Ispