KALLATTIIN , 'Biyyoonni Awurooppaa nageenya Galaana Diimaa eeguuf kutannoo hin qaban'

Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii Gu'iidoo Kirooseetoo biyyoonni Awurooppaa nageenya dooniiwwan galaanarraa cimsuuf tarkaanfii qabatamaa hin fudhanne jechuun qeeqan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru irratti Biyyoonni G7 ibsa baasan

    Suuraa Loltoota Itoophiya
    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Loltoota Itoophiya

    Biyyoonni G7 jedhaman ibsa waloo kennaniin haalli nageenyaa Gaanfa Afrikaa keessattuu Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti hammaataa dhufe isaan yaaddessuu ibsan.

    Walgahii guyyoota lamaaf Paarisitti gaggeessan hordofuun, ministiroonni haajaa alaa biyyoota miseensa garee kanaa har’a Sadaasa 11, 2026 ibsa waloo baasaniin, ''waldhibdeen Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru, gara walitti bu’iinsa guddaa naannawaatti guddachuun balaa qabaachuu akka danda’u" akeekkachiisaniiru.

    Ministirootni dhimma alaa biyyoota addunyaa G7 Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Yunaayitid Kingidam fi Ameerikaa dabalatee, bakka bu’aan olaanaa Gamtaa Awurooppaas walgahii guyyoota lamaaf turu kana irratti hirmaataniiru.

    Ibsi waloo kun, haalli amma Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru yoo daran hammaachaa deeme, tasgabbii naannawaa duraanuu rakkoolee hedduun miidhame irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u akeekera.

    Akkasumas, rakkoolee namoomaa fi nageenyaa Gaanfa Afrikaa daran hammeessuu fi daandiiwwan daldala addunyaa Galaana Diimaa irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u yaaddoo isaanii ibsaniiru.

    Kanaaf Biyyoonni G7 qaamolee hundi obsa akka qabaatan, rakkoo jiru karaa waraanaa osoo hin taane karaa marii fi diplomaasii akka furan gaafatan.

    Dabalataanis, gargaarsi namoomaa namoota rakkoo keessa jiraniif gufuu tokko malee akka ga’u, akkasumas lammiileen nagaa, keessumaa dubartoonni fi daa’imman akka eegaman waamicha dhiyeessaniiru.

    Kana malees, biyyoonni naannawaa sana jiran hundi birmadummaa, fi daangaa biyyoota biroo kabajuu akka qaban akeekkachiisan.

    Itti dabaluunis, Biyyoonni G7, muddma biyyoota lamaan gidduu jiru hir’isuuf, akkasumas Itoophiyaa fi Ertiraan gara mariitti akka deebi’an gochuuf, Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaatiin tattaaffii taasifamu akka deeggaruu i itti fufanis ibsan

  2. Arsenaal Amajji keessa Endiriik fudhachuu barbaada

    Taphataa lammii Biraazil Riyaal Maadiriidiif taphatu, Endiriik

    Arsenaal taphataa Riyaal Maadiriid Endiriik Amajji keessa ergisaan fudhachuuf abbalaa jira. Kilabichi daarektara ispoortingii Andiriyaa Beertaa ejentii lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 20 ta'e kanatti ergee waliin dubbachuuf akka yaadus himamera.

    Taphataa kana fudhachuuf hawwaa kan jiru Arsenaal qofaa miti, Roomaa fi Ispporting Lisbanillee hanga xumura bara kanaatti ergisaan Endirikiin fudhachuu barbaadu.

    Haata'u malee, taphataa sarara fuula duraa kun turtii isaa Riyaal Maadirid keessatti itti fufuu abdii hin kutatiin jira.

    Maanchester Yunaayitid ammoo tarree taphatoota Amajji keessa fudhachuu barbaadanitti lama dabalaniiru. Isaanis taphataa lammii Rippablika Ayerlaand sarara gidduu yeroo ammaa Bireentifooord keessa jiru umuriin isaa waggaa 25 Naataan Koolliins fi taphataa lammii Naajeeriyaa umuriin isaa waggaa 26 amma Fuulhaam keessa taphatu Kalviin Baasiidha.

    Kana malees, Arsenaal sarara fuula duraa isaa cimsachuuf taphataa sarara gidduu Ispeen yeroo ammaa Atileetikoo Maadiriid keessa taphatu umuriin isaa waggaa 25 ta'e Aleks Baa'enaa, taphataa sarara cinaa lammii Noorwey umuriin isaa waggaa 21, RB Leepzhing keessa taphatu, akkasumas taphataa saarara fuula duraa Bornimaawoz umuriin isaa waggaa 20 horodofaa jira.

