Dimokiraatonni filannoo Ameerikaa injifachuun godaantota Itoophiyaaf hiika akkamii qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo walakkeessaa Ameerikaatti gaggeeffameen Dimookiraatonni teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa harka caalu injifataniiru.
Filannoo kana irratti Dimookiraatonni teessoo 228, Rippabilikaanonni ammoo 139 argatan.
Dimookiraatonni Seeneetii ykn mana maree olaanu keessattis sagalee caalmaa argataniiru.
Bulchiinsa Tiraampiif filannoon walakkessaa kun akka ''murtee ummataatti' ilaalama.
Injifannoon Dimookiraatotaa kun godaantotaaf akka abdii guddaatti fudhatama.
Bulchiinsi Tiraamp imaammanni godaansarratti hordofaa ture cimaa yoo ta'u, gocha kanaan qeeqamaa ture.
Bulchiinsi Tiraamp lammileen Itoophiyaa yeroof biyyattii keessa akka turan seera hayyamu kan dhoowwe yoo ta'u, Manni Murtii Olaanaa biyyattii murtoo kana deeggaru dhiyootti baase.
Baqattoota biyyoota walitti bu'iinsi, balaan uumamaa ykn taatee addaa nageenya isaaniif yaaddessuuf eegumsi seeraa yeroof kennama.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kana malees, bulchiinsi Tiraamp Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduurratti uggura viizaas labse.
Ameerikaatti godaantota seeraan alaa to'achuuf tarkaanfiiwwan madaalawaa hin taane fudhatamuun qeeqaa bulchiinsa Tiraampirratti hammeesse.
Namoonni hedduun dhiheenya kana Dimookiraatonni mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti harka caalaa qabachuun murtoo sana jijjiiruu danda'a jedhanii abdachaa jiru.
Injifannoon Dimookiraatotaa dhuguma kana gochuu danda'aa?
Abukaatoon immigireeshinii Ameerikaa, Minnesotaa jiraatan Obboo Muluhalam Geetachoow akka jedhanitti, Demokraatonni baajata dabalatee dhimmoota biroorratti murtessuuf aangoo qabaatanis imaammata cimaa godaantota deeggaru tarkaanfachiisuu dhiisuu malu.
Kanaaf Dimookiraatonni mala bulchiinsi Traamp godaansa seeraan alaa dhaabuuf itti fayyadamu ''guutummaatti hin morman'' jedhu Obboo Muluhalam.
Bara bulchiinsa pirezidantii duraanii Joo Baayiden godaantotni seeraan alaa biyyattii akka seenan hayyaman jechuun iRippabilikaann qeeeqaa turan.
Kanarraa kan ka'e, Dimookiraatonni yoo mo'atanillee carraan Seenetii fi Manni Maree godaantota deeggaruu baay'ee xiqqaadha jedhu Obboo Muluhalam.
Filannoo marsaa walakkeessaa Ameerikaa kanaarratti Rippabilikaanonni bal'inaan mo'amuun isaanii dhaabicha rifachiisera.
Hoggantoonni biyyoota bulchiinsa Tiraamp waliin hariiroon gaarii hin qabne garuu firii filannichaa simataniiru.
Koloraadootti bakka bu'aan paartii Rippabilikaanotaa fi miseensi Mana Maree Magaalaa Aroraa duraanii Amsaaluu Tsaggaayee " firiin filannoo kun kan hin eegamnee fi rifachiisaa ture," jedhe.
Miseensi mana maree duraanii kun, filannoo kana kanarratti teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa harka caalu Dimokiraatoonni akka argatan eegamaa ture jedha.
Seenetii fi mana maree keessatti sagalee caalmaa dhabuun paartichaaf rifaachiseera jedhe.
Garuu injifannoon Dimookiraatonni mana maree lamaan keessatti argatan gama imaammataatiin jijjiirama xiqqoo akka fidu dubbata.
Bulchiinsi Tiraamp uggura viizaa cimaa, egumsa yeroof godaantoota kennamu, harkifannaa dhimma godaansaa fi dhimma DV dabalatee imaammata immigireeshinii biroorratti jijjiiramni akka hin jirre dubbatan.
Kana ibsuun, "kan jijjiirame qaama seera baasu malee qajeeltoowwan qaama raawwachiiftuu seeraa miti" jedhan.
Viizaa fi dhimmoota immigireeshinii biroo irratti wanti jijjiirame hin jiru; adeemsi qorannoo cimaan deemaa jira kan jedhan miseensi kongireesii duraanii kun, harki caalaan Dimookiraatonni mana maree lamaan keessatti qaban homaa akka hin jijjiirre himan.
"Seera baasuu fi murtii dabarsuudhaan dhiibbaa gochuuf yoo yaalanillee, pirezidantiin murtee xumuraa waan kennuuf wanti jijjiiramu hin jiru," jedhan.
Kanaaf akka miseensi mana maree duraanii kun jedhanitti waggoonni lamaan itti aanan dhimma baajata irratti, pirezidanticha aangoorraa buusuu, ykn miseensota kaabinee adda addaa gara mana marichaa fiduun, yeroo waldhabdee manneen maree ta'a jedha.
Abukaatoon dhimma godaansaa Ameerikaa Obbo Muluhalem injifannoon Dimookiraatota imaammata pirezidantichi hojiirra oolchaa jirurratti mari'achuuf carraa isaaniif nikenna jedhan.
"Pireezidaantichi imaammata barbaadan yoo hordofan, Manni Maree fi Seenetiin yoo hin raggaasifne hiika hin qabu," jedhu.























