'Miidiyaan si'a shanii ol maal akka balleesse osoo itti hin himamiin akeekkachiifni itti barreeffame hin jiru' - Amb. Rediwaan

 Walitti qabaa boordii Abbaa Taayitaa Sabaa-himaalee Itoophiyaa, Ambaasaaddar Rediwaan Huseen
Ibsa waa'ee suuraa, Walitti qabaa boordii Abbaa Taayitaa Sabaa-himaalee Itoophiyaa, Ambaasaaddar Rediwaan Huseen
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ambaasaaddar Rediwaan Huseen si'a shanii ol "maal akka balleessee fi seera isa kam akka cabse" osoo itti hin himamiin sabaa himaaleen akeekkachiifni itti barreeffame hin jiru jedhe.

Ambaasaadddar Rediwaan kana kan jedhe A L I Onkoloolessa 26, 2029 eebba Wiirtuu Qartuu Miidiyaa irratti dubbii dubbateen ture.

Walitti qabaa boordii Abbaa Taayitaa Sabaa Himaalee Itoophiyaa kan ta'e Rediwaan Huseen miidiyaan kamillee si'a shanii ol ragaadhaan maal akka balleesse, maal akka hanqise, seera isa kam akka cabse osoo itti hin himamiin akeekkachiifni kan itti barreeffame hin jiru jedhe.

Ambaasaaddar Rediwaan kana kan dubbate Abbaan Taayitaa Sabaa Himaalee Itoophiyaa waraqaa ragaa galmee waggoota 30 oliif hojiirra kan ture Rippoortatii fi Ingliffaa isa 'The Reporter' gaazexaa jedhaman kan maxxansiisu 'Media and Communication Centre' "yeroo hin murtoofneef" dhorkamuu isaa erga beeksiseen boodadha.

Abbaan Taayitichaa gaazexeewwan dhaabbaticha jalatti maxxanfaman "maxxanfamuu fi rabsaamuurraa guutummaan guutuutti dhorkamee akka turu" murteessuu isaa ibseera.

Qabiyyeewwan Rippoortarii irratti waggaa tokkoo ol hordoffii taasisuu isaa fi irra deddeebiin "naamusni seeraa fi ogummaa" akka cabe kan mirkaneeffadheera jedhe Abbaan Taayitaa Sabaa Himaalee Itoophiyaa, gaazexaa kana "yeroo hin murtoofneef" dhorkuu isaa beeksiseera.

Himannaawwan Abbaan Taayitaa kun Rippoortarii irratti dhiyeesse keessaa, qabiyyeewwan faayidaa biyyaalessaa faallessan rabsuu, mata-dureewwan dhimmoota siyaasaa, hawasummaa fi dinagdee keessatti dhiibbaa miidhaa qaqqabsiisan akka malee harbeessuu, gabaasaaleen yaada guutuu hin qabneen hawaasa keessatti burjaajii uumuu, akkasumas odeeffannoo waliin jiraachuu fi duudhaa ummataa balleessu tamsaasuu kan jedhu keessatti argamu.

Daarektara Odeeffannoo fi Tikaa Biyyaalessaa kan ta'e Ambaasaaddar Rediwaan "miidiyaa itti gaafatamummaan hojjetu ni jajjabeessina" erga jedhe ebooda erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii lakkoofsi sabaa himaalee dabaluullee dubbate.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Miidiyaan maxxansaa hir'achaa jiraachaa deemeera kan jedhe Ambaasaadarichi, kun garuu Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane sadarkaa idil-addunyaarratti kan mul'atu ta'uu eereera.

"Embaasii meeqatu na beeka, faranjii meeqatu na beeka, maallaqa meeqan qabadheera, waggaa meeqan jiraadheera jedhee seera jiru hanga dhumaatti itti fayyadamee seera sanaa ol jiraachuun hin danda'amu," jechuun akeekkachiiseera.

"Tokko tokko si'a 15 gorfamaniiru," kan jedhe Ambaasaaddar Rediwaan, tokkoo tokkoo isaarratti qaboo yaa'iin qabatamuu kaaseera. "Tokkoo tokkoon isaanii maal maal akka balleessan ilaalanii sirreessuudhaaf waadaa galaniiru," jechuun sabaa himaaleen dogoggora isaanii sirreessuuf waliigaluu isaanii dubbataniiru.

