Qe'ee akaakileen ishee gabrummaan itti hidhaman bulchuuf kan filatamte Kiishaa Laans eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoon walakkeessaa Ameerikaa 2026 injifannoo Paartii Dimokiraatotaan goolabame waan haaraa baayyeetu itti galmaa'e.
Kana keessaa Mishigaan irraa hiddi dhalootasaa Masirii kan ta'e Abdul Mohaammed El-Sayed Senaatera Musliima US isa jalqabaa ta'uun filatamuu fi dubartiin sanyiin ishee gurraacha ta'e Kiishaa Laans yeroo jalqabaaf bulchituu [Governor) Joorjiyaa taate.
Gama kaaniin dhalattuun Itoophiyaa umuriin ishee waggaa 29 taate Melaat Kiroos filannoo walakkeessaa Ameerikaa mo'achuun seenaa hojjette.
Barreeffama kanaan xiyyeeffannoon keenya bulchituu Joorjiyaa ta'uuf kan filatamte Kiishaa Laans ta'a.
Kiishaa Laans bulchitoota sanyiin isaanii gur'aacha ta'an shan bara kana filataman keessaa ishee tokkodha.
Kiishaa Laans haasaa injifannoo taasisteen akaakilee ishee warra Joorjiyaa keessatti waggoota 160 garbummaan itti hidhamaaa fi namaaf hojjetaa turan kaastee leelliste.
Kanaanis, qalbii warra ishee filatee qofa osoo hin taane namoota hirmaannaa dubartoonni, keessumaa warri sanyiin isaanii gur'aacha ta'e, siyaasa Ameerikaa keessatti dabalee arguu barbaadaniis hawwateera.
Kiishaa Laans eenyu? Eessaa kaatee asirra geesse?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Maqaan ishee guutuun Kiishaa Laans Bootoms jedhama. Akka seenaashee IOWA STATE UNIVERSITY irratti baherraa hubachuun danda'ametti, Amajji bara 1970 Atilaantaa, Joorjiyaa keessatti dhalatte. Dimokiraatii fi kantiibaa duraanii Atilaantaadha.
Filannoo walakkeessaa Ameerikaa Sadaasa 3, 2026 gaggeeffameen ammoo seenaa Ameerikaa keessatti dubartii jalqabaa, akkasumas sanyii gurraacha jalqabaa Joorjiyaa bulchuuf filatamte taateetti.
Osoo kantiibaa Atilaantaa (2018-2022) taatee hin tajaajiliin dura bara 2022-2023 Daarektara DHimma Ummataa taatee hojjetteetti.
Baruma kana (2022-2023) keessa Gorsituu Ol-aantuu Pirezidantii taatee hojjetteetti.
Waggoota saddeetiif 2010-2018 ammoo Mana-maree Magaalaa Atilaantaa keessa kan turte yoo ta'u, waggoota lamaaf, 2008-2010 Kaawontii Fulton keessatti daanyaa ol-aantuu taatee tajaajilteetti.
Gama barumsaatiin ammoo Yuniversiitii Filooriidaa A&M Joorjiyaatti argamurraa Komunikeeshiniin BA digirii, Joorjiyaa Isteet Yunivarsiitii Mana-barumsaa Seeraa irraa ammoo Juriis Doktor (JD) argatteetti Kiishaan.

Madda suuraa, Getty Images
'Biyya akaakayyuun ishee gabrummaan itti gugurame bulchuu...'
Kiishaa Laans haasaashee keessatti Joorjiyaan lafa wal'aansoon garbummaa irratti taasifame keessa addatti yaadatamu ta'uu kaasteetti. Namoonni mirgoota namoomaaf falman bebbekamoonis qe'ee kanarraa ka'anii seenaa hojjetanii darban ni eeramu.
Kiishaan akaakoon ishee Sheeferd Piik bara 1826 Joorjiyaa, Kiraawufoordisviil keessatti gabrummaan gurgurame.
