AI'n Itoophiyaatti afaanota 8'n wal baraa jiraachuu quba qabduu?

Madda suuraa, Getty Images
Dr. Wondawasan Mulugetaa barsiisaa ta'uun waggoota 20 oliif hojii barsiisummaan tajaajilaniiru.
Yeroo ammaa Yuunivarsiitii Finfinnee, Kutaa Saayinsii Odeeffannootiin Pirofeesara Gargaaraa ta'uun hojjechaa jiru.
Yuunivarsiitichatti Pirezidentii Itti Aanaa Dijitaalaayizeeshinii fi Bu'uuraalee misoomaa ta'uun tajaajilaa jiru.
Yuunvarsiitichii Afaan saddeet hubannoo namtolcheetiin wal barsiisaa jiraachuu ibsan.
Afaan kunneen: Afaan Oromoo, Ge'ezii, Amaaraa, Wolayittaa, Tigriffa, Sidaamaa, Affaar, fi Somaaleedha.
"Afaanota Itoophiyaa barreeffamaniis ta'e dubbiin, hubannoo namtolcheen tajaajilaaf oolchuuf qorannoon hedduun hojjetameera" jedhu Dr. Wondawasan.
Namoota afaanota kunneen dubbataniirra haasaa isaanii sagaleedhaan hanga sa'aatii 100 sassaabamuu himan.
Afaanota kana teknooloojiin wal barsiisuun akka guddatanii fi addunyaatti akka beekaman gargaara" jedhan.
Naannoolee biyyatti keessa imaluun akkaataan itti haasa'amu waraabamee, walitti qabamu ibsan.
Aafaan Ge'ezillee "naannoowwan akka gaariitti dubbatamuu danda'u dhaquudhaan" waraabame jedhan.

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Afaan kunneen dhiiraa fi dubartiin yeroo haasaa'an maaltu akka jedhamu haala ibsuun, koorniyaa giddugaleeffachuun sassaabame jedhan.
Dhaabbanni "Giro Solutions" jedhamus akkuma Yunivarsiitii Finfinneetti moodeelota hubannoo nam-tolchee afaanota biyya keessatiin wal barsiisuuf hojjechaa jira.
Hundeessituun dhaabbata kanaa Beeteliheem Dasse akka jettutti, haasaan Afaan Amaaraa sa'aatii 550 dheeratu pirojektii "Liyyuu" jedhamun walitti qabame.
Dhaabbatichi hubannoo namtolchee, tajaajila daataa ykn Data Services fi leenjii irratti xiyyeeffata.
Moodeelotni hubannoo nam-tolchee afaanota Itoophiyaa keessatti dubbataman kan baran daataa interneetii irratti argamurratti hundaa'udhaani," jetti Beeteliheem.
"Namni tokko miidiyaa hawaasaarratti yeroo waa barreessu, YouTube irratti qabiyyee maxxansu, barruu barreessu, qorannoo yeroo barreessu, modeelonni AI kanarraa baratu," jetti.
Sababa kanaaf afaanota Itoophiyaatti dubbataman muraasatu hubannoo namtolcheen wal barsiisuuf mijate jetti.
Dhaabbanni isheen hooggantu kun, haasaa fi dubbii namoonni Afaan Oromoo fi Amaaraatiin dubbatan walitti qabuun, hubannoo namtolcheetiin walbarsiisuu ykn leenjisuurratti xiyyeeffate.
Hojii kana irratti namoota afaanota kana dubbatan 1,600 ol akka hirmaatan dubbatte.
Ji'oota lama dura pirojektii 'Liyyuu' jedhamuun haasaa afaan Amaaraa sa'aatii 500 ol dheeratu walitti qabuu akka danda'an dubbatte.
Beeteliheem akka himtutti haasaa namootaa walitti qabuun alatti loqoda irrattis xiyyeeffannaan akka hojjeta jiru.
Beeteliheem akkas jetti; "Afaan Oromoo loqoda gara garaa qaburratti hojjachuuf naannoon Harar, Arsii, fi Jimmaa filatamuu haasofti.
Pirojektiin kun yunivarsiitiiwwan naannolee caqafaman kanatti argaman waliin hojjetamaa akka jiru BBCtti himte.
Afaan biyya keenya keenyatti dubbataman AI'n wal barsiisuun namoonni akka odeeffannoo barbaadan afaan dubbataniifi loqoda hubataniin akka argatan taasisa.
Hubannoon namtolchee afaan tokko sirnaan wal barsiisuuf yoo xiqqaate dubbii ykn haasaa sa'aatii 10,000'f fi daataa biroo akka barbaachisu kan ibsite Beetaliheem gama kanaan hojii maneen guddaan akka eegamu dubbatte.
Yuunvarsiitii Finifinnee damee Saayinsii Odeeffannootti Tumsaa pirofeesaraa kan ta'an Dr Wondwasan Mulugetaa yaada ishee kaaftetti kanatti ni amanu.
"Hubannoo namtolcheerraa odeeffannoo sirrii argachuuf ragaa baayyee walitti qabuu barbaachisa'' jedhan.
Hanga odeeffannoo
Odeeffannoo bal'aa hubannoo namtolchee dhiyeessuun fayidaa guddoo akka qabullee ibsaniiru.
Damee hojii kanaaf qulqullinaa fi baayyina odeeffannoo hubannoo namtolcheef dhiyaatuutu qooda jabduu qaba jechuun yaadasaanii guduunfan.


























