KALLATTIIN , Mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa" jiraachuu Tiraamp ibse

Pirezidantiin ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa akka jiru" dubbate. Tiraamp itti dabaluun "haata'u malee, amanamoo miti; waliigalteerra gahanii deebiyanii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hoganaan waliigalaa Iraan waraanni biyattii "ji'oogiraafiin osoo isa hin daangessiin" yaaddoo haleellaa kamiifiyyu deebii akka kennu ajajan

    Mojtaabaa Kameenii

    Hoganaan waliigalaa Iraan Mojtaabaa kamenii walga'ii ajajoota waraanaa biyyattii waliin taasisaniin yaaddoo haleellaa diina irraa dhufu kamiyyu "saffisaa fi osoo ji'oogiraafiin isa hin daangessiin" deebii akka kennu waraana biyyattiif ajaja dabarsan.

    Dabalataanis, waraanni biyyattii qabeenya Ameerikaa fi Israa'el "meeshaa [mi'aa] fi kanneen qabatamoo hin taane" akka bira gahu gochuudhaaf sanadiin ibsa xiyyeeffannoowwan waraanaa akka keessa deebiyamee ilaalamuufis ajajaniiru.

    Waraana Iraan isa jalqabaan kan ajjeefaman abbaa isaa Ayaatolaa Alii Kameenii bakka bu'uun hogganaa kan ta'e Mojtaabaan ifatti mul'atee hin beeku. Ajaja kana kan dabarsan ammoo waraanni waashingiteen fi Teehraan gidduutti ture erga xiqqoo qabbanaa'ee booda irra deebiyee ka'a jedhamee wayita sodaatamaa jiruttidha.

    Filannoo walakkeessaa Ameerikaa guyyoota muraasaan booda gaggeeffamu keessa darbee bulchiinsi pirezidant Tiraamp Iraan irratti haleellaa gaggeessuu akka danda'u gabaasaaleen akeekan bahaniiru.

    Hogganaan waliigalaa Iraan irra deebiin "haleellwwan waraanaa ykn shororkeessuu" raawwatamuu kan jalqaban taanaan, "yeroo waraanichi itti goolabamuu fi haal dureewwan" kan murteessitu Iraan akka taatu dubbataniiru.

    Walga'ii ajaji kun irratti darberratti Itaamaajor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Iraan Jeneraal alii Abdollaahii fi ajajoonni waraanaa ol aanaa akka argaman ibsameera.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  2. Mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa" jiraachuu Tiraamp ibse

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Pirezidantiin ameerikaa Doonaald Tiraamp mariin Iraan waliin taasifamaa jiru "haala gaariin deemaa akka jiru" dubbate.

    Tiraamp itti dabaluun "haata'u malee, amanamoo miti; waliigalteerra gahanii deebiyanii waadaa galan diigu" jechuun Teehraaniin qeeqeera.

    Mootummaan Iraan bulchiisni Tiraamp waliigalteewwan cabseera jechuun irra deddeebiin qeeqeera.

    Osoo mariirra jiramuus Iraan irratti haleellaa gaggeessiteetti jechuunis Ameerikaa himateera.

    Tiraamp mana jireenyaa isaa qananii Filooriidaa keessatti argamurraa dubbii gaazexeessitoota waliin taasiseen "dhaabbileen nukilaraa barbadeessineerra," jedheera.

    "Dhaabbileen nu hafan tokko [ykn] lama jiru. Daqiiqaa 10 keessatti isaan barbadeessuu ni dandeenya" jedheera.

    Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo haasaa dhiyeenya kana taasiseen, Tiraamp Iraan irratti haleellaa raawwachuudhaaf ammallee hin murteessiin akka jiru eereera.

    Aanga'oonni Iraan gama isaaniitiin, Ameerikaan haleellaa raawwanaan deebii hamaa ta'e akka kennan akeekkachiisaniiru.

    Odeeffanoo biroo kana waliin deeman: