Dargaggoota hiddi dhalootasaanii Afrikaa ta'ee fi filannoo walakkeessaa Ameerikaatiin seenaa hojjetan

Melaat Kiroos haasaa taasisaa wayita jirtutti
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Baqattoota Masrii irraa ta'an irraa kan dhalate ga'eessi ganna 42 Abdul Eelsayid, nagaa morkataa isaanii deeggaruun duula filannoo gaggeessaa kan turanii fi ji'a Amajjii dhufu seenaatara Michigaan wayita ta'an kan kakuu isaan raawwachiisan, pireezedaantii itti aanaa Jeedii Vaansi seeqqachiise dhiheessan.

Namni siyaasaa Ameeerikumatti dhalatan kun duula nafiladhaa kan adeemsisaa turan qeeqa 'Muslim Brotherhood' deeggaru jedhamanii fi pirezedaant Tiraamp irraa irra gahaa ture keessa darbuuni.

Eelsaayid himata kana nimormu. Filannoo injifachuu isaanitiin ergaa gammachuu dabarsaniin loqoda Afaan Arabaa warra Masriin 'Maqaan kiyya Abdulrahmaan Mohaammad Eelsayidi' jedhan.

Maqaan isaanii afaan arabaa ta'e kuni mormitoota isaaniitiin akka irratti qiyyaafatamu isaan godheera.

Filannoo bara giddugaleessaa Ameerikaa Kibxata darbe adeemsifameen kan moo'atan Eelsayid Seenatara musliima jalqabaa ta'aniiru.

Eelsaayiid duula nafiladhaa gama miidiyaa hawaasummaa irratti haalan fayyadaman. Keessumaa Tiiktookii irratti ergaa isaanii qoosaawwan Jaan Zii tiin mi'eessanii dhiheessaa turan.

Abdul El-Sayed

Ergaawwan duula nafiladhaa isaanii inshuraansii fayyaa hawaasa hundaaf, mana jireenyaa humna giddugaleessa godhatee fi siyaasa keessatti dhiibbaa korporeetonni qaban xiqqeessuu kan jedhu ture.

Namni siyaasaa kuni deeggarsa waraanaa Ameerikaan Israa'eliif taasiftes jabeessanii qeeqan. Ta'ummoo Eelsaayid qofaa isaanii miti.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Dhalattuu Itoophiyaa Kongaransiif filatamtee hanga filatamtoota hidda sanyii Naayijeeriyaa irraa ta'an dabalatee, lammiileen Afrikaa hedduun filannoo bara giddigaleessaa kanarratti injifataniiru.

Bara bulchiinsa Pirezedaantii walakkeessa irratti kan adeemsifamu filannoo Kongaransiitin alatti filannoon giddugaleessaa kuni kanneen kutaalee biyyaa fi naannolee bulchanis kan itti murtaa'udha.

Dhalattuun Itoophiyaa umriin ganna 29 Meelaat kiroos 'Gen Z' ykn warra A.L.A Bara 1997 hanga 2012 dhalatan jalqabaa Kongarasnii Ameerikaa keessatti filatamte taateetti.

Itoophiyaatti kan dhalatte Meelaat, Ijoollummaatti gara Ameerikaatti godaanuun Deenvaritti guddatte.

Filatamtee aangoo qabattee kan hin beekne Meelaat, Koloraadoo distiriiktii jalqabaatti waggoota 15f aangoo qabatanii kan taajilaa turan Palarikanyaa injifachuun kaadhimamtuu taate.

Filannoo Kibxata darbe adeemsifameen ammoo sagalee olaanaadhaan injifatte.

Akkuma Eelsaayid, Meelaatis duula nafiladhaa kan adeemsifte dhimmoota dargaggoota ilaallatan irratti xiyyeeffachuuni. Qaala'iinsa jireenyaa, kunuunsa daa'immanii fi yaala akkasumas inshuraansii fayyaa hundaaf dhimmoota duula filannoof kaasaa turte.

Sooshaalitoota Dimokiraatikii Ameerikaa irraa deeggarsa kan argatte Meelaat, Abbaan taayitaa immigireeshinii fi Gumuruukii Ameerikaa akka cufamuu fi deeggarsi Ameerikaan Israa'eliif taasiftu akkaa adda citu waamicha dhiheessite.

Meelaat Kiroos waraana Israa'eel Gaazaa irratti adeemsistu qeequusheen ijoo dubbii taatee turte. Meelaat qeeqnishee kuni Israa'eel irratti malee Yuhuudota irratti miti jechuun deebii kennite.

A.L.A Bara 2023 Waajjirri Abukaatotaa diiniiwwan manneen barnoota seeraatiif hiriirtota warraa Filisxeem deeggaruun hiriira bahan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu akeekkachiisuu isaanii hordofee Biirooleef Xalayaa barreesitee ture.

Xalayaa barreesite kana kaasuuf heeyyamamoo ta'uu dhabuusheen Niiwuyork keessatti waajjira Abukaatoo guddaa ta'e keessa hojjettu keessaa ari'amte.

Waa'ee siyaasaa hojii godhattee kan irratti xiyyeeffattes erga waajjira kanarraa ari'amteen booda akka ta'e himti.

Gama kaaniin dhaloota lammaffaan Gaanaarraa kan ta'e lammiin Ameerikaa Adiriyaan Boofee ammoo Distiriiktii 5ffaa Meerilaand bakka bu'a.

Dargaggeessi umrii ganna 32 kuni Virjiiniyaatti kan dhalate yoo ta'u, Meerilaand kaawuntii Piriinsi Joorjitti guddate. Maatiin isaa godaantota Gaanaa Irraa gara Ameerikaa dhufani.

Ittigaafatamummaa adda addaa irra kan ture Boofeen, duulli nafiladhaa isaa dhimmoota kutaa hojjettoonni Federaalaa baayinaan keessa jiraatan keessatti ijoo ta'an irratti kan xiyyeeffate ture.

  Adiriyaan Bofoo duula filannoorratti
Ibsa waa'ee suuraa, Adiriyaan Bofoo duula filannoorratti

Gara Kongaransii Ameerikaatti irra deebiin kan seenan keessaa dhalattuun Somaaliyaa Elihaan Omaar keessatti argamti. Namni siyaasaa Umrii ganna 44 tun qorannoon federaalaa kan irratti baname yoo ta'u, yeroo shanaffaaf filataman.

Yeroo jalqabaatiif A.L.A bara 2018 tti Kongaransiif kan filataman Elihaan, mana marii kanatti kan filataman Somaalii Ameerikaa fi dubartii musliima jalqabaati.

Yeroo hunda Pirezedaant Doonaald Tiraampin kan irratti xiyyeefatamtu yoo taatu Tiraamp irra deddeebiin ishee fi baqattoota Somaaliyaa qeeqaniiru.

Hundeen dhaloota isaanii Afrikaa irraa kan ta'e dorgomtoonni biroos kutaalee adda addaa keeessatti gulantaa siyaasaa adda addaatti injifannoo argataniiru.

Naayijeeriyaatti kan dhalatan Juneer Izoonuu mana marii Teeksaasiif filatamaniiru.

Dhalattuun Naayijeeriyaa biraan kan ganna 34 Kaarool Kazimaa bulchiinsa Penseveniyaatti teessoo mana marii isaanii irra deebiin moo'ataniiru.

Filannoo bara giddugaleessaa Ameerikaa milanaa Kanaan yoo xiqqaate dhalattoonni Naayijeeriyaa afur moo'icha argataniiru.

Ameerikaatti siyaasatti hirmaatanii injifannoo gonfachuun dhalattoota Afrikaa kuni dargaggoota Afrikaa keessa jiraniif biyya isaanii keessatti maal milkeessuu akka danda'an kan akeekedha.