Dubartoonni kiniinii kana qaama saalaa dhiphisuuf akka hin fayyadamne akeekkachiifaman

Madda suuraa, Getty Images
Faarmaasistoonni Keeniyaa dubartoonni qaama saalaa isaanii dhiphisuuf jecha kiniinii alarjii wayyeessuf oolu qaama saalaa isaanii keessa galchuu irraa akka of qusatan akeekkachiisaniiru.
Gorsi fayyaaf balaafamaan kun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamuu arganiitu akeekkachiisan ogeeyyiin kunneen.
Miidiyaa hawaasummaarratti dubartoonni kiniinii alarjii cetirizine jedhamuu fi afaaniin fudhatamu akka waan qaama saalaa dhiphisuu fi wayita saalqunnamtii gammachuu dabaluuf gargaarutti dhaadheeffamuu isaatiin akeekkachiisan.
Qorichoonni antihistamines yeroo tokko tokko gogiinsa qaamaa isayyuu akka miidhaa gartokkoo (side effect) fiduu danda'anis, hayyoonni akka jedhanitti kun maashaalee qaama saalaa dubartii hin jabeessan.
"Goguun dhiphachuu jechuu miti... bifa kanaan, wal-riguu, miira dhukkubbii fi carraa madaawuu tishuu dabaluu danda'a," jedha Waldaan Faarmaasistootaa Keeniyaa PSK).
Qorichoota afaaniin fudhataman qaama saalaa keessa galchuun sirrii miti.
Kiniinni Cetirizine akka liqimsamaniif qophaa'an. Keemikaalonni qorichoota kana keessatti argaman tishuu qaama saalaa kan salphaatti miidhamu danda'u irratti maal akka hordofsiisuu danda'an hin qoratamne," jedha waldaan kun.
Kiniiniin Sitriizen mallattoollee axxissoo, funyaan keessaa dhangala'aa yaa'u, hooksisuu ijaa fi gogaa akkasumas horbobbaawuu qaamaa wayyeessuuf kennama.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Torbee kana jalqabarraa kaasee garuu Tiktok gubbaatti akka waan kiniiniin kun jiidhinsa qaama saala dubartootaa hir'isuu fi fedhii saalaa kan dabalu qaama saalaa dubartootaa dhiphisuutti dhaadheffamaa ture.
Dhimmi kun Keeniyaa keessatti falmii jajjabaa kaasaa jira. Kuun gochaa kana yoo dhaadhessan kuun immoo fayyummaa irratti balaa qabaachuu malu waliin yaaddoo qabu.
Miidiyaaleen Keeniyaa immoo gabaasa kuusaalee qorichaa tokko tokkotti keessumaa magaalaa Naayiroobii keessatti gatiin kiniinii kanaa dabaluu gabaasan.
Cetirizine qoricha alarjii afaaniin fudhatamudha. Kaayyoo biraa kamiifuu akka oolu hin mirkanoofne ykn hin qoratamne, keessattuu qaama saalaa keessa galchuuf gonkumaa hin hojjetamne" jedhe Waldaan Faarmaasistoota Keeniyaa ibsa Kamisa baaseen.
"Yoo kanaan dura yaalaa turte ta'e, ammuma dhaabi. Yoo immoo dhukkubbii, dhiiguun qaamaa, ykn miirri gubuu, hooqsisuu, dhangala'aa qaama saalaa kan baramaa hin taane, ykn oo'ina qaama qabaatte hakiima bira deemi," jechuun gorsa waldichi.
Waldichi namoota miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uumanii fi qabiyyee hojjetan (content creators) odeeffannoo fayyaa yeroo qoodan of eeggannoo akka taasisan akeekkachiiseera; osoo waa hin mirkaneeffatin waa dhiyeessuun fayyaa namootaa balaarra buusuu akka danda'u ibseera.
Akeekkachiisni waldichaa kun Ministeerri Fayyaa Keeniyaa yaaddoo waa'ee gocha babal'achaa jiru kanaa ibsee boodadha bahe.
Qondaalli olaanaa fayyaa biyyattii Uumaa Olugaa akka jedhanitti, namoonni miidiyaa hawaasummaa fayyadaman tokko tokko gorsa fayyaa hayyoota irraa kennamu akka qoosaatti fudhachaa jiru.
Akka tajaajila dogoggoraa ittisuuf gargaaruf, aangawoonni sirna raabsaa fi bittaa qorichootaa hordofuu danda'u uumuu akka danda'an hubachiisan.
Garuu yaada kana ilaalchisee murtoon ifatti kaa'ame hin jiru.
Waldaan Faarmaasistoota Keeniyaa gabaasa waa'ee dabaluu fedhii cetirizine, ol-ka'ee gatii fi hanqina qorichichaa manneen qorichaa tokko tokko keessatti uumamee akka quba qabu ibseera.
Dhaabbatichi raabsitoonni manneen qorichaa haala kana faayidaa dhuunfaaf akka hin oolchine gaafateera; kunis namoonni dhugaadhaan qoricha kana alarjiif barbaadan argachuuf rakkachuu akka danda'an akeekkachiiseera.
Waldichi namoonni gorsaa fi tajaajila fayyaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodamu ilaalchisee of eeggannoon akka godhamus hawaasni akka hubatu hubachiise.


























