Waliin dhahuu AI irraa akkamiin of eeguu dandeenya?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Iddoo irraa waa bittan qalbifachuu qabdu. Amma waliindhaha Hubannoo namtolcheetiin deeggarameen yakki hojjetamaa waan jiruuf daldaltootaaf akeekkachiifni kennamaa jira.

Waliindhooftonni tokko tokko inumaa UK keessatti dhaabbilee meeshaalee qulqullina Olaanaa gurguran ofakkeessuun weebsaayitii sobaa banatu. Suurri isaan toorota kanarratti gadhiisan qulqullina olaanaa kanneen qaban fakkaata.

Yeroo isin karaa oonlaayinii ilaaltanii ajajattan tasumaa meshaan isin qulqullina olaanaa qaba jettanii ajajattan suni siniif hin dhufu. Meeshaalee qulqullina gadi aanaa qabanii fi baayinaan omishaman kanneen Chaayinaattifaa omishamnatu dhufa. Yookan ammoo tasumaa wanti dhufu hin jiraatu.

Waliindhoofni akkanaa suurawwan hubannoo namtolcheen hojjetamanii fi sagalee dogogorsiisaa akkasumas viidiyoowwan sobaatiin deeggaramuun hojii goyyomsaa raawwatu.

Toftaawwan isaan waliindhahaaf fayyadaman maali?

Malootni isaan fayyadaman kanneen armaan gadiiti:

Weebsaayitiiwwan dirree ogummaa fakkaatanii fi saffisa qaban akkasumas gatii gadi aanaan kanneen tolfaman.

Waliindhaha hariiroo jaalalaa miidhamaa saniitiin walqabatan fayyadamuun hubannoon namtolchee mariin isaan taasisan torbanootaaf akka dheeratu godhu.

Viidiyoowwan sobaa fi sagalee fira nama goyyomsan sanaa fakkaatu hubannoo namtolcheetiin qixeessuun maallaqa hataattamaan barbaanne jechuu.

Ergaawwan barreeffamaa fi iimeelii dogogora hin qabnee fi maxxansawwan miidiyaa hawaasummaa hubannoo namtolcheen sadarkaa olaanaan hojjetamna fayyadamu.

Akkamiin irraa ofeeguu dandeenya?

Malootni ammaan dura waliindhaha ittiin ittisuuf hojiirra oolaa ture amma sababa Hubannoo namtolcheetiin hojiirra oolanii rakkoo sana hambisuu hin danda'an.

Akka dambiin sadarkeessa daldalaa kaa'etti malootni ittiin irraa ofeeguu dandeenyu muraasni kunooti.

Nama qaamaan hin argineef maallaqa yookan kennaawwan akkasumas odeeffannoowwan dhuunfaa fi faayinaansii erguu dhiisuu

Qorannoo gadi fagoo gochuu. Fakkeenyaaf teessoon suuqichaa eessa akka ta'ee fi qabatamaa ta'uu adda baafachuu, odeeffannoon suni dhugaa ta'uusaa adda baafachuuf kallattiidhaan dhaabbaticha argachuuf yaaluu

Sababa nama tokko bilbilaan dubbistan yookan viidiyoodhaan argitaniif wanti suni dhugaadha jettanii amanuu dhiisuufaadha.

Walumaagaatti, maallaqa kanfaluu fi odeeffannoo dhuunfaa keessanii dabarsitanii kennuu keessaniin dura ittiyaaduu barbaachisa. Keessumama haalota nama muddanii fi ariitiin akka ta'an gaafatamtan keessatti ofeeggannoo barbaachisa. Sababni isaas yakkamtoonni wanti isaan barbaadan akka yeroo fudhattanii itti hin yaanne isin gochuudha.