Diinagdeen Itoophiyaa Afrikaatti 5ffaa qabate, kun attamiin ta'a? Maal agarsiisa?

Fakkii magaalaa Finfinnee fi guddina dinagdee biyyattii agarsiisu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Itoophiyaan bu'uura guddina dinagdee ykn Omisha Waliigalaa Biyyaa (GDP) kaanaan dura ittiin shallagamu jijjiiruu hordofee dinagdeen biyyattii biyyoota Sahaaraa gadi jiran keessaa sadarkaa sadaffaa akka qabattu gochuun gabaafameera.

Akka Afrikaa waliigalaatti ammoo Afrikaa Kibbaa, Masirii, Naayijeeriyaa fi Aljeeriyaatti aantee sadarkaa shanaffaa akka qabattu ishee taasiseera.

Barri akka ka'umsaatti GDP biyyattii shallaguuf fudhatame duraanii 2015/2016 amma gara 2024/2025 jijjiirameera.

Tooftaan shallaggii haaraa kun ammoo maloota fooyyaa'oofi akaakuuwwan maddeen dinagdee haaraa kanneen akka interpiraayizoota mootummaa, dhaabbilee bu'aa argachuu kaayyoo hin godhanne, akkasumas sektaroota dinagdee haaraa warra akka maallaqa dijitaalaa dabalatee dhiyeenya keessa mul'achaa dhufan hammachuun caalaa hunda galeessa kan ta'edha.

Dabalataanis, bifa caasaa dinagdee biyyattii akka haaraatti uumamaa jiraniis kan dabalatudha.

Haaluma kanaan, ka'umsi bara shallaggiin kun jijjiiramuu hordofee dinagdeen Itoophiyaa bara 2024/2025 %59.2n guddachuun, Dolaara Biliyoona 201.42 qaqqabeera.

Ka'umsa dinagdee fooyyeessuun shaakala sadarkaa idil-addunyaarratti fudhatama qabu yoo ta'u, dhiyeenyuma kana biyyoonni akka Keeniyaa, Naayjeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa maddeen dinagdee isaanii warra akka idustiriiwwan haaraa mul'achaa jiraniifi jijjiiramawwan dinagdee biroo akka hammatu gochuuf tarkaanfii kana fudhataniiru.

Bu'aa ka'umsa GDP kana wayita beeksistutti Ministirri Maallaqaa Fitsum Asaffaa, karoora dinagdee, imaammata maallaqaa fi fisikaalaa, akkasumas galii biyya keessaa sassaabuu fooyyeessuurratti gahee guddaa qabaachuu ibsiteetti.

Itti dabaluun, safartuu dinagdee sirrii qabaachuun bu'uura imaammata misoomaa ragaa irratti hundaa'e cimsuun mootummaan guddina, caasaa fi raawwii dinagdee bifa fooyya'aa ta'een madaaluu dandeessisa jette.

Kana malees, irra deebiin bu'uura shallaggii hordofee lakkoofsi guddina dinagdee fooyyaa'e kunis raawwii liqaa waaraa madaaluu, reeshoo qaraxaa/gibiraa-fi- GDP gidduu jiru fooyyeessuu, akkasumas carraawwan galii biyya keessaa bal'isuu keessatti gahee taphatu akka qabu ibsiteetti Dr. Fitsum Asaffaa.

Sadarkaa dinagdee Itoophiyaan irratti argamtu fooyyeessuun alatti, shallagni GDP haaraa kun akkaataa dinagdee Itoophiyaa safaruu ammayyeessuu keessatti tarkaanfii barbaachisaa yoo ta'u, karoorri biyyaalessaas jijjiirama qabatamaa dinagdee biyyattii waliin akka wal simatu gochuuf ni gargaara.

Aanga'oota wayita ka'umsa GDP haaraa Itoophiyaa ifoomsanitti
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Darribee Mokonnin Dammaqsaa (PhD) hayyuu dinagdee biyya Noorwey keessatti gorsaa Faayinaansiiti.

Bu'uura (ka'umsa) shallaga GDP foyyeessuu [Rebasing GDP] jechuun maal jechuudha? dinagdee Itoophiyaa irratti ammoo jijjiirama fidu qabaa? jechuun BBCn gaafateera.

Bu'uura ykn ka'umsa GDP haaromsuun (Rebase GDP) jechuun hundee dinagdeen irraa ka'uun lakkaa'ame ykn shallagame jijjiiruu jechuudha jedha hayyuun dinagdee kun.

Ka'umsa duraan ture jijjiiranii yeroo ka'umsa biraa bu'uureffachuun shallagamu lakkofsi guddina dinagdee (GDP) irratti jijjiirama akka uumu kan himu Darribeen, "kun amma GDP Itoophiyaa keesatti garaa garummaa guddaa uumee jira" jedha.

"GDP jechuun ammoo sadarkaa biyyi tokko omisha biyya keessatti omishuu dandeessu farankaadhaan shallagamee yogguu taa'u jechuudha."

Tarkaanfiin ka'umsa/bu'uura shallaggii GDP fooyyeessuu kun bifa gara garaatiin faayidaa inni qabu ilaaluun ni danda'ama kan jedhu hayyuun kun, "inni jalqabaa omishni biyyattii keessa qabatamaan lafarra jiru akka akkaawontii biyyattii keessatti mul'achuu danda'u taasisuun investimentii adda addaa harkisuufillee ni gargaara," jechuun ibsa.

"Biyyattiinis omisha waggaa tokko keessatti omishuu dandeessu sirriitti yoo tilmaammatte, isarratti hundooftee karoora baafattee yoo hojjette jiruu fooyyee qabu fiduu dandeessi."

"Gama biraatiin yommuu ilaalamu ammoo wayita GDPn akkasitti ol ka'e biyyattiin idaan/liqaan isheerra jiru xiqqaachuu ni danda'a. Sababiin isaa jedha Darribeen, reeshoon GDP biyyattiifi idaan irra jiru yeroo ilaalamu 'waraqatarratti' xiqqoo fakkaachuu danda'a."

Haata'u malee, idaa kaffalamurratti garaagarummaa inni fidu hin jiraatu.

Akkaataa sirreeffama ammaa kanaan GDPn takkaatti ol ka'uun, qaraxa mootummaan biyya keessaa guuruu danda'u sirreessuuf akka gargaaru hima Darribeen.

GDPn ol ka'e kun reeshii gibira biyya keessaa sassaabaa ture waliin yeroo ilaalamu xiqqeessee mul'isa.

Kanarratti hundaa'uun mootummaan garaa garummaa jiru sirreessuun qaraxa sirriitti walitti qabuu akka danda'u gargaara jedha.

Walumaa galatti qaraxa ykn gibirri Itoophiyaan walitti qabu kan biyyoota biroo waliin wal bira qabnee yoo ilaalle ''baayyee xiqqaadha,'' kan jedhu hayyuun dinagdee kun, jijjiiramni shallaggii GDP kun kanarratti fooyya'insa fiduu akka danda'u ibseera.

"Kanaan alatti, jiruu ummataa irratti qabatamaan jijjiirama hanga kana fida wanti jedhu hin jiru."

GDPn biyya tokko biyya keessatti hangam omishuu dandeessi kan jedhu agarsiisuurra darbee jiruuf ijireenya ummataa irratti kallattiin fooyya'insi inni fidu akka hin jirres ni kaasa.

Inumaattiyyu yeroo tokko tokko tarkaanfiin akkasii kun namoota harka qalleeyyii ta'an irratti jireenya akka qaala'u gochuun ni mala.

Walumaagalatti hanga biyyattiin omishuu dandeessu sirriitti baruuf gargaara; isa biratti ammoo investimentiif wanti fayyadu jiraachuu danda'uurraan kan hafe lafarratti qabatamaan dinagdeen ammatti tokkoo tokkoo ummataaf jijjiru hin jiraatu.

Dorgommii dinagdee biyyoonni walii isaanii gidduutti ni taasisu. Kanaaf ammoo Itoophiyaan amma Afrikaarraa dinagdee isa shanaffaa taateetti ykn ammoo biyyoota Sahaaraa gadii keessaa ammoo sadaffaa qabatteetti waan jedhu kun maqaa garii fooyyaa'aa ta'e tokko akka uuma kaasuun ibsa.

"Biyyoonni kaan maqaa [image] Itoophiyaan sammuu isaanii keessatti qaban akka fooyyaa'u gochuu ni danda'a," kan jedhu hayyuun kun, wanti guddaan GDPn kun tokkoo tokkoo ummata biyyattiif yeroo qoodametti hangam gaha? isa jedhutu murteessaa ta'uu dubbata.

Kan biyya ollaa Keeniyaa akka fakkeenyaatti kaasuun, GDPn baayyina ummataaf yeroo qoodamu, kan Itoophiyaa ammallee baayyee gadi aanaa ta'uu ibsa. GDPn waliigalaa Itoophiyaa kan biyya ollaa Keeniyaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalame guddaa ta'ullee, mataa mataatti qoodamee (per capita) yoo ilaalamu ammallee gadi bu'aadha.

"Badhaadhina jechuun ammoo gaheen ummataa mataa mataatti isa gahu ol ka'aa yoo ta'e waan ta'eef, ummataaf qabatamatti waan dabalu hin jiru ykn hin mul'atu."