    Arsenaal jijjiirraa ji'a Amajjii keessa taasifamu kanaan ni milkaa'aa?

  3. Abiy Ahmad Pirezidantii Somaaliyaa dhiyeenya Itoophiyaa ganan jedhamuun qeeqaman waliin maal mari'atan?

    Hasan Sheek Mohaammad fi Abiy Ahimed
    Ibsa waa'ee suuraa, Hasan Sheek Mohaammad fi Abiy Ahimed

    Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimed yaa'ii haala qilleensaa COP31 Turkitti gaggeefamu madditti hoggantoota biyyoota gara garaa waliin mari'ataniiru.

    Yaa'ii haala Qilleensaa waggaa COP31 Tarkitti gaggeefamu kanarratti MM Abiy hoggantoota biyyoota adda addaa waliin mari'atan keessaa tokko Pirezidaantii Turkii Recep Tayyip Erdogan turan.

    Kana malees, dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, MM Barbaadoos, MM Noorweey fi Pirezidaantii Finlaandi waliinis mari'ataniiru

    MM Abiy Pireezdaantiin biyya ollaa taate, Somaaliyaa, Hasan Sheek Mohaammad waliinis mari'ataniiru.

    Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud waliigaltee 'El-Alamin kan dhimma Laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa irratti dantaa Itoophiyaa daangessa jedhame Masirii, Ertiraa fi Sudaan waliin mallatteessun Itoophiyaa 'gane' jedhamuun qeeqamaa ture.

    MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti akka maxxansaniitti, Hasan Sheek waliin haala nageenyaa Somaaliyaa yeroo ammaa fi tasgabbii naannawaarratti mari’achuu isaanii ibsan.

    Hariiroo isaanii cimsuuf marii isaanii akka itti fufanis eeraniiru.

    Murteen Somaaliyaa waliigaltee biyyoota faallaa Itoophiyaa dhgaabbatan jedhaman deeggaruu baatii Onkololessaa darbe aanga'oota Itoophiyaa biraatti komii guddaa kaase ture.

  4. Godina Guraageetti nama du'e boollaa baasuf namni boolla bu'e ofiifis du'e

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Godina Guraageetti nama du'e boollaa baasuf namni boolla bu'e ofiifis du'e

    Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa godina Guraageetti nama boolla bishaanii qotuuf boolla seene baasuuf namni lammaffaa boolla seene du'uu waajjirri poolisiin magaalaa Araqix beeksise.

    Sababni du'a namoota lamaan boolla tokko keessatti lubbuun isaanii darbe kanaa mata-duree marii ta'eera.

    Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalattii Saajin Olaanaan Akmal Shiifaa BBCtti akka himanitti, Onkoloolessa 27 bara 2019 (A.L.I) namni jalqabaa boolla qotaa ture lubbuun isaa kan darbe osuma boollicha keessa taa'uu ti.

    Namni umriin waggaa 50 Makbib Gabree abbaa ijoollee afurii akka ture poolisiin ibsaniiru.

    Akka ajajaan poolisii kun ibsanitti, Makbib inni haada qabatee boolla gadi fageenya meetira ja'aa (6) qabu keessa seene, erga boolla bu'ee turtii muraasa booda "gadi mucucaatee taa'ee" hafe.

    Gargaaraan isaa inni waliin hojjechaa ture yeroo waamu deebii waan dhabeef, jiraattota naannoo fi poolisiif eeruun kennameera.

    Poolisiin erga dhufee booda hiriyaan namicha du'ee fi namni ganna 35 Taammiruu Argaa gara boollaa seenee reeffa isaa baasuuf fedhumaan boolla bu'uu Saajin Olaanaa Akmal ibsan.

    Ajajaan olaanaan kun haala du'a nama lammaffaa yeroo ibsan, "Gadi seenee reeffa bira ga'e, reeffa isaa yoo laalu garaa isa nyaannaan hammatee dhungate, hammatee boo'aa osoo jiruu innis hollachuu jalqabe. Turtii muraasa booda keenyanitti hirkatee daqiiqaa lama osoo hin guutin lubbuun isaa darbe" jedhaniiru.

    Namni lammaffaan lubbuun isaa erga darbee booda, reeffa namoota kanneenii baasuuf namni biraan gara boollichaatti akka hin seenne taasifameera.

    Kanaa mannaa, haadni (funyoon) qophaa'ee morma reeffa isaaniitti kaa'uun humna namaatiin harkifamee akka ba'u taasifamuu itti gaafatamaan kun beeksisaniiru.

