 keessatti du'e,'' jedhan.
Akka hoji geggeessaan hospitaalichaa himanitti daldaltoonni sibiila kana bitan naannoo hawaasni jiraatutti walitti qabamu.
Ijoolleen shan balbala mana isaanii duratti taphataa turan lubbuu dhaban.
Akka jiraattonni jedhanitti fanjiin hin fashalaa'in hafe harree shanis battaluma ajjeese.
Obbo Addunyaa Gabiramadihihiin jiraataa magaalaa Yecilaa yoo ta'u, ilmi isaa waggaa lamaa meeshaa waraanaa dhuka'e kanaan jalaa du'eera.
Ilmi isaanii ganna sagalillee miidhamee Hospitaala Abiyaadiitti yaala fayyaa argachaa jira.
"Ijoolleen koo ganda isaanii keessatti taphachaa osoo jiranii dhohinsi kun isaan rukute. Ilmi koo inni du'e umuriin isaa waggaa lamaa fi ji'a lamaa ture. Ilmi koo lubbuun hafe umuriin isaa waggaa sagal dha.
Morma, miilaa fi ijisaa miidhameera. Hospitaala Abiyaadii irraa reeffa ilma koo fudheen deebi'e."
Dhohinsa kanaan intala waggaa jahaa kan dhaban maatiin Luba Gabirasillaasee Marsaa miseensi maatii afuris jalaa miidhamaniiru.
Luba Gabirasillaasee ilma isaanii daa'imaa dhabuu qofa osoo hin taane, intalli isaanii hangafti naannoo sanatti sibiila bitaa turte, haadha warraa isaanii, ilma ilmasaanii fi ilmi obboleessa isaaniis akka malee miidhamuun gara Hospitaala Ayider Maqalee ergamuun yaala argataniiru.
"Sibiila mummuramaa meeshaa waraanaa hin dhoohin hafe waliin harree irratti fe'anii dhufan. Harreen kun mana keenya fuulduratti kuftee dhohinsi guddaan uumame," jechuun BBC'tti himan.
Kuusaan meeshaa waraanaa humnoota Tigraay bakka addaa Yecilaa Ariquwaa jedhamu aanaa Abergele jedhamu keessatti argama.
Humnoonni nageenyaa fi milishoonni bulchiinsa naannichaa eegumsa taasisaa turaniiru.
Haa ta'u malee humnoota Tigraay, Raayyaa Ittisa, fi Raayyaan NagaaTigraay, gidduu waraanni banamuun booda naannoo sanaa akka ba'an himama.
Dhohinsa booda jiraattonni citaa sibiilota walitti qabuuf gara naannoo sanaa akka deeman gabaafameera.
Suuraaleen saatalaayitii Pilaaneetii Laabs PBC irraa BBCn mirkaneesse, Onkoloolessa 22 kaaba Cilaa, bakka kuufama meeshaalee waraanaatti dhohinsaa fi dhukaasni guddaan akka mudate agarsiisa.
Suuraaleen saatalaayitii kunneen akka agarsiisanitti, Onkoloolessa 22 hanga 23 kuusaan meeshaalee waraanaa kun barbadaa'eera.
Maddeen BBC akka jedhanitti namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne ajjeefamaniiru.
Meeshaaleen waraanaa Ariiquwaatti kuufaman hawaasaaf balaa dha. Haa ta'u malee jiraattonni hedduun meeshaa waraanaa hin fashaalaahiin banuu, kana malees sibiilota murmmuraman mana kuusaa keessaa baasanii gurguraa jiraachuu maddeen BBC'tti himaniiru.
Ibidda torbee darbe bakka kuufama meeshaa waraanaa Ariiquwaa keessatti ka'eefis sababiin kana tahuutu himama.
BBC'n sababa ibidda walabatti hin mirkaneessine.
Kuusaan meeshaa waraanaa Ariiquwaa erga waraana Itiyoophiyaa fi Eertiraa jalqabee jira.
Bulchiinsi TPLF fi humni nageenyaa naannoo sanaa yeroo bahan naannichi bulchiinsa malee hafe.
Bulchiinsi amaanaa Tigraay Ministira Muummee Abiy Ahimadiin hundeeffame hanga ammaatti naannoo sana hin seenne.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa aanaa magaalaa Cilaa to'atee jira.
Abbootiin amantaa fi maanguddoonni jiraattonni gara bakka meeshaa waraanaa deemuun sibiilota akka hin sassaabneef hubannoo uumuuf haa yaalaniyyuu malee bu'aa guddaa hin argamsiisne.
Zoonii Giddugaleessa Tigraay keessatti, Lubni Cilaa Abbaa Gebrehiwot Allanee, ummata waliin irra deddeebiin haasa'anis, ''deebii hin arganne'' jedhu.
Onkololeessa 12 balaan ibiddaa mudachuun booda humnoonni nageenyaa federaalaa naannoo sana qubatan jiraattonni garasa akka hin deemne akka hordofanii fi gara kuufama meeshaa waraanaa akka hin deemne to'achaa akka turan himaniiru.
Onkololeessa16 loltoonni hawaasni naannoo sana irraa akka fagaatu gaafatanii, dhohinsi kun guyyaa itti aanu Onkololeessa17 akka mudate ibsaniiru.
Dhiibbaa waraanaa naannoo sanatti umameen alattis hongeen hawaasa qoraa jira.
Hogganaan Hospitaala Cilaa, Ardayii Asaffaa BBC'tti akka himanitti jiraattonni rakkoo isaanii furuuf sibiilota citaa walitti qabuun gurguruutti bobba'anii jiru.
"Dhootuuwwan kunneen mana tokkoon tokkoon namaa keessatti kuufamanii ture. Jalqaba irratti kiiloo tokkoof birrii 50n gurguramaa ture," jedhu.
Hawaasa balaa irraa eeguuf meeshaaleen waraanaa kuufaman akka dhabamsiifaman waamicha dhiyeessaniiru.
Akkasumas sakatta'iinsi manaa manatti akka gaggeeffamu, meeshaaleen waraanaa hin dhoohin akka walitti qabaman, naannoo jireenyaarraa fagaatanii akka gatamanis gaafatanaiiru.