Itoophiyaa haleellaan saayiberii hangam yaaddessa?

Hundeessaa fi Daayirektara Waldaa Nageenya Saayibarii Itoophiyaa Birhaanuu Bayyanaa (Ph.D)
Ibsa waa'ee suuraa, Hundeessaa fi Daayirektara Waldaa Nageenya Saayibarii Itoophiyaa Birhaanuu Bayyanaa (Ph.D)
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Haleellaan saayiberii dhiheenya Faransaayitti raawwatame haleellaan saayiberii kompitarootaa fi weebsaayitootarra darbee jireenya guyyuu dhala namaa miidhuu akka danda'u mul'ise.

Haleellaa Supparmaarkeetii keessatti hoo'insi qabbaneessituuwwanii akka olka'u godhe Kanaan nyaatni fi dhugaatiiwwan gatii miliyoonaan lakkaa'amu baasan akka manca'u godhe.

Sanaan boodas Biyyoota Awurooppaa adda addaa keessatti haleellaan walfakkaataan gahuun gabaafameera.

Haleellaawwan kuni walii isaaniitiin qunnamtii qabaachuun baramuu baatus, daldala qinxaaboo fi cancala daldalaa irratti haleellaan gahuu malu xiyyeeffannaa akka argatu taasise.

Daayireektarri Olaanaan Bulchiinsa nageenya Neetworkii Infoormaashinii (INSA) Tigist Hamiid "Lammii dammaqaa biyya nageenyishee eegameef" dhaadannoo jedhuun baatii nageenya saayiberii 7ffaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, akka addunyaattis ta'ee biyyaatti dhiibbaa fi hammenetaan haleellaa saayiberii dabalaa dhufuu akeekan.

Kisaaraan dinagdee waggaatti sababa haleellaa saayiberiitiin gahu Doolaara Tiriiliyoona 9.5 hanga 10.5 akka gahus eeran.

Itoophiyaattis yaaliin haleellaa saayiberii waggaadhaa waggaatti dabalaa dhufuufi bara 2018 keessatti qofa yaaliiwwan haleellaa saayiberii kuma 71 caalan galmaa'uu himan.

Haleellaan Saayiberii maali?

Hundeessaa fi daayireektarri olaanaa waldaa nageenya saayiberii Itoophiyaa Dr. Birhaanuu Bayyanaa akka jedhanitti, haleellaa saayiberii jechuun sirna Kompitarootaa, kuusaa daataa, yookan weebsaayitoota irratti haleellaa dijitaalaa seeran ala raawwatamu jechuudha jedhu.

Addunyaarratti gosootni haleellaa Saayiberii mul'atan hanna ragaalee, waliindhaha Iimeelii Maalweerii fi Raansimweeeriidha.

Itoophiyaatti tajaajila Dijitaalaa babal'achaa jiru hordofee yaaddoon haleellaa saayiberii dabalaa akka jiru ogeessonni dhimma kanaa BBC'n dubbise nihimu.

Haleellaan Saayiberii maalif dabale?

Akka Dr. Birhaanuun jedhanitti, haleellaan Saayiberii dabaluun jijjiiramoota teeknolojii fi ji'oopolotikaa hedduu waliin walqabata.

Kunneen keessaa ce'umsi dijitaalaa saffisaa jiru, babal'ina hubannoo namtolchee, heddummachuu haleellaawwan Ransimweerii, muddama siyaasaa biyyoota gidduu jiru, waliindhaha namoota gidduutti uumamu fi saaxilamummaa meeshaalee teeknolojiti.

Keessumaa ammoo hubannoon namtolchee haleellaa geessisuu fi too'achuufis hojiirra ooluun haalicha waan amma dura turerra walxaxaa taasiseera.

Dargaggeessa kompitararratti hojjechaa jiru.

Akka Dr. Birhaanuun ibsanitti, waraanawwan amma deemaa jiran waraana ifaa fi dhokataa jennee osoo qoodnee, waraanni dhokataan akka caaluu fi kunis daataa fi nageenya saayiberii irratti kan bu'uureffate ta'uu hubachiisu.

Haleellaan saayiberii nama giddugaleessa godhate sabaoota keessaa kan eeramu yoo ta'u, amala nama sanaa qorachuun karaa amala nama sanaatti fayyadamuun waliindhahuun haleellaa baratamaa dhufee fi too'achuuf rakkisaa ta'e ta'uu eeru.

Kiriiptookaransii fi Daark weeb ammoo sababoota haleellaa saayiberii biroo ta'uu eeruun, Dhaabbanni Kiriiptookaransii beekamaan, Baayinaans saamichi Doolaara Biliyoona 6.3 gahu karaa haleellaa dijitaalaan saamichi irratti raawwatamuu beeksise.

Kiriiptookaransiin mala daldalaa dhoksaadhaan raawwatamu waan ta'eef haleellaa saayiberiitiif haalan saaxilamaa ta'uu hubachiisan.

Kanneen Haleellaa raawwatan adda baasuun danda'amaa?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Itoophiyaatti qindeessituu waldaa nageenya Saayiberii kan taate Matildaa Jovaanii qorannoo forensiikii dijitaalaa fayyadamuun ka'umsa haleellichaa, mala haleellaa kana raawwachuuf fayyadamanii fi haleellichi eenyu fayyaduu akka danda'u xinxaaluun bakka irraa ka'e adda baasuun ni danda'ama.

Ta'ulleen haleellaan saayiberii waan idiladdunyaa waan ta'eef, biyyootni hedduun serveroota adda addaa waan fayyadamaniifi meeshaalee eenyummaa nama saan dhoksan waan fayyadamaniif nama haleellaa sana raawwate adda baasuu ulfaataa taasisa.