    Reeffi lamaanuu maatii isaaniitti kennamanii sirni awwaalchaa isaanii raawwatameera. Sababni namoonni lamaan kun lubbuun isaanii itti darbe hanga ammaatti sirriitti hin beekamne.

    Komishiniin Poolisii Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa odeeffannoo dhimma kana irratti baaseen, haalicha "haala du'aa amanuuf nama rakkisu" jechuun ibseera.

    Poolisiin magaalaa Araqixis hanga ammaatti wanti namoota lamaan du'aaf saaxile maal akka ta'e akka hin beekamnee fi reeffa irratti qorannoon yaalaa akka hin taasifamne ibseera.

    "Yeroo baay'ee nuti qorannoo kan goonu 'namni dhiibe, ajjeese' isa jedhu irratti, shakkii ajjeefameera jedhu yoo jiraate qofa qorannoo goona" jechuun sababa qorannoon reeffaa itti hin taasifamne ibsaniiru.

    Akka itti gaafatamaan poolisii kun ibsanitti, lamaan isaaniituu hojii boolla qotuu irratti muuxannoo kan qaban yoo ta'u, naannichatti balaan akkanaa yeroo mudatu kun isa jalqabaati.

    Taatee kana irratti shakkiin ajjeechaa akka hin jirre ibsuun, namni lammaffaan boollicha keessatti lubbuu isaa dhabuun isaa shakkiin namni jalqabaa ajjeefamee du'e jedhu akka badu taasiseera jedhan.

    Itti gaafatamaan poolisii kun namoonni hojii boolla qotuu irratti bobba'an of-eeggannoo akka taasisan dhaamaniiru.

  5. Waraanni US Raashiyaaf basaasuun shakkame UK keessatti hidhaa bu'e

    Bakka shakkamaan kuni keessa ture
    Ibsa waa'ee suuraa, Bakka shakkamaan kuni keessa ture

    Miseensi waraana US Raashiyaaf basaasuun shakkamee hidhamuu poolisiin farra-shororkeessummaa Biriitish beeksise.

    Nami ganna 41 kuni gaafa Kibxataa bakka Giluustar jedhamutti to'atame.

    Akka poolisiin himetti, qondaalonni poolisii Giluustarshaayir keessatti bakkee lama qofannoo gaggeessu.

    Poolisiin farra-shororkeessummaa qorannoon kuni qorannoo durumaa adeemaa jiru waliin hidhata hin qabu jedhe.

    Loltuun maqaan isaa hin dhahamne kuni yeroo ammaa buufata poolisii Landan keessatti argama.

  6. Xaaliyaaniin biyyoonni Awurooppaa nageenya Galaana Diimaa eeguuf kutannoo hin qaban jette

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Gu'iidoo Kirooseetoo

    Ministirri Dhimma Alaa Gu'iidoo Kirooseetoo biyyoonni Awurooppaa nageenya dooniiwwan galaanarraa cimsuuf tarkaanfii qabatamaa hin fudhanne jechuun qeeqan.

    Kirooseetoon ji’a Fulbaanaa keessa Gamtaan Awurooppaa ergama eegumsa galaanaa bara 2024 hundeesse akka cimsu waamicha dhiyeessanii turan.

    Ergamni kun kan eegalame haleellaa dooniiwwan daldalaa irratti hidhattoota Huutii Yaman keessa socho’anii fi Iraaniin deeggaramaniin raawwatamu ittisuuf ture.

    Ministirichi akka Rooyitarsiif himanitti “Hanga ammaatti jijjiirama qabatamaa ta’e hin argine” jedhan.

    Haa ta’u malee, itti gaafatamtuun dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa Kaajaa Kaalaas gaaffiin Xaaliyaanii guutummaan sirrii ta'uu akka hubatan dubbataniiru.

    Kaalaas qeeqa ministira ittisaa Xaaliyaanii hordofuun xalayaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa 27'f barreessaniin, ergamichi sirriitti bu’a-qabeessa akka ta’uuf dooniiwwan waraanaa 10 ol akka barbaachisan ibsuun, biyyoonni kunneen gumaacha isaanii akka guddisan gaafataniiru.

    Akka gaazexaan Xaaliyaanii Il Sole 24 Ore gabaasetti, mariin biyyoota miseensota gidduutti taasifamaa jiru hanga ammaatti bu’aa hin buufne.

    Sababoota keessaa tokko biyyoonni tokko tokko humna waraanaa daangeffame waan qabaniif dooniiwwan isaanii bobbaasuuf fedhii dhabuu isaanii akka ta’e himameera.

