Yaaddoo nageenya oonlyaanii daa'immanii Itoophiyaatti dabale

Madda suuraa, UNICEF Ethiopia
Gabaasni qorannoo UNICEF Bitootessa 2022 keessa maxxanfame akka agarsiisutti Itoophiyaatti daa'imman umriinsaanii ganna 12-17 jidduu ta'an 4 keessaa 1 (25%) interneetii fayyadamu.
Gabaasa kana keessatti baay'inni ijoollee dhiiraa fi shamarranii baay'ee wal hin caalu.
Daa'imman interneetii fayyadaman keessaa 2/3ffaan isaanii waayee nageenya (eegumsa) oonlaayinii beekumsa hin qaban.
18% daa'imman interneetii fayyadamanii immoo nama as dura wal hin beekne kan oonlaayinii wal dubbisaniin qaaman wal argu.
Daa'imman interneetii fayyadaman kanneen keessaa 10% (tarii daa'imman 300,000) qoccolloo saalaaf saaxilamuu mul'iseera qorannoon kun.
Dhimma kana irratti aangawaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Itoophiyaa BBC'n dubbise sadarkaan balaa rakkoo kanaa daran hammaachuu dubbatanii jiru.
Nageenya oonlaayinii daa'immanii aggaammii jabaa jala jiruuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa ibsanii jiru.
Ofii nageenyi oonlaayinii daa'immanii kun Itoophiyaatti hagam yaaddessaa dha? Maaltu fala?

Madda suuraa, Getty Images
Yaaddoo maatii
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Aadde Leensaa Qajeelaa jiraattuu magaalaa Shaggari. Ijoollee lafaa dhufa bilbila ismaartifoonii fayyadamuu jalqaban qabu.
Waayeen nageenya oonlaayinii ilmaan isaanii kan daran isaan yaaddessu keessa nama tokko aadde Leensaan.
Yeroon kun kan itti ijoolleen gara caalaa yeroo isaanii oonlaayiniitti dabarsani jedhu.
"Nuti immoo akka maatiitti yaaddoon qabnu ijoolleen barumsa caalaa miidiyaa hawaasaarratti dabarsu. Hiriyaatti haasawu fageenyas dhiyeenyas, nama sirriis sirrii mitis wanti jedhamu hin jiru. Wanti adda baafamu hin jiru."
Haalli kun barnoota isaaniirratti illee dhiibbaa akka qabu yaaddoo guddaadhaan ibsu.
"Ijoolleen akka durii yeroo itti sammuu ofiitiin yaaduu dhiisanii hoji-manee ykn (assignment) ChatGTP'dhaan hojjechuu, sammuu isaanii hojjechiisuu mannaa isarratti hirkatanii deebii isaa mana barnootaa fuudhanii deeman ni argina. Inni kun yaaddoo guddaa dha" jedhu.
Ijoolleen waan qophaa 'aa akkasiirratti hirkachuun borii isaaniirratti dhiibbaa olaanaa akka qabaatullee ibsatu aadde Leensaan.
Darbees wanni onlaayinii kun hammam qabatamaa dha kan jedhu hin mirkaneeffatani jedhu aadde Leensaan.
"Horii oonlaayiniirraa ni argama jedhanii yoo haasawan ni dhageessa. Fedhii isaaniis immoo gaafa ati gaafattu hojii oonlaayiniii kanaa wajjin gaafa wal qabsiisan ni argita."
Haala kanaan ijoolleen bor iftaan sammuu isaanii hojjechiisanii, yunivarsiitii dhaqanii milkaawuu caalaa karaa qaxxaamuraan waa argachuun erga jiraatee namni maaf dadhaba jedhanii akka yaadan dubbatan haati kun.
Nageenyi oonlaayinii daa'immanii kun dhimma belbeltuu yeroo kanaa ta'uu yaaddoon ibsu.
"Biyya keenya keessatti immoo wanti baratamaa jiru oonlaayinii taa'anii of ajjeesuu, of rarraasuu, yeroo itti ijoollee nagaa dhaamanii of ajjeesan."
Addunyaa har'aa keessatti teknolojii fi miidiyaan carraa guddaa barnootaa, kalaqaa fi qunnamtii guddaa ijoolleef fidanii dhufani. Garuu balaas fidanii dhufanii jiru jedha ogeessi saayinsii dijitaalaa Dureessaa Taammiraat (PhD).
Dureessaan balaawwan karaa interneetii daa'immanirra gahu jedhu eereera. Qoccolloo saalaa, doorsisaa fi gowwoomsa, odeeffannoo dhuunfaa qooddachuu, qabiyyeewwan miidhaa geessisan itti erguun akka daa'imman of ajjeesuu dabalatee balaawwan kaanif of saaxilan jajjabeessun fa'i ni mudatu jedhe.