Amma isteetii akaakoon ishee gabrummaan itti gurguramee fi itti hacuucamaa turu bulchuuf filatamte.
Bara 2029 fuula X isheerratti akka barreessiteetti Kiishaa Laans Bootoms Piik (akaakoon ishee) Waraana Addunyaa booda miseensa Kongiresii ta'ee ture.
Joorjiyaa bulchuuf dorgommii keessa akka galte Ebla 4, 2025 kan beeksifte Kiishaan.
Badhaasaa fi beekamtii argatte
Akka barruun USA NEWS TODAY ibsutti, bara jireenyashee ammoo hojjettuu mootummaa ta'uun dabarsaa kan jirtu Kiishaan, seena Atilaantaa keessatti dameewwan mootummaa hunda keessatti, akkasumas daanyaa (haadha seera) fi miseensa mana maree magaalaa taatee hojjechuun kjantiibaa addaa jedhamti.
Dhimmoota wal qixxummaa fi mana jireenyaa gatii madaalawaa kanneen jedhaniifi ajandaawan tarkaanfatoo ta'an gaggeessuun, Kiishaan Misooma Hawaasaa fi Koree Manneen-jireenyaa, akkasumas Konferensii Kantiibota Yunaayitid Isteetisiis Koree Ijaarame gaggeessiteetti.
Hojiiwwan hojjetteen barruun Georgia Trend Kiishaniin bara 2020 Joorjiyaa keessaa filateera.
Milkaa'inoota Kiishaan Laans Bootom ittiin addatti yaadatamte keessaa Waajira, Walqixxummaa, Daneessummaa fi Hammataa hojjetaa guutuu qabu yeroo jalqabaatiif hundeessite, Qondeessaa Dhimmoota Jaallattoota Saala Walfakkaataa (LGBTQ), akkasumas Garee Daddabarsa Dhala Namaa Seeraan Alaa kanneen eeramanidha.
Kana malees, Wiirtuu Hidhaa Magaalaa Atilaantaa kan ICE'n godaantota keessatti walitti qabee hidhus cufsiisteetti.
Seenaa magaalaa Atilaataa keessatti akkaataa maallaqni magaalattii bifa iftoomina qabuun hojiirra oolu gochuuf Atlanta's Open Checkbook kan jedhu hundeessiteetti.
Bara 2020 keessa Koreen Abbootii-Seeraa Mirgoota Sivilii (LCCR) jedhamu Badhaasa Qooqama Mirgoota Namoomaa Sivilii Addaa (Distinguished Civil Rights Advocate Award) hoggansa wal qixxummaa mirkaneessu, akkasumas eeguma hawwaasa moggeeffameef taasisuun badhaafamteetti.
Onkoloolessa 2020 ammoo Kishaan Laans dubartoota waggaa Glamour 2020 keessaa tokko ta'uun filatamteetti.
Bara 2020tti ammoo BET 100 Entertainer fi Innovator of the Year jedhamuun beekamtiin kennameeraaf.
Baruma 2020 keessa Smart Cities Dive's Leader of the Year jedhamuun badhaafamteetti.
Dura teessuu koree waltajjii yaa'ii biyyoolessaa Dimokiraatawaa bara 2020 ta'uunis dursaa turte. Bara 2021tti Pirezidantiin Joo Baayiden Kiishaa Laans Bootom itti aantuu dura teessuu Hirmaannaa Lammummaa fi Eegumsa Filattootaa taasisuun muudees ture.
Kiishaan nama Deerik Bootoms jedhamu waliin bultoo ijaarratteetti. Abbaa warraa ishee kana waliinis Joorjiyaa Isteet Yunivarsiitii keessatti wayita seera baratan wal baran. Jarri lamaan erga wal baranii booda bara 1994 gaa'ela dhaabbatan.
Ijoollee ofiin dahan qabaachuu baatanis, daa'imman afur garuu waliin guddifataniiru.























