Iraan dhiyeenya buufataalee misaa'elaasheetti waan gochaa jirtu suuraaleen saatalaayitii maal agarsiisu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Iraan yoo xiqqaate dhiyeenya buufataalee misaa'elaashee lamatti ijaarsawwan gurguddaa haaraa gaggeessaa akka jirtu xiinxalli suuraawwan saatalaayitii agarsiise.

Dabalataan biyyattiin buufataalee misaa'elaa haleellawwan qilleensarraa US fi Israa'eliin jalaa miidhaman suuphaa jiraachuushees suuraaleen kunneen akeekaniiru.

Suuraa saatalaayitii buufata waraanaa Garmdaareh dhiyeenya magaalaa Tehraanitti kan argamuufi ji'a Sadaasaa keessa kaafamerratti ragaaleen qotiisa lafaafi ijaarsawwan haaraa mul'ataniiru.

Kana malees buufata waraanaa Kaaba biyyattiitti argamuufi Shaahruud jedhamuttis bifa walfakkaatuun qotiisni lafaafi ijaarsi adeemsifamaa jiraachuu dhaabbanni xiinxalaa Biriitish MAIAR jedhamuufi suuraawwan saatalaayitii xiinxale BBC Verifaayitti himeera.

Buufataalee misaa'elaafi humna qilleensaa dabalatee yoo xiqqaate buufataalee waraanaa biroo 12'ttis mallattooleen suphaan adeemsifamaa jiraachuu agarsiisan mul'ataniiru.

Dhiyeenya daangaa Iraaqitti kan argamu buufata misaa'elaa Kermaanshaahitti gamoowwan barbadaa'an irratti baaxiiwwan haaraan ijaaramanii mul'ataniiru.

Magaalaa guddoo Iraan, Tehraanirraa gara bahaatti kan argamu buufanni waraanaa Paarchinimmoo haleellaa irra deddeebii irratti qaqqabaa tureen irra deddeebiin suphamaa turus suuraa saatalaayitii dhiyeenya mul'ateerratti gamoowwan miidhamaniifi caccabaan iddichaa kaafamaniiru.

Xiinxalaa dhaabbata basaasaa US, CIA kan ture Jim Laamsan, lafti dhiyeenya Shaahruuditti qotamaa jiru oomisha misaa'elaan hidhata qabaachuu akka danda'u himeera.

Waggoota muraasaa as buufanni humna qilleensaa Shaahruud irra deddeebiin haleelamuusaatiin tarii Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) akkaataa dhaabbilee omishaasaa gara lafa jalaatti itti jijjiiru barbaaddachaa jira ta'as jedheera.

Xiinxalaan MAIAR immoo Iraan "bu'uuraaleeshee haleellaa dabalataarraa ittisuuf jecha gara lafa jalaatti jijjiiraa jirti" jedhan.

Xiinxalaan dhimma waraanaafi ajajaa waraana Aayirish kan ture Maark Mellet immoo, dhaabbileen keessa lafaa qotuun ijaaraman faayidaa dabalataa qabaachuu hima. Innis "namoota ala ta'anii ilaalaniif hammasaa baruufi sadarkaa hojii irra jiru hubachuun ulfaataadha" jedha.

Gama biraatiin torbeewwan muraasaa as tilmaamawwan US irra deebiin Iraan irratti haleellaa banuu dandeessi jedhan irra deddeebiin dhagahamaa jiru.

Haa ta'u malee Pirezidaantii Itti aanaan US, JD Vaans waraanni Iraan filannoo walakkeessaa US torbee kana keessa adeemsifameen Paartiin Ripablikaanii akka injifatamuuf sababa ta'uu himaniiru. Sirumaayyuu waraanichi paartiinsaanii "waggoota jahan itti aananiif" Seeneetii biyyattii akka hinto'anne gochuu akka hin oolle himaniiru.

Gama biraatiin humnootiin Iraan, buufataalee waraanaa heddu kutaalee biyyattii garagaraatti argamanfi haleellaa qilleensaan miidhamanirratti suuphaa xixxiqqaa gaggeessuurratti xiyyeeffataniiru.