Kana malees iddoo daa'imman jiran oonlaayinii hordofuu fi qabiyyee isaaniif hin malle akka laalan jajjabeessunis jiraachuu Dureessaan himeera. Rakkoowwan kunneen daa'imman miidhaa fayyaa sammuu, hirriba dhabuufi kaanif yoo saaxilu, fedhii barnoota isaanii akka miidhu dbbara.
Gabaasa Qorannoo UNICEF Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasni qorannoo UNICEF dameen Itoophiyaa waayee nageenya oonlaayinii daa'immanii ilaalchisuun Bitootessa 2022 maxxanfame Itoophiyaatti daa'imman umriinsaanii ganna 12-17 jidduu ta'an afur (4) keessaa tokko(1) jechuunis (25%) interneetii fayyadamu.
Isaan keessaa 98% immoo bilbila ismaarti fayyadamu. Gabaasa kana keessatti baay'inni ijoollee dhiiraa fi shamarranii baay'ee wal hin caalu.
Daa'imman interneetii fayyadaman sadi keessaa lama waayee nageenya (eegumsa) oonlaayinii beekumsa hin qaban.
Gochoota balaaf isaan saaxilan raawwachuun olaanaa dha. Kanneen tajaajila intarneetii fayyadama keessaa 42% nama dura hin beekne networkii hawaasummaa isaaniitti dabalu. Kana hordofee daa'imman 25% odeeffannoo dhuunfaa isaanii bakkeetti qoodu, 8% immoo suurasaanii qullaa fi fedhii saalaaf kakaasu oonlaayiniirratti akka qoodan dubbatanii jiru qorattoota gabaasa kanaatti.
Daa'imman interneetii fayyadaman keessaa 18% kan ta'an nama as dura wal hin beeknefi oonlaayinii wal baraniin qaaman wal argu.
Qorannoon UNICEF tumsa ECPAT International fi INTERPOL waliin qoratan kun daa'imman Itoophiyaa interneetii fayyadaman keessaa 10% (tarii daa'imman 300,000) qoccolloo saalaaf saaxilamuu mul'iseera.
Qorannoon kun hanqinoota balaa kana hammeessan jedhus ni eera. Bara 2017 hanga 2019tti galmee poolisii Itoophiyaa keessatti miidhaan akkanaa seeraan galmaa'ee jiru hin jiru. Mana murtiittis kan dhiyaate hin jiru. Kunis sababa dhimmi qunnamtii saalaa dhimma iccitii fi qaanii ta'ee hubatamuufi jedha.
Hanqinni hubannoo jiraachuu fi sirni rakkoo akkasii itti gabaasan dhabamuus akka hanqinaatti eera qorannoon UNICEF.
Itoophiyaan nageenya oonlaayinii daa'immanii mirkaneessuuf maal hojjechaa jirti?
Itoophiyaatti rakkoon nageenya oonlaayinii daa'imanii daran dabalaa jira jedhu Ministeera dhimma dubartootaa fi hawaasummaatti hoji raawwachiiftuun eegumsa mirga daa'immanii Aadde Zabiidar Boggaalaa yaada BBC'f kennaniin.
Rakkoon kun immoo magaalaas ta'ee baadiyyaatti baay'inni daa'imman balaa kanaaf saaxilamanii dabalaa akka jiru eeru. Mootummaan rakkoo kanaaf dhimmoota lama irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru kan himan aangawaan kun kan duraa dawoo seeraa fi hojmaata qopheessu dha jedhan.
Hanga ammaa yakkoota kanneen ittisuuf labsiin yakka saayibarii ittisuu bahe hojiirra oolaa akka jiru himan. Qaamoleen haqaas hanga ammaa isa fayyadamaa jiru.
Garuu yeroo ammaa addatti wixineen seeraa dhimma kanarratti xiyyeeffatu qophaa'uu beeksisanii jiru.
"Akka ministeera keenyatti wixinee seeraa yakkoota saayibarii daa'immanirratti raawwataman ittisuufi to'achuuf dandeessisuu qopheessinee raggaasisuuf jirra."
Gama kaanin hojii ijoon itti jiran hojii hubannoo uumuu akka ta'e ibsanii jiru. Hawaasni dhimma kana hubannoo akka qabaatu hanga sadarkaa naannoleetti irratti hojjechaa jirra. hojii hubannoo kana immoo manneen barnootaa fi dhaabbilee garaagaraa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan.
"To'annoon miidiyaas akka cimu, keessumaa qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaarratti gad lakkifamanii fi daa'imman balaaf saaxilan akka to'ataman Itiyoo-telekom waliin hordofuufi to'achuun, abbaa waliin hojjetaa jirra."
Babal'achuu fi sadarkaa yaaddoo isaarraa kan ka'a immoo addatti gareen teknikaa qaamolee garaagaraa qabu ijaaramuu aadde Zabiidar ibsan.
"Gareen teknikaa kun qaamolee haqaa, poolisii, Itiyoo-telekom, INSA waliin karoora hojii waloo qopheessinee hojii keenyas yeroo yeroon madaalaa jirra."
Hubannoo ijoollee maatii ol ta'ee fi eegumsa dijitaalaa waloo
Miidhaan oonlaayinii kan maatiin qofti baraaran miti jedha Dureessaa Taammiraat (PhD). "Eegumsi dijitaalaa gaafatamummaa walooti" jedha.
Maatiin ijoollee isaaniif daangaa yeroo iskiriinii kaawuu, iftoominaan ijoollee faana haasawuu, ijoollee dhaggeeffachuu qabu jedha.
Manneen barnootaas barnoota intarneetii umrii ijoollee gitu kennuu akka qabanii fi, nageenya oonlaayinii daataa ijoollee mirkaneessuu qabu, E-safety ilaalchisee muuxannoo biyyootaa hojiirra oolchuu qabdi Itoophiyaan.
Dhaabbileen teknolojii eegumsa oonlaayinii ijoollee irratti dhimmamanii hojjechuu qabus ni gorsa ogeessi kun.
"Mootummaan seera hojiirra oolchuu, leenjisuu, sirna gabaasaa amanamaa ta'e diriirsuu (ijoolleen yoo muudannoo sarbama oonlaayinii isaan mudate eessaa fi akkamiin akka gabaasan sirni diriirfamuu qaba)."
Kana malees ragaaa biyyaalessaa fooyyessuun barbaachisaa ta'uu dubbata.
"Daa'imman umrii 12 gadii meeqatu interneetii fayyadamaa, qabiyyee akkamii ilaala, hagamtu miidhaan oonlaayiniif saaxilamaa… kanneen jedhan beekamuu qabu. Kun imaammata bu'a qabeessa baasuuf fayyada" jedha Dureessaan.
Aadde Leensaa maatiin ijoollee isaanii faana iftoominaan haasawuun miidhaa gama kanaan ijoollee mudata hanqisuu keessatti murteessaa ta'uu eeru.
"Iftoominaan itti hin haasawamu taanaan wanti oonlaayinii jiru hunduu dhugaa dha isaaniif. Dhugaa gargar baasanii hanga hin beeknetti ijoolleen ni miidhamu. Manneen amantaallee akkamiin akka maatii waliin ijoollee karaarra buusan itti hojjechuu qabu.
Garuu ijoolleen si'anaa waa hunda sitti hin haasawan. Maatii caalaa hiriyaa isa bakkee jirutti haasawuutu salphataaf.
Kana kan hambifnu iftoominaan dubbachuu dhaani. Gaaf dheekkamtu ijoolleen dhokfachaa deemu."
Aangawaan ministeera dubartootaa fi daa'immanii aadde Zabiidar gama isaanii gaheen maatii murteessaa ta'uu ibsanii jiru.
"Maatiin daa'immanitti dhihaachuu qaba. Waan hunda akka iftoominaan itti himataniif. Yeroo daa'imman intarneetiirratti dabarsan daangessuu qabu, Parental coaching (qabiyyee maalii akka tajaajilamanii fi eenyu wajjin akka wal qunnaman hordofuu fi qajeelchuu) qabu."
Haata'uu malee beekumsi daa'imman oonlaayiniirratti qaban kan maatii hedduu ol ta'uun qormaata ta'uu ibsanii jiru aadde Zabiidar. Kanarratti immoo gahee mootummaa fi dhaabbilee teknolojii ibsan.
"Itti fayyadamni dijitaalawaa nageenyi isaa eegamee qaama sirna barnootaa akka ta'u, gumiiwwan dhimma kanarratti hojjetan barattootaa akka uumaman gochuu feesisa."
Mootummaan ofiisaa wiirtuu to'annoo cimaa diriirsuu fi kaampaanonni teknolojiis to'annoo cimaa akka godhanis dirqisiisuu, toora deggarsa tolaa (hotline service) hundeessuus qaba. Sirna gabaasaa diriirsuus qaba jedhan aadde Zabiidar.


























