Senaatera Musliima US isa jalqabaa ta'uun kan filatame Abdul El-sayed eenyu?

Pirezidantii duraanii US Baaraak Obaamaa dabalatee Dimokiraatonni bebbeekamoo El-Sayed cinaa dhaabbachaa turan.
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii duraanii US Baaraak Obaamaa dabalatee Dimokiraatonni bebbeekamoo El-Sayed cinaa dhaabbachaa turan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Filannoon walakkeessaa US Kibxata Sadaasa 3, 2026 adeemsifame paartii yeroo pireezidaantummaa Doonald Tiraamp hafaniif Kongirasii biyyattii to'atu murteessaa jira.

Haa ta'u malee, filannoon kun dhimmoota biroon wal qabatee filannoo seena qabeessa ta'uu danda'a jedhameera.

Kana keessaa tokko ammoo bulchiinsa Mishigaan keessatti kaadhimaa Paartii Dimokiraatii kan ta'e Abdul El-Sayed, seenaa biyyattii keessatti seenaatara Musliima isa jalqabaa ta'uu isaa mirkaneeffateera.

Ogummaan doktara fayyaa kan ta'e Abdul El-Sayed kana dura aangoo qabatee teessoo mootummaarra taa'ee hin beeku. Duulli filannoo inni gaggeessaa tures qalbii namoota hedduu kan hawwatee fi morkataasaa walin yaadaan walirraa fagoo kan ta'e ture.

Kaadhimummaa paartii Dimokiraatiif xiqqoof El-Sayediin kan mo'atamte Haaley Isteevens (gidduurra kan jirtu) boodarra kaadhimamaa Rippablikaanii kan ta'e Maayik Roojers(Bitaarraan kan jiru) akka deeggartu labsite.
Ibsa waa'ee suuraa, Kaadhimummaa paartii Dimokiraatiif xiqqoof El-Sayediin kan mo'atamte Haaley Isteevens (gidduurra kan jirtu) boodarra kaadhimamaa Rippablikaanii kan ta'e Maayik Roojers(Bitaarraan kan jiru) akka deeggartu labsite

Kana malees, waahila isaa Paartii Dimokiraatii kan turtee fi paarticha bakka bu'uuf dorgommii walii isaanii gidduutti taasifameen kan ishee injifate Haalii Isteevens, filannoof guyyoonni muraasni qofti yemmuu hafanitti deeggarsashee kaadhimaa Paartii Ripablikaanii Maayik Roojarsiif kennuun ishees ajandaa guddaa ture.

Abdul El-Sayed bara 1984 keessa US bulchiinsa Mishigaan dhiyeenya magaalaa Ditroyititti kan argamtu magaalaa Roochistar Hils keessatti dhalate.

Umriin isaa waggaa sadi yemmuu ta'u haatii fi abbaan isaa gargar bahuu isaaniitiin Abdul El-Sayed abbaa isaa fi haadha buddeenaa isaa Jaaklin Jonsan walin guddate.

Gama barnootaan Yunivarsiitii of Mishigaan fi Yunivarsiitii Kolombiyaatti kan barate yemmuu ta'u, jalqaba Meedisinii (hakiimummaa) erga baratee booda Ipidimoloojiin ispeeshaalistii ta'eera.

Bara 2015 ammoo daayrektara olaanaa Damee Fayyaa Ditrooyit ta'uun kan ramadame yemmu ta'u, ramaddiin isaa kunis ijoo dubbii biyyaalessaa ta'ee ture.

Waggoota sadi booda ammoo Abdul El-Sayed gahee hojii bulchaa Mishigaaniif dorgomee ture. Haa ta'u malee filannoo sadarkaa paartii Dimokiraatiitti taasifameen Gireechen Witmariin injifatamuun osoo hin milkaa'in hafeera.


Abdul El-Sayed  duula filannoo Michigaan keessa tureen yeroo Dimokiraatota bakka bu'uun dhiyaatetti
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Filannoo walakkeessaa kanarratti teessoo seeneetiif dorgomee kan injifate Abdul El-Sayed, Gireechen Witmar dabalatee namoota siyaasaa beekamoo biyyattii birootiin deeggaramaa tureera.

Isaan keessaa senaatar Barnii Saandarsii fi miseensa Kongirasii kan taate Aleksaandariyaa Okaasiyoo-Korteez ni argamu.

Kana malees, teessoo seeneetii Mishigaan injifachuun karoora Paartiin Dimokiraatii seeneetii US to'achuuf qabate milkeessuuf daran barbaachisaa ta'uu isaatiin Pireezidaantiin US duraanii Baaraak Obaamaan duula na filadhaaAbdul El-Sayed deeggaraa turaniiru.

Abdul El-Sayed duula filannoosaarratti deeggarsa waraanaa US Israa'eliif taasiftu mormaa tureera. Kana malees, yaada tajaajila fayyaa hunda hammate hojiirra oolchuuf biliyenaroonni caalmaatti gibira akka kaffalan taasisuu jedhu tarkaanfachiisaa tureera.

"Gibira kaffaluun hagana ulfaachuu hinqabu ture. Maallaqni keessanis isinfi ijoollee keessaniif oola malee namoota biroofi ijoolleesaaniirratti boombii darbachuuf akka hin oolle beekuu qabdu" jechuunis duula nafiladhaa Onkololeessa 29 taasiserratti dubbateera.

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp arrabsoo cimaa El-Sayed irratti banee ture.
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp arrabsoo cimaa El-Sayed irratti banee ture

Haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwate hordofee opireeshinii Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessites duguuggaa sanyiiti jechuun El-sayed qeeqeera. Israa'el gama isheetin yaada kana cimsitee mormitus El-Sayed garuu biyyattiin kutaa West Baank to'attee jirtutti sirna appartaayidii tarkaanfachiisaa jirti jechuunis komata.

Kanaafis US Israa'eliif deeggarsa waraanaa gochuu akka dhaabdufi galiin gibiraa walitti qabamus "manneen barnootaa ijaaruufi namootaaf carraa hojii uumuuf malee biyya alaatti ergamee namoota biroorratti boombii darbachuuf ooluu hinqabu" jedha.

Haasaa guyyaa Roobii Onkololeessa 28 taasiseenis, "Akka waliigalaatti waraana biyya biraa deeggaruu qabna jedhee hinyaadu. Kunis Israa'el, Masrii, Saawudi Arabiyaa, Qaataarfi Gamtaa Imireetota Arabaa ilaallata" jechuun himeera.

Gama biraatiin Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp maatii baqattoota Masriirraa gara US godaananirraa kan dhalate Abdul El-Sayed irra deddeebiin qeeqaa kan turan yemmuu ta'u, "shororkeessitoota deeggara" jechaanii turaniiru.

Paartii Ripablikaanii bakka bu'uun teessoo Seeneetiif El-Sayed kan morkatan Rojars immoo arjoomtota dhaabbilee finxaaleyyii walin hidhata qabanirraa deeggarsa maallaqaa fudhateera jechuun morkataasaanii kana qeeqaa turan.

Kana malees warri Ripablikaanii, El-Sayed dhaabbata Obbolummaa Musliimaa (Muslim Biraazarhuud) walin hariiroo qaba jechuun komatu. Dhaabbanni Muslim Biraazarhuud dhaabbata biyya Masrii erga hundeeffamee waggoota heddu lakkoofsisefi warraaqsa bara 2011 keessa biyyoota Arabaa mudate hordofee biyyattii keessatti yeroo gabaabaaf aangorra turedha.

Abdul El-Sayed gama isaatiin dhaabbata kana walin hariiroo akka hin qabne dubbata. Mormitoonni isaa ammoo xalayaa banaa inni irratti mallatteessefi bara 2012 keessa pireezidaantii Masrii waqtii sanaa Mahaammad Morsiif "miidiyaafi poolisii hatattamaan akka dhabamsiisu" kan itti gaafate eeru.


"Xiqqoo haala Ameerikaanota giddugaleessa ta'anirraa akkaataa ani itti sagadu adda ta'ullee, wantotuma wal fakkaatuuf kadhanna," jedhe yeroo duula gaggeessutti Abdul El-Sayed
Ibsa waa'ee suuraa, "Xiqqoo haala Ameerikaanota giddugaleessa ta'anirraa akkaataa ani itti sagadu adda ta'ullee, wantotuma wal fakkaatuuf kadhanna," jedhe yeroo duula gaggeessutti Abdul El-Sayed

Abdul El-Sayed hariiroo nama dhimmoota siyaasaarratti yaada kennuun beekamu Hasan Pikar walin qabuunis qeeqamaa tureera. Hasan Pikar nama US haleellaan 9/11 "ni malaaf" jechuun dubbatedha.

Hagayya darbemmoo El-Sayed, yaada ka'umsa haleellaa mana kadhannaa Jeewishootaa magaalaa Ditrooyit keessatti argamurratti raawwatame ilaalchisee kenneef hawaasa Jeewishootaa bulchiinsa Mishigaan keessatti argaman dhiifama gaafateera.

Kaadhimummaan Abdul El-Sayed sagalee filattoota Jeewishoota Mishigaan keessatti argaman iddoo lamatti qooduusaa kan hime miidiyaan Jeewish Insaayidar, kaadhimaan Ripablikaanii injifachuu akka danda'us tilmaameee ture.

Haa ta'u malee, amanamummaansaa Heera US'f akka ta'e duula nafiladhaarratti kan hime Abdul El-Sayed, filattoonni duubee isaatiin osoo hin taanee imaammatawwan inni qabateen akka isa madaalan gaafateera.

"Namoonni boba'aa fi meeshaalee tajaajila mana keessaa bitachuu kan dadhaban, doktara bira deemuu kan dadhaban yookin immoo waa'ee qilleensa harganan yookiin bishaan dhugan kan yaada'aa jiran sababa maqaafi amantaankoon miti" jedheera.