Hubannoo namtolchee(AI) saffisaan qaroo tahaa jiru maaliif mormiin isa mudate?

Mormitoonni dhaadannoo 'Bishaan dhala namaaf malee AI'f miti' jechuun ol qabanii yeroo mul'isan
Ibsa waa'ee suuraa, Mormitoonni dhaadannoo 'Bishaan dhala namaaf malee AI'f miti' jechuun ol qabanii yeroo mul'isan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hubannoon namtolchee (AI) sadarkaa guddinaa har'a irra gaherra akka gahuuf shoora ijoo jedhamu kan qaban wiirtuuwwan daataati.

Wiirtuuwwan kunneen (data centres) chiippiiwwan kompiitaraa sekondii tokko keessatti shallaggiiwwan tiriiliyoonaan lakka'aman raawwatan sochoosu.

Chiippiiwwan kun hubannoon namtolchee barreeffamoota, suuraaleefi viidiyoowwan namoonni akka hojjetu ajajan akka qopheessu dandeesisu.

Haa ta'u malee hawaasa naannoo wiirtuuwwan kunneeniitti jiraatuuf sagaleen xiqqaan wiirtuuwwan kun maddisiisaniifi 'mmmm' jedhu waan guyya guyyaan dhagahanidha.

Maddi sagalee kanaa inni guddaan immoo qabbaneessituudha. Chiippiiwwan wiirtuuwwan daataa anniisaa elektiriikii baay'inaan waan fayyadamaniif anniisaan elektiriikii kunis ho'i akka uumamu taasisa.

Ho'i kun sarvaroota yookiin kompiitaroota akka hin miineef immoo qabbaneessituuwwan kumaan lakka'aman walitti fufiinsaan qilleensa gadi lakkisu.

Sagaleen xiqqaan wiirtuuwwan daataatii dhagahamus adda durummaan sagalee qabbaneessituuwwan kunneeniiti. Guddina wiirtuu daataarratti hundaa'unis sagaleen tiraanisformaroota anniisaa elektiriikii wiirtuuwwan daataaf dhiyeessaniis dhagahamuu danda'a.

Haa ta'u malee sagaleen xiqqaa wiirtuuwwan kunneen maddisiisaniin walqabatee wiirtuuwwan daataa keessattuu Yunaayitid Isteetis (US) keessatti mormiin isaan mudachaa jira.


Wiirtuuwwan daataa kanneen akka Google ijaaramaa jiran.

Falmii fayya qabeessa hin taane

Qorannoon dhaabbanni Gaalap jedhamu ji'a Caamsaa darbe maxxanse akka agarsiisutti US keessatti namoonni baay'een naannoo jireenyasaaniitti wiirtuun daataa ijaaramuurra maddi anniisaa niwukilaraa osoo ijaaramee irra akka filatan himaniiru.

Namoota qorannicharratti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 71 wiirtuuwwan daataa yemmuu morman, isaan keessaa dhibbeentaan 48 immoo ciminaan mormaniiru.

Mormiin wiirtuuwwan daataa mudate kun erga waggoota lamaa as guddachaa kan jiru yemmuu ta'u, lammiilee Ameerikaa keessaa walakkaan ijaarsi wiirtuuwwan daataa guutummaatti akka dhaabbatu akka fedhan qorannoowwan agarsiisu.

Yunaayitid Kingidam (UK) keessattis yaada 'wiirtuuwwan daataa kun miidhaa nurraan gahuu danda'u' jedhuun sagaleewwan mormii dhagahamuu erga eegalanii bubbulaniiru.

Akka addunyaatti baay'ina wiirtuuwwan daataan US sadarkaa jalqabaarra yemmuu teessu Chaayinaa fi UK'n immoo walitti aansuun sadarkaa lammaffaafi sadaffaa qabataniiru.

Mormii wiirtuulee daataa AI irratti taasifamu

Marii hadhaawaa

US keessatti mormiin ummataa kun haasaa kaadhimamtoonni fiilannoo ji'a Sadaasaa keessa taasifamurratti hirmaatan taasisanirrattis mul'achaa jira.

Biyyattii keessatti mormiin kun irra guddaan deeggartoota paartii Dimokiraatotaa biraa dhagahamaa jiraatus, mormiin kun deeggartoota paartii Ripablikaanii biraayis ni dhagahama.

Imaammata wiirtuuwwan daataa ilaalchisee qabanirratti hundaa'uun angawoonni magaalotaa tokko tokko filannoorratti osoo hinfilamin hafaniiru.

Bulchiinsawwan US paartilee Dimokiraatiis ta'e Ripablikaaniitti luucca'an tokko tokkommoo ijaarsa wiirtuuwwan daataa guutummaatti dhaabuuf yaada dhiyeessaa jiru.

Filannoo bara darbeen bulchiinsawwan Niwu Jeersiifi Varjiiniyaa bulchitoota dimookiraatota kan filatan yemmuu ta'u, sababni bulchitoonni kunneen itti filamanis hammi tokko muufii ummataa sababa wiirtuuwwan daataan gatiin anniisaa elektiriikii qaala'eera jedhun walqabata.

Jijjiirama tasaa

Wiirtuuwwan daataa naannolee isaaniitti qabaachuurratti namoota amansiisuuf hojiin hojjetame gahaa hin turre.
Ibsa waa'ee suuraa, Wiirtuuwwan daataa naannolee isaaniitti qabaachuurratti namoota amansiisuuf hojiin hojjetame gahaa hin turre.
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ji'a Bitootessaa darbe hoji raawwachiistonni dhaabbilee teekinoloojii gurguddoo torba pireezidaant Tiraamp waliin ta'uun waadaa tokko mallatteessaniiru.