    “Duulawwan Awurooppaa keessaa gara harka tokko sadaffaa kan ta’an gumaacha Xaaliyaanii irratti kan hundaa’aniidha. Biyyoonni nu caalaa baay’ee gurguddoo ta’an garuu kanarra baay’ee xiqqaa gumaachaa jiru” jechuun Kirooseetoon dubbataniiru.

    “Ergamawwan kana irratti gumaacha gochuun sirrii yoo ta’e, biyyoonni hundi haala madaalawaa ta’een gumaachuu qabu” jechuunis yaadachiisaniiru.

    Walitti bu’iinsi Ameerikaa, Israa’elii fi Iraan gidduu jiru sararawwan murteessoo daldala addunyaa fi dhiyeessii anniisaa kan ta’an Baab al-Mandabii fi Qarqara Galaanaa Hormuuz jeequudhaan baasiin doonii akka ol ka’uu fi dhiibbaan qaala’insa jireenyaa akka dabalu taasiseera.

    Akka waldaan abbootii qabeenyaa doonii Assarmatori jedhamu ibsetti, daldalli Xaaliyaaniin addunyaa alaa waliin qabdu keessaa gara 40% kan ta’u Bo’oo Suwiiz fiixee kaabaa Galaana Diimaatti argamu keessa darba.

    Yeroo dhiyoo asitti hidhattoonni Huutii haleellaa dooniiwwan daldalaa fi dhaabbilee tarsiimawoo irratti raawwatan yeroo cimsan, Sa’uudii Arabiyaanis Yaman keessatti iddoowwan xiyyeeffannoo Huutii irratti haleellaa qilleensaa gaggeessuu itti fufteetti.

  7. Tiraamp himannaa maqaballeessi doolaara biil 10 BBC irratti bane akka ittifufu dhaddachi eeyyame

    Donaaldi Tiraamp

    Daanyaan Filooriidaa Pireezidant Donaaldi Tiraamp himannaa maqa balleessii BBC irratti bane akka itti fufu eeyyame, dhaabbatichi garuu himannaan kuni akka haqamuuf gaafataa ture.

    Tahus abbaan murtii Jeefrii Kaantiz himannaa lammataa Tiraamp kaasan haqeera.

    Pireezidant Tiraamp sagantaa waa'ee jeequmsa Kaappitaal Hiil bara 2021 BBC'n haasaa Tiraamp gargaraa lama walitti gulaalee dhiyeesse jedhe irratti himannaa bane.

    Tiraamp murtoo darbe ''injifannoo guddaa' jechuun Kibxata kaleessaa miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti maxxansan.

    Dubbii himaan BBC ''murtoo kanaan baayyee dinqamne garuu murtoo dhaddachaa ni kabajna jechuun himanni gara sadarkaa aanutti deema,'' jedhe

    Dubbihimaan BBC ''ejjennoo qabannetti ammallee ni amanna garuu ammoo karaa seeraa sirrii taheen deebii kennina,'' jedhan.

    Daanyaa Kaantiz himannaan maqaballeessii Tiraamp BBC irratti bane akka itti fufu eeyyamus himannichi ragaa qabatamaa qabaachuu hin murteessine.

    ''Pireezidantichi himannaa baneef ragaa haa dhiyeessuun mirkaneesses dhiises miidhamni irra gaheera,'' jedhe.

    Tiraamp himannaa Filooriidaatti BBC irratti baneen haasaasaa Kaappitaal Hiil bara 2021 ''beekaa, hamminaafi gowwomsaan'' walitti gulaale jedhe

  8. Yaaliin Ministira Waraanaa US buqqisuuf taasifame fashale

    Ministira Ittisaa US Piit Hegset

    Eeyyama kongirasii malee Iraan irratti waraana bane jechuun Ministira Ittisaa US Piit Hegsez aangoorraa buqqisuuf yaaliin taasifame Kaappitaal Hiilitti fashale.

    Miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa keessaa garri caalu gaaffii aangoorraa akka buqqa'aan dhihaate gara koreetti dabarsaniiru.

    Kana jechuun yaalii miseensa kongirasii Rippablikaanii Tomaas Maasi dhiheessan jalaa bishaan naqeera.

    Ji'a jaha keessatti yeroo jalqabaaf Pentaagoni ibsa kan kennan Hegseet, yaalii aangoorraa isaan buqqisuuf taasifame ''qirixxisadha'' jechuun deebisan.

  9. Ashamaa!

    Sangaa gaafa guddaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Sangaa gaafa guddaa akkanaa maal jedhanii waamu?

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegale.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa gaggabaabsinee isin biraan geenya.

    Odeeffannoo tamsaasa kallattii duraan dabarsaa turre asii argattu.

    Odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    Lafa nagaa oolaa!