Buufata waraanaa Paarchin keessa kan argamu buufata Taleghaan 2 jedhamuttis ijaarsi xummuramuu suuraawwan saatalaayitii agarsiisaniiru. Buufata kanatti gamoowwan miidhaan irra gahe guutummaatti diigamaniiru, ijaarsi lafa jalaa haleellaa irratti gaggeeffameen miidhames konkiriitiin suuphameera.

Buufataalee Kaaraajfi Shaahruudittimmoo qotiisi lafaa bal'aan adeemsifamuusaa suuraaleen saatalaayitii agarsiisaniiru.

Kaaraajitti konkolaataawwan heddu kan mul'atan yemmuu ta'u, buufata humna qilleensaa dhiyeenyatti argamurratti fooyya'iinsawwan taasifamuunsaanis mul'ateera.

Suuraawwan saatalaayitii Kaaraaj "seensa yookiin balbala haaraa gara ijaarsa lafa jalaa geessu" akka agarsiisu Inistitiyuutii Qorannoo Imaammata Alaa (FPRI) keessatti qorataa xiinxalaa kan ta'an Sam Leeyir himaniiru.

Dhaabbata xiinxalaa Jeens jedhamu keessa kan hojjetan Shaan O'Koonar immoo, ijaarsi kun ejansiiwwan basaasaa biyyoota biroo goyyomsuuf kan hojjetame akka hintaane tilmaamasaanii himu.

US kanaan dura haleellaanshee fi Israa'el humna waraanaa Iraan akka malee dadhabsuusaa himaa turte. Sirumayyuu Pireezidaant Doonaald Tiraamp humni waraanaa Iraan 'guutummaatti barbadaa'era' jedhanii dubbatanii ture.

Dubbi himaan Pentaagon immoo US "diroonii, misaa'ela baalistikiifi buufataalee humna galaanarraa Iraan dhibbeentaa 90 ta'u barbadeessiteerti" jedhanii himanii ture.

Dabaluunis dandeettii diroonii furguggeessuufi haleellaa misaa'elaa biyyattii "sadarkaa olaanaan dadhabsineerra" jedhaniis turan.

Haa ta'u malee Iraan ammallee kuufama misaa'elaa olaanaa qabaachuushee himti. Viidiyoon torbee kana keessa televiziyoona biyyaalessaa Iraanin tamsaasames misaa'elawwan heddu kibbaa Iraanitti seensa ijaarsa lafa jalaatti argaman mul'iseera.

Hagayya darbemmoo gosti misaa'ela lafaa gara qilleensaatti dhukaafamufi Khordad jedhamu dhiyeenya magaalaa kibba Iraan, Bandar Abbaas jedhamtutti daandii lafa keessaa gara dirreetti yemmuu bahan televiziyoonni biyyaalessaa agarsiisera.

Dabalataan xiinxalaan MAIAR, dhiyeenya magaalaa Qomi'tti ijaarsi haaraanfi qotiisi lafaa seensa holqaa adeemsifamaa jiraachuu adda baasaniiru. Iddoon kun dhiyeenya buufata gabbisa niwukilaraa lafa keessaa Foordoo jedhamuun beekamufi US fi Israa'eliin irra deddeebiin kan haleelametti argama.

Hojiileen bu'uraalee waraanaan walqabatanii hojjetamaa jiran Iraan haleellaa US fi Israa'eliif of qopheessaa jiraachuushee agarsiisuu akka danda'an Giddugala Qorannoo Tarsiimo'aafi Idil Addunyaa, Sagantaa Nageenya Idil addunyaatti xiinxalaa waraanaa kan ta'an Maark Kaanshaan himaniiru.

"Kaayyoonsaa haleellaawwan gara fulduraa haala fooyya'een ofirraa ittisuufi" kan jedhan Maark, "kana malees diinagdee dandamachiisuurra dandeettii waraanaa irra deebiin ijaaruuf dursi kennamuusaa agarsiisa" jedhaniiru.