KALLATTIIN , Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun yaada waligaltee US'f erguu aanga'aan olaanaa biyyattii himan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waan hafe hunda "ni barbadeessina" jechuun Iraan irratti erga dhaatanii booda, Teehraan waliigaltee dhimma nukilaraa ilaallatu Waashigiteeniif erguu ibse. Rooyiters aanga'aa olaanaa Iraan tokko eeruun akka gabaasetti, yaadni waliigaltee kun karaa Qaataar Waashingiteniif kan ergame yoo ta'u, Ameerikaan haal-duree qabxii torba qabu sana yoo hojiirra oolchite qofa mariif akka dhiyaatamu ibsameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun yaada waligaltee US'f erguu aanga'aan olaanaa biyyattii himan

    Namoota alaabaa Iraan qabatanii jiran

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waan hafe hunda "ni barbadeessina" jechuun Iraan irratti erga dhaatanii booda, Teehraan waliigaltee dhimma nukilaraa ilaallatu Waashigiteeniif erguu ibse. Rooyiters aanga'aa olaanaa Iraan tokko eeruun akka gabaasetti, yaadni waliigaltee kun karaa Qaataar Waashingiteniif kan ergame yoo ta'u, Ameerikaan haal-duree qabxii torba qabu sana yoo hojiirra oolchite qofa mariif akka dhiyaatamu ibsameera.

    Aanga'aan akka maqaan isaa hin eeramne gaafate kun, Waashigiten yaada kana gamagamaa akka jirtu Rooyitersitti kan hime ta'ulleen odeeffannoo dabalataa kennuuf hayyamamaa hin taane.

    Itti Gaafatamaan Nageenyaa Olaanaa Iraan Moohiseen Reezaahii jalqaba torban kanaa, "dippilomaasii ilaalchisee Ameerikaatiif haal-dureewwan torba beeksisneerra. Hanga haal-dureewwan torban kana hojiirra hin oolchinetti Ulaa Hormuuz hin bannu, akkasumas gara mariitti hin seennu," jedhee ture.

    Haal-dureewwan Iraan hanga ammaatti ifatti ibsamuu baatanis, akka gabaasa sabaa himaaaan Kaahileej Taayims jedhamu baasetti taanaan gaaffileen Teehiraan dhiyeessite Libaanos dabalatee walitti bu'iinsawwan naannicha keessa jiran guutummaan guututtii akka dhaabbatu, Ameerikaan dhorkaa dooniiwwan Iraan irra keessa akka kaastu, qaqqobbiiwwan Ameerikaan Iraan irra keesse akka ka'u, qabeenyaa fi maallaqni Iraan biyya alaatti ugguraman akka gadhiifaman, Ameerikaan waraana naannicha keessaa qabdu akka hir'istu, miidhaawwan waraana waliin wal qabatee qaqqabeef beenyaan akka kaffalamu, haleellaawwan Ameerikaan bulchiinsa Iraan keessatti gaggeessitu akka dhaabbatu kanneen jedhan ture.

    Gama kaaniin, Waashingiteen marii marsaa jalqabaa kamuu keessatti Iraan dhimma saganataa nukilaraa dabaluu akka qabdu ibsiteetti.

    Kun ammoo, qaamolee lamaan gidduutti waliigaltee kamirrayyu gahuudhaaf dhimmi nukilaraa iajandaa ijoo marii akka ta'u agarsiisa.

    Yaadni marii dhimma nukilaraa kan dhiyaate, waraanni Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru filannoo walakkeessaa Ameerikaa booda deebiyee ka'uu danda'a yaaddoon jedhu wayita cimee fi jaarsoliin mariisisan walitti bu'iinsa kana dhaabsisuuf carraaqqii taasisan wayita itti fufanii jiranittidha.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp filannichaan booda duulli waraana irra deebiin itti fufuu akka danda'u kan hin haalle yoo ta'u, Iraanis waraanni kun irra deebiin kaanaan deebii hamaa fi bal'aa ta'e kennuuf karoorfachuun ishee himameera.

    Maaerikaa fi Israa'el Guraandhala darbe gara dhumaa Iraan irratti haleellaa erga bananii booda, Iraan gamasheetiin biyyoota Galoo Galaanaa buufatawwan Israa'el fi Ameerikaa keessummeessan irratti haleellaa raawwatteetti.

    Walitti bu'iinsi kun gara Libaanostti babal'atee Iraaniin kan deeggaramu Hezboollaah fi Israa'el gidduuttis lolli gaggeeffameera. Yeroo dhiyoo keessa ammoo gara Yamanitti ce'ee hidhattoonni Huutii Iraan waliin walitti dhufeenya qaban dhaabileen madda annisaa, buufataaleen xiyyaaraa fi kanneen biroo Sa'ud Arabiyaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuun isaanii ni yaadatama.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  2. YOOYYAA!

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Odeeffannoo battaluma mudatetti guutummaa addunyaarraa toora ittiin isin biraan geenyu eegalleerra.

    Iraan dhimma nukilaraa ilaalchisuun yaada waligaltee US'f erguu aanga'aan olaanaa biyyattii himuu,

    'Miidiyaan si'a shanii ol maal akka balleesse osoo itti hin himamiin akeekkachiifni itti barreeffame hin jiru' jechuu Ambaasaaddar Rediwaan Huseen dabalatee odeessaalee biroo karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!