Jaarmiyaan mirga namoomaa 'Human Rights Watch' gaazexaan Rippoortarii cufamuun "qaama haleellaa sabaa himaalee fi dirree sivilii biyyattii irratti mootummaan Itoophiyaa gaggeessaa jiruuti" jechuun qeeqeera.

Human Rights Watch A L I Onkoloolessa 25, 2029 ibsa baaseen "dhaabbilee walabaa muraasa biyyattii keessaa tokkodha" jechuun gabaasa gaazexaa Rippoortara irratti tarkaanfii fudhatame mormeera.

Mootummaan adeemsa sabaa himaalea ilaalchisuun itti jiru "saffisaan akka deebisee ilaalu" mootummoonni michoota biyyattii ta'an akka gaafataniif waamicha dhiyeesseera.

Ambaasaaddar Rediwaan qormaata sabaa himaalee Itoophiyaa jechuun tokko tokko maallaqa waan qabaniif miidiyaa bananiiru garuu waa'ee sabaa himaalee hin beekan; waa'ee eenyummaa nama qacaraniillee hin beekan jechuun himateera.

Namni qacarame abbaa sabaa himaaleetiin alatti itti gaafatamummaa ogummaan akka irra jiru kan dubbate Ambaasaaddarichi, "ta'e jedhamee biyya gooluuf kan hojjetan jiru" erga jedhee booda harki caalu garuu osoo hin beekiin dogoggora kan hojjetanidha jechuun dubbate.

Miidiyaaleen biyya alaa "dhimma Itoophiyaa bifa madaalawaa ta'een hojjetan" "EBC waliin walqixa keessumaa'an jiru" jechuun Al-Jazeeraa akka fakkeenyaatti eereera.

Hayyama miidiyaa kan fudhate paarlaamaa biyyattii, mootummaa biyyattii ol akka ta'e itti fakkaachuu hin qabu jechuun akeekkachiise.

"Miidiyaanillee ni qeeqama, ni gaafatama," kan jedhe Ambaasaadarichi wanti duulaan ta'u hin jiru, waan sirnaan ta'uun waliin hojjechuun ni jiraata jechuun ibse.

"Si'a afurtama gorfamtee, si'a afurtama balleessitee si'a tokko akeekkachiifni yeroo itti kennamu naannicha duula kan gootu taanaan Itoophiyaa ol humnan qaba jedhanii yaaduu ta'a."

Seerra Itoophiyaa, fedhiin ishee maalidha? Gaheen kiyya maal ta'a kan jedhu beekuun barbaachisaa ta'uu dubbachuun yeroo balleessinu sirreessuun barbaachisaadha jedheera.

Sabaa himaaleen ballessanii sirreeffaman jiraachuu kan yaadachiise Ambaasaaddarichi, sabaa himaaleen kunneen "si'a shan ballessanillee, si'a shananuu ni sirreeffamu," jechuun wanti ijoon ilaalamu sirreeffamuuf qophii ta'uu isaaniiti; ta'e jedhanii "akka ijoo dubbiitti" kan ta'edhamoo gaazexeessaadha kan balleesse kan jedhu ta'uu eereera.

Abbaa isaatimoo gaazexeessaadha kan balleesse yookaan ammoo bulchiinsasha kan jedhu lakkaa'amee, si'a meeqadha jedhamee shallagamee, ka'umsi isaa maalidha kan jedhus ilaalamee, "yoo mirkanaa'een ala" gaazexeessaan gaafatamu hin jiraatu. Miidiyaan quucarus hin jiraatu," jedheera.

"Amma gaazexeessaa lama, sadii rakkisuun, miidiyaa tokkoo fi lama dhorkuun dimokiraasii Itoophiyaa bal'isuu miti, kaayyoon isaa kan ittiin baratan gochuudha," jechuun tarkaanfii mootummaan fudhatu deeggareera.

Miidiyaa tokko, "buqqisuun" yaada ukkaamsuun hin danda'amu kan jedhe Ambaasaaddar Rediwaan, "miidiyaa tokkos ta'u garuu seeraan ala kan socho'u taanaan, seeraan ol yeroo ta'u sirna qabsiisuun yooo hin danda'amne tuqamuu hin qabuun amala isaa ta'a" jechuun ibseera.

Yeroo darbe hayyamni Addis Standard fi Waazeemaa kan haqame yoo ta'u, hayyamni gabaasuu miidiyaalee biyya alaa haqamuun isaa ni yaadatama