'Haleellaa Shirkaatti raawwateen miseensota Faannoofi Shanee to'anne' - Mootummaa

Madda suuraa, Shimelis Abdisa
Naannoo Oromiyaa Arsii, Aanaa Shirkaa keessatti haleellaa lubbuu lammiilee baay'ee galaafateen walqabatee shakkamtoonni 73 to'atamuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise.
Hogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa haleellaa raawwate kanaan miseensota ''Faannoofi Shanee'' dabalatee to'atamuu dubbataniiru.
Haleellaa Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Aanaa Shirkaatti hordoftoonnishee 46 ol ajjeefamu ibsite kana akka qoratamu Ameerikaan gaafatteetti.
Jiraattonni BBC'n dubbise haleellaa kanaaf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun himatan.
Hidhattooti mootummaa lolaa jiran himannaa kanarratti ammatti homa hin jenne.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas gurmuu hidhattootaa Ximdoo kan hidhattooti WBO keessa jiraniifi mootummaa fonqolchuuf karoorfatan himatee ture.
Obbo Hayiluun kana kan dubbatan ibsa guyyaa Wiixataa erga Yunaayitid Isteet haleellaan lammiilee nagaarratti raawwate akka qoratamaniifi kanneen badii raawwatan seeratti akka dhihaatan erga gaafattee guyyaa lama boodadha.
Haleellaa Aanaa Shirkaa caasaa haaraa Naannoo Oromiyaa Godina Kibba Baha Oromiyaa jedhame keessatti raawwateen namoonni 40 ol ajjeefamanii owwaalchi isaaniis jumlaan raawwatameera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haleellaa Aanaa Shirkaa gandoota Birboofi Coollee keessatti raawwateen namoota ajjeefaman ala jiraattonni 20 ol ta'an miidhaan akka irra gahe kanneen ijaan argan BBC'tti dubbataniiru.
Haleellaa Aanaa Shirkaatti raawwatuun dura aanaa ollaa, Aanaa Martii Ganda Goraa Sillingoo keessatti haleellaa raawwateen namoonni 15 ol ajjeefamuu maddeen aanichaa BBC'tti himanii turan.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa aanolee lamaanitti haleellaa raawwateen hordoftoonnishee 60 ta'an ajjeefamuu beeksisteetti.
Haleellaa kana ilaalchisee torban dura ibsa kan kennan Hogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa badii lammiilee gaaga'eef hidhattoota ''miseensota Tsimdoo'' himatanii turan.
Ibsa lammataa waa'ee haleellaa Shirkaa raawwateerratti har'a kennaniin haleellicha waliin walqabatee kanneen to'ataman jedhan qoratamaa akka jiran dubbatan.
''Namoonni 73 kuni tokkoffaa miseensota finxaalessa Faannoo bakkee sana sosso'an yoo ta'an kan lammataa ammoo miseensota [garee] shororkeessaa Shaneedha.
''Humnoonni lamaan kuni wal hubataniiti sosso'u,'' jechuun dubbatan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ''namoota to'annoo jala oolchuun dabalataan'' tarkaanfii fudhataa jirra jedhan irrattis dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaa keessatti ''gandoota jaha humnoonni Tsimdoo keessatti sochii taasisan keessatti hojii qulqulleessuu hojjetamaa jira'' jechuunis himan.
Ameerikaan maal jette?
Ameerikaan Naannoo Oromiyaa, Arsii keessatti ajjeechaa lammilee nagaa irratti raawwatame balaaleffachuun sirnaan qoratamee kanneen yakka kana raawwatan murtiitti akka dhiyaataniif mootummaa Itoophiyaa gaafatteetti.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimmoota Afrikaa barreeffama Onkoloolessa 30, 2026 fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Arsii keessatti ajjeechaan xiyyeeffannaa addaatiin raawwatama jedhe ilaalchisee gabaasaaleen dhiyeenya kana dhufaa jiran mootummaa Ameerikaa akka yaachiseeru ibseera.
Torban tokko dura akka caaseffama duraan turetti naannoo Oromiyaa, godina Arsii, akka caaseffama haraatti ammoo godina Baha-kibba jala bakkeewwan gara garaatti ajjeechaa jiraattota irratti raawwatajeen namoonni 60 ol ajjeefamuu Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa beeksiftee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Bataskaanni kun haleellaan kun waggootaa kan itti fufe ta'uuf adda durummaan kan irratti xiyyeeffatame hordoftootashee ta'uu eeruun, mootummaan ajjeechaa namoota nagaa akka dhaabsisuu fi mirga lubbuun jiraachuu fi bilisummaan waaqeffachuu isaanii akka kabachiisuuf gaafatteetti.
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Biiroon Dhimmoota Afrikaa ibsa baaseen, "Yunaayitid Isteetis haleellaawwan sababa ilaalcha amantaan, sabaan ykn siyaasaan kaka'uun raawwataman cimsitee balaaleffatti," jechuun kan akka Arsii keessatti raawwatame "haleellaan hamaa garee kamiiniyyu raawwatamuun isaanii dhaabbachuu qaba," jechuun hubachiiseera.
Itti dabaluun, Ameerikaan mootummaan Itoophiyaa taatee gaddisiisaa kana sirnaan akka qulqulleeffatuu fi warra yakka kana raawwatan murtiitti akka dhiyeessuuf waamicha dhiyeessiti jedheera.
'Jumlaa owwaalle'
Aanaa Shirkaa keessatti haleellaa garaa garummaa torban tokkoo keessatti raawwatameen yoo xiqqaate 'daa'imman shan dabalatee namoonni 40 ol ajjeefamuu' namoonni ijaan argineerra jedhan BBC'tti himaniiru.
Haleellaa Sambata Onkoloolessa 24, 2026 raawwatame jedhameen kanneen ajjeefaman, "namoonni 46" bataskaana naannichatti argamu keessatti "boolla tokko keessatti" awwaalamuu isaanii jiraattonni lama fi maddeen bataskaana awwalchi keessatti raawwatame ibsaniiru.
Namoonni "20tti siqan" ammoo miidhaan irra gahee gara hospitaalaa geeffamuu isaanii maddi tokko ibseera.
Maddeen BBC'n dubbise akka dubbatanitti, akka caaseffama naannoo Oromiyaa duraan tureetti godina Arsii jala kan ture aanaa Shirkaa, ganda Birboo fi Collee keessatti haleellaan kan baname barii naannoo sa'aatii 11:00 irraa kaaseeti.
Jiraataan abbaan isaa maanguddoo umuriin isaa waggaa 75 ta'e haleellaa Sambata darbeen kanaan jalaa ajjeefame tokko, "halkan sa'aatii 11:00 irratti ture kallattii afuriin kan marfamne. Osoo waan tokko hin qophoofne fi haala wayyuu waayyu hin beekne keessatti kallattii afuriin nu marsan" jechuun haala ture ibseera.
Jiraattonni naannawaa sanaa "eegumsa roondii" taasisaa akka turan kan ibse jiraataan biraa ammoo, ''yeroo namoonnii gara ganamaa roondirraa boqochuuf galan eegattanii dagachiisanii balaa guddaa qaqqabsiisan," jechuun haleellaan kun osoo hin eegamiin banamuu dubbata.

Jiraataan biraa abbaa isaa milishaa ta'e waliin sa'aatii haleellaan kun raawwatametti "ittisaa" akka ture ibse gama isaatiin, "dhukaasa jalqabaa kanan dhaga'e ciiseenidha.
Hidhannoo hanga humna keenyaatti qabannee jirru fudhannee kaane. Haata'u malee, humni kan keenyaa fi kan isaanii kan wal gitu hin taane. Isnaayipparii fi Bireeniin nu lolaa turan" jedhe.
Jiraattonni gandichaa sadii BBCtti akka himanitti, haleellaa barirra jalqabe kanaan walumaagalatti "namoonni 46"ajjeefamaniiru.
Maddi tajaajilaa bataskaana aanaa Shirkaa ta'e ammoo "ganda Collee keessatti namoonni 43 ajjeefamaniiru" jedheera.
Akka jiraataan bakka sanaa kanneen "umuriin isaanii waggaa shan, torbaa fi 10" ta'an dabalatee yoo xiqqaate daa'imman torba ta'an" ajjeefamuu ibseera.
Jiraattota lubbuu dhaban keessa maanguddoonnii fi dubartoonnillee jiraachuu jiraattonni dabalanii ibsaniiru.


























