"Dhugaan kun namoota baayyee akka hin gammchiifne nan beeka, gaggeessitoonni baayyeenis kanarratti mariyachuu ni baqatu. Haata'u malee, gaheen koo nama gammachiisuu miti, waan jiru hordofuudha malee."
Foord ejjennoon isaa kun hordoftoonni amantaa akka waldaa Kiristaanichaa gadhiisanii bahan gochuu danda'u akka hubatu himuun, murtuu fudhate kanaan wal qabatee hordoftoota amantaa akka dhabuu danda'us beekee of qopheesseera jedheera.
Deebii ummataa fi dhimmoota seeraa
Kana beeksisuun miidiyaa hawaasaa irratti yaada wal makaa keessumsiiseera. Hayyoonni Kiristaanaa fi qeeqxonni akka Foord caaffata qulqulluu itti hiike mormaniiru. Kana ammoo barsiisa Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraa Ximootiwoos 1ffaa 3:2 irra jiru kan gaggeessaan waldaa Kiristaanaa "abbaa warraa haadha warraa tokkoo qofa" ta'uu qaba jedhu eeruun ture kan falman.
Seera qabeessummaa gaa'ela akkasii kana ilaalchisees gaaffileen ka'aniiru. Seerri Isteetii Ohaayoo namni seeraan gaa'elaan nama waliin jiru tokko nama biraa waliin gaa'ela ijaarrachuu ni dhorka.
Haata'u malee, gaa'el lamaffaa Paastar Foord seeraan aanga'oota biratti ykn waliigaltee karaa amanataa waldaa keessatti galmaa'ee sartifikeetii kan qabu ta'uu fi hin galmaa'iin jiraachuu wan ifa ta'e hin jiru.
Lakkoofsi ummata Kibxata filachuuf bahe waggoota kurnan dhiyoo asitti isa ol aanaadha jedhameera.
Akka ragaan Koree Komishinii Filannoo Biyyaalessaa agarsiisutti, sa'aatii buufataaleen filannoo cufamanitti kan gamaa'an keessaa %77.7 sagalee kan kennan yoo ta'u kun ammoo erga bara 1999 as isa guddaadha jedhameera.