Jeettiiwwan waraanaa Su-35 Itoophiyaan Raashiyaarraa fudhatte kan akkamiiti?

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Facebook
Itoophiyaan jeettiiwwan waraanaa ammayyaa Su-35 jedhaman kudha lama Raashiyaa irraa fudhachuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksisan.
Bulchaan Itoophiyaan yaa'ii Raashiyaa - Afrikaa irratti hirmaachuuf gara Raashiyaatti imaluun meeshaalee kana fudhachuu kan beeksisan.
Akka Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksisanitti, meeshaaleen kunnneen hidhachuun Itoophiyaa biyyoota Sahaaraa gadii keessaa biyya jalqabaa ishee taasisa.
''Jeettiiwwan waraanaa kanneen hidhachuun biyyoota Sahaaraa gadii keessaa biyya jalqabaa taateetti,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti kataban.
''Kuni gammachuucha, missiraachoo guddaadha,'' jechuun kan dubbatan.
Biyya keessa hidhattoota garagaraa akkasumas biyya ollaa Ertiraafi Sudaan waliin muddama keessa kan jiru bulchiinsi Ministira Muummee Abiy, humna qilleensaa ammayyaa qaba.
Jeettiiwwan ammayyaa akkanaa dabalataa hidhachuun immoo humna qilleensaa biyyattii akka cimsu eegama.
Waraana Kaaba Itoophiyaatti tureeniifi sochii hidhattoota Oromiyaa, Amaaraafi kaan keessa jiran qolachuuf mootummaan dirooniifi humna qilleensaa fayyadama.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waraana Tigraayitti baatii Fulbaana keessa ka'e irrattis humni qilleensaa Itoophiyaa keessumaa loltoota Ertiraa daangaa ce'anii seenan jedhaman haleelaa turuu jiraattonni himaa turan.
''Carraaqqiin roga maraa nagaafi tasgabbii biyya keenyaa mirkaneessuuf taasisnu boqonnaa haaraarra gaheera.
''Qophiin Itoophiyaan humna qilleensaan taasisaa jirtu humna haleellaa dursanii ofirraa qolachuu gonfachiisaa jira,'' jedhan Ministirri Muummee Abiy.
''Akkaataa kana dura mootummaa Raashiyaa waliin waliigaltee taasisneen, guyyaa har'aa jeettiiwwan jalqabaa SU-35 dhaloota 4ffaa 12 fudhanneerra.
''Dabalataanis, Itoophiyaan baatiriiwwan sirna ittisa qilleensaa S-400 ni fudhatti,'' jechuun bulchaan Itoophiyaa kun ibsan.
Itoophiyaan meeshaalee ammayyaa kana fudhachuu kan isheen ibsite yeroo Ertiraa waliin muddamni cimee jiruuttidha.
Humnoota TPLF fi hidhattoota kaan deeggarti jechuun Ertiraa kan himattu Itoophiyaan, humnoota TPLF guyyoota muraasa keessatti loluun gara daangaa Ertiraatti baasteetti.
Lolli Naannoo Tigraay keessa ammallee akka itti fufe gabaasonni garagaraa ni ibsu.
Guyyaa Wiixataa ajajaan humnoota TPLF Meejar Janaraal Yohaannis W/Goorgis, Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaatti harka kennachuu maddeen waraana Itoophiyaatti dhihoo ta'an BBC'tti himaniiru.

Madda suuraa, Abiy Ahmed / Facebook
Waraanni Itoophiyaa daangaa Ertiraarra gahus daangaa Ertiraatti hin ceene. Kunis ta'u, biyyoonni lamaan walitti bu'u yaaddoon jedhu yeroo kamuu caalaa cimeera.
Raashiyaanis biyyoota lamaan araarsuuf akka fedha qabdu Ministirri Biyya Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov dubbataniiru.
Yaa'ii Raashiyaa Afrikaa kanarratti dureewwan biyyoota lamaan Raashiyaan walitti fiduu malti jedhamee eegama.
Ministirri Muummee Abiy ''xiyyaarota waraanaa kana waggaa tokko dursinee akka fudhannu michuun kiyya pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin carraaqqii taasisaniif galateeffachuun barbaada'' jedhan.
Jeettiin SU-35 kan akkamiiti?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad jeettiiwwan waraanaa SU-35 jedhaman ''Itoophiyaaf baay'ee hiika kan qabanidha,'' jedhan.
''Itoophiyaan immoo diina baay'een biyya marfamtedha. Ijoolleen keenya akka biyya qabaatan, daangaan qilleensaa keenya akka hin sarbamne qophii gahaa gochuun nurraa eegama.''
Jeettiin waraanaa SU-35 jedhamu ''addunyaarratti cimaadha kan jedhamu tekonolojii ammayyaa kan hidhatedha. Samii irrattis, samiirraa lafattis kan waraanudha.
''Keessumaa misaa'ela kiruuzii ofirraa qolachuun dandeettiin isaa kan mirkanaa'edha. Misaa'elli kiruuzii kallattii kamirraayyuu ergamnaan fageenya 200km irraa dursee hubachuun qolachuu danda'a.
''Yoo humna [qilleensaa] akkanaa hidhachuu baanne naannoo keenyatti akka biyyaatti itti fufuun rakkisaa ta'a. sababa kanaan nama leenjisaa turre.
''Amma kan hidhanne [jeettiiwwan waraanaa] SU-30 FI SU-35 daangaa qilleensaa Itoophiyaa karaa gahaa ta'en tiksuuf ni gargaaru.
''Hunda caalaa garuu biyyoonni qophii duraa qaban salphaatti haleellaan irratti hin banamu. Qophaa'uun lola hambisa. ..Kan hin qophoofne lola ofitti harkisa,'' jechuun himan.

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Facebook
''Humna guddaadha [humna guddaa nuuf ta'a]. Naannoo keenyatti olaantummaa humna qilleensaan olaantummaa gonfachuu barbaanna.
''Diroonii qofaan osoo hin taane [jeettii waraanaa] SU-30 fi SU-35'n humna cimsachuun kan barbaachisu bakkee fagoorraa haleellaan aggaamamu kamu yoo jiraate ittisuuf waan gargaarufidha.
''Namoota damee kana keessa jiraniif oduu guddaa oduu missiraachoodha,'' kn jedhan Itoophiyaa ''waggoota muraasa dhufan Itoophiyaan humna ofirraa ittisuu ni ijaarti.
Jeettiiwwan waraanaa SU-35 fi ittisa humna qilleensaa S-400 yhunda yeroo fudhatan Itoophiyaan misaa'ela kiruuziifi baalistikii ofirraa dhowwachuu ''sadarkaa olaanaan ni guddata'' jedhan.
Humni qilleensaa Itoophiyaa hangam cimaadha?
Dhaabbanni waggaa waggaan dandeettii humna waraanaa biyyoota addunyaa xinxaaluun sadarkaasaanii baasu Global Fire Power (GFP) jedhamu Itoophiyaan bara 2026 humna waraanaatiin biyyoota addunyaa 145 keessaa 47ffaarra jiraachuu ibse.
Dhaabbanni kun bara darbe (2025) Itoophiyaan jabina humna waraanan addunyarraa sadarkaa 52ffaarra jirti jedhee ture. Kun biyyattiin bara kana qabxii shaniin fooyya'iinsa argamsiisuu mul'isa.
Akka gabaasa kanaatti biyyoota Afrikaa keessaa biyyoota afur-Masrii, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa, qofaatu Itoophiyaa dursu.
Biyyi Itoophiyaa faana atakaaroo keessa jirtu Masiriin Afrikaa keessaa jalqabarra jirti, addunyaarraa ammoo 19ffaa.
Ollaan Itoophiyaa, Ertiraan addunyaarraa 119ffaarra jirti. Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa 25ffaarra jirti.
Jaarmiyaan sadarkaa humna waraanaa biyyoota addunyaa baasu kun gabaasa isaa bara kanaa keessatti Humni Qilleensaa Itoophiyaa guddachuu agarsiiseera.
Haata'u malee gabaasa humna qilleensaa Masrii fi Itoophiyaa walbira qabuun dhiheesseen humni Masrii kan Itoophiyaa fagoo caaluu agarsiise.
Jeettiiwwan Itoophiyaa
Jaarmiyaan waggaa waggaan dandeettii humna waraanaa biyyoota addunyaa baasu Global Firepower gabaasa isaa bara darbee keessatti xiyyaarri ammayyaa Itoophiyaan hidhattee jirtu xiyyaara Raashiyaa Su-27 ta'uu ibsee ture.
Itoophiyaan yaadannoo waggaa 90ffaa hundeeffama humna qilleensaa biyyattii Amajjii waggaa darbe gaggeessite irratti xiyyaara Su-30k agarsiisuun, inumaa xiyyaarri Su-35 jedhamus qaama agarsiisa kanaa ta'uu fi hedduun karaarra jiraachuu ibsiteetti.
Kubbaaniyyaa Raashiyaa xiyyaarota waraanaa oomishuun kan hojjetame xiyyaarri Su-27, mootora (injiinii) lama kan qabu yoo ta'u qilleensa keesssa saffisaan balali'uun ergama raawwachuu danda'a.
Xiyyaarri kun bara Sooviyeet keessa xiyyaarota waraanaa Ameerikaa dhaloota afraffaa (Fourth generation) jedhaman kanneen akka Grumman F-14 Tomcat fi McDonnell Douglas F-15 Eagle waliin morkachuuf hojjetame.
Kiilomeetira 3,530 qilleensa keessa imaluun humna lafaa fi qilleensa keessa jiruun walquunnamee meeshaalee waraanaa guruddoo dhukaasuu danda'a.
Xiyyaarri waraanaa kun qilleensarraa qilleensarratti haleellaa akka raawwatuuf yaadameeti kan hojjetame.
Xiyyaarri waraanaa Su-30 jedhamu ammoo teessoo lama- kan paayileetii fi ogeessa meeshaa waraanaa, kan qabu yoo ta'u haleellaawwan walxaxoo akkasumas ergama hedduu yeroo tokkotti raawwachuu danda'a.

Madda suuraa, FDRE DEFENSE FORCE
Su-35 garuu teessoo tokko qofa kan qabu ta'us, saffisaan haleellaa kan raawwatuudha, bu'a qabeessummaansaa baayyee olaanaadha.
Itoophiyaan xayyaarota waraanaa bara Hayilasillaaseefi Dargii akkasumas bulchiinsa ADWUI turan kanneen akka F-5, Mig-21, MiG-23 fi helokoptaroota waraanaa (attack helicopters) jedhamanis qabdi.
Global Firepower gabaasa bara kanaa keessatti Itoophiyaan xiyyaarota waraanaaf qophii ta'an 25 qabaachuu ibsuun addunyaarraa sadarkaa 46ffaarra kaa'e.
Gabaasi kun Itoophiyaan helikooptaroota 33 fi kanneen haleellaa raawwatan (Attack Helicopters) 7 akkasumas xiyyaarota leenjistoota ta'an (Trainers) 34 qabaachuu ibse.
Biyyattiin kabaja waggaa 90ffaa hundeeffama Humna Qilleensaa ishee irratti dirooniiwwan waraanaa nama maleeyyii (UAV) agarsiifteetti.


