Teessoowwan IP, maqaawwan mandhee fi koodii maanweerii xiixaluun ka'umsa haleellichaa fi nama raawwate adda baasuuf gargaara.

Maloota haleellichaa, afaan ittiin ergaan xumuraa galee fi sa'aatii haleellichi itti raawwatame qorachuun waa'ee warra haleellaa raawwate sanaa manyee argachuun ni danda'ama.

Daddabarsa maallaqa Kiriiptookaransii faana dhahuun kaayyoo haleellichaa xiinxaluun namoota haleellaa sanaan duuba jiran adda baasuuf akka gargaaru ogeessonni BBC'n haasofsiise nihimu.

Ta'ulleen warri haleellaa sana raawwatan itti yaadanii ashaaraa nama kan biraa hambisuu waan danda'aniif ogeessonni manyeewwan teeknikaa fi amalaa hunda qindeessuun eenyummaa nama haleellaa sana raawwatee tilmaama kaa'u.

Hangam Yaaddessaadha?

Ogeessonni waldaa nageenya saayiberii Itoophiyaa akka jedhanitti, haleellaan saayiberii kisaaraa faayinaansiitiin alatti nageenya biyyaa, dinagdee, tajaajila uummataa fi tasgabbii hawaasummaa jeequu danda'a.

Haleellaawwan ammayyaa hamma ragaatiin alatti tajaajila baankii adda kutuu danda'u, tamsa'ina elektiriikii gufachiisuu danda'u, sirna tajaajila fayyaa haleeluu, ragaalee sobaa facaasuun hokkora hawaasummaatiif ka'umsa ta'uu danda'u.

Ogeessonni addunyaa akka jechaa jiranitti, maddi dhibdee gara fuulduraa lafa, galaanarraa fi qilleensarraan alatti dirree dijitaalaa irratti raawwatama.

Itoophiyaan hangam saaxilamtuudha?

Itoophiyaatti cehumsi Dijitaalaa saffisaa dhufuu hordofee bu'uraaleen misoomaa haleellaa saayiberiitiif saaxilamuu danda'anis baayyachaa jiru.

Kunneen keessaas maddeen anniisaa fi hidhawwan, dhaabbilee fayyaa, baankiifi sirnoota kaffaltii, teeleekominikeeshinii, tajaajila Aviyeeshinii fi sirni odeeffannoo mootummaa ni eeramu.

Keessumaa fayyadamtoonni interneetii baayyachuun, moobaayil baankingii fi sirni kaffaltii dijitaalaa babal'achuun nageenyi saayiberii qaama nageenya biyyaa akka ta'u godheera.

Maaltu taasifamuu qaba?

UK'tti akeekkachiisa yaaddoo saayiberii Onkololeessa 2026 baheen lammiileen yoo xiqqaate nyaataa fi bishaan guyyoota sadiif isaan gahu akka kuufatan gorse.

Jaappaaniis haaluma walfakkaatuun sadaasa bara 2026 irraa eegalee qajeelfamni ittisa balaa haaraa hojiirra ooleen lammiileen guyyoota sadiif yookan torbee tokkoof waan isaan gahu manatti akka kuufatan yaadachiise.

Jarman, Iswiidin, Noorweey fi Fiinlaand yaaddoo haleellaa saayiberii dabalaa dhufeen lammiileen isaanii balaawwan tasaatiif qophii akka ta'an irra deddeebiin gors laachaa turan.

Ameerikaatti Ejensiin bulchiinsa yeroo balaa Federaalaa (FEMA)'n qajeelfama qophaa'ummaa yeroo balaa yeroo dheeraadhaaf beeksisaa tureen maatiin hundi yoo xiqqaate nyaata guyyaa sadiif isaan gahu, bishaaniifi meeshaalee adda addaa isaan barbaachisu akka qopheeffatan gorse.

Maatildaa Joovaanii, ogeettii nageenya saayibarii
Ibsa waa'ee suuraa, Maaltiidaa Joovaanii, ogeettii nageenya saayibarii

Akka Dr. Birhaanuun jedhanitti, biyyoota kunneenitti haleellaan saayiberii yookan balaan biraa osoo mudatee lammiileen akka oftiksaniif ergaawwan ofeeggannoo fi qophaa'ummaa laatu.

Afrikaatti garuu sirni hubannoo hawaasaa guddisuu fi balaa dhufuu maluuf dursanii qophaa'uu kuni sadarkaa barbaachisuun hin guddanne. Kanaaf jecha Hubannoo hawaasaa, qophaa'ummaa dhaabbilee fi imaammata cimaa barbaachisa.

Mitildaan ofeeggannoowwan godhamuu qaban jedhan yoo eeran, qalbifannaa haleellaa saayiberii guddisuu, hojjettootaaf leenjii kennuu fi qorannoo siistamaa yeroo yeroodhaan taasisuudha.

Kana malees imammatoota ittisa haleellaa saayiberii hojiirra oolchuu, yaaliiwwan haleellaa yeroo mul'atan hataattamaan gabaasuu fi misoomawwan bu'uuraa murteessoo ta'an eegumsa addaa jala galchuu gorsiti.

Haleellaan supparmaarkeetota Faransaayi irratti qiyyaafame haleellaan saayiberii hanna ragaalee irratti kan daangeffame akka hin taane akeeke.

Bara Sirnootni dijitaalaa dinagdee, cancalli soorataafi fayyaa qaaman nageenya biyyaalessaa ta'anitti ,nageenyi sayaiberii dhimma teeknolojii qofa osoo hin taane dhimma misoomaa fi birmadummaa ta'a.

Yeroo Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa hedduun Bu'uuraaleen misoomaa dijitaalaa isaanii babal'achaa jiru kanatti humna ittisa haleellaa saayiberiitiin walmadaalu ijaaruun qorumsa cimaa taha.