Waadaa kanaan dhaabbileen tekinoloojii kunneen anniisaa elektiriikii isaan barbaachisu ofiif "ijaarufs, dhiyeessuuf yookiin bituuf" waadaa kan galan yemmuu ta'u, sababa isaanin baasiin elektiriikii jiraattotaa akka hindaballeefis waadaa galanii turan. Haa ta'u malee waadaan kun ija seeraatiin dirqama raawwii kan qabu miti.

Waadaan dhaabbileen tekinoloojii torban galan kun namoota tokko tokko kan quubses hinturre. Bulchitoonni paartii Dimokiraatotaa Niwu Jeersiifi Varjiiniyaas wiirtuuwwan daataaf gatii anniisaa elektiriikii haaraa baasuun cinatti seera wiirtuuwwan kunneen itti fayyadama anniisaa elektiriikiifi bishaaniisaanii akka ifoomsan dirqisiisu baasaniiru.

Kaadhimamtoota paartii Ripablikaanii keessaa kunneen wiirtuuwwan daataarratti sagalee mormii cimaa dhageesisaa jiran keessaa tokko kaadhimaa seenetii Teeksaas kan ta'an Keen Paakistan isaan tokko.

Kaadhimamaan kun wiirtuuwwan daataa ciminaan yemmuu qeeqan kan dhagahaman yemmuu ta'u, yaadawwan wiirtuuwwan kunneen haara galfiin gibiraa heeyyamamuufii hinqabu kana malees hubannoo namtolchee nageenya daa'immanii miidhu jajjabeessu yoo ta'emmoo dhaabbileen wiirtuuwwan kunneen hogganan yakkaan gaafatamuu qabu jedhan tarkaanfachiisaa jiru.


Kaadhimamaa Senaatarii Rippablikaanotaa  kan ta'e Abbaan Alangaa Waliigalaa Teksaas Keen Paakstan, Ejentoo To'annoo Daangaa US waliin harka wayita wal fuudhanitti.

Teeksaas bulchiinsa kanaan dura wiirtuuwwan daataa deeggaruun beekamtuu turte. Haaluma kanaanis pirojektiiwwan wiirtuu daataan walqabatanfi investimantiiwwan walfakkaatan biroo hawwachuuf tattaaffii cimaa gochaa turteerti.

Akka fakkeenyaattis investimantii dhaabbata Iloon Mask kan ta'e Ispees Eks (SpaceX) irraa investimantii kaappitaala doolaara biliyoonota hedduu qabufi chiippii kompiitaraa hojii hubannoo namtolcheef fayyadan omishu hawwatteerti.

Wiirtuuwwan daataa damee indaastirii US jajjabeessaa jiraachuu kan himan hoji raawwachiisaa olaanaan dhaabbata tekinoloojii NVIDIA, Jensen Huwaang, mormiin wiirtuuwwan daataa mudachaa jiru jijjiirama tasaati jechuun ji'a Hagayyaa darbe miidiiyaa hawaasaarratti barreessaniiru.

Haa ta'u malee wiirtuuwwn kun diinagdee biyyaaf faayidaa akka qabaniifi kaansarii fayyisuu keessatti gumaacha qabaachuu danda'u jechuun qofa hawaasa naannoo wiirtuuwwan kunneen jiraatan amansiisuun gahaa hinfakkaatu.

Wiirtuuwwan sagalee xiqqaa maddisiisan kun hojjettoota muraasa qofaan socho'u. Gatiin dhaabbilee hubannoo namtolchee doolaara tiriliyoonaa olitti yemmuu tilmaamamu kanatti, hubannoon namtolchee namoonni heddu hojiisaanii akka dhabaniif yaaddoo ta'eera.

Dabalataan yaaddoon hubannoon namtolchee dhala namaa guutummaatti balleessuu danda'a jedhu babal'achaa yeroo jiru kanatti dhaabbileen hubannoo namtolchee biyya fayyadu jechuun namoota amansiisuun rakkisaadha.

Miidhaa naannoo

Namoonni wiirtuu daataa mirkaneessuu mootummaa morman dhaadannoo ol qabanii mul'atu.
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni wiirtuu daataa mirkaneessuu mootummaa morman dhaadannoo ol qabanii mul'atu.

Dhaabbileen teekinoloojii gurguddoo US, Silikan Vaalii keessatti argaman fedhiin anniisaa elektiriikii wiirtuuwwan daataa hubannoo namtolchee qaban fooyya'iinsa gama jijjiirama qilleensaatiin fiduuf yaadame duubati akka harkisu waliigalu.

Hoji gaggeessaa olaanaan Nvidia, Huwaang, kalqnifi misoomni hubannoo namtolchee dursa argachuu akka qabufi boodammoo tekinoloojiin kun mataasaatin jijjiirama qilleensaa furuu keessatti gumaachuu akka danda'u dubbatu.

Gama biraatiin UK'n immoo bara 2030'ttti dandeettii wiirtuuwwan daataashee dacha sadiin guddisuuf fedhii kan qabdu yemmuu ta'u, kunis anniisaa elektiriikii giigaa waatii jaha itti fufiinsaan fayyadamuu gaafata.

Haa ta'u malee hamma anniisaa elektiriikii haganaa fayyadamaa karoora biyyattiin gama faalama qilleensaa hir'isuun qabatte milkeessuu dandeessii gaafin jedhu uumameera.

Mootummaan biyyattiis imaammata caasaaleen mootummaa sadarkaa gadii wiirtuuwwan daataa ilaalchisee hordofuu qaban dhiyeenyatti akka ifoomsu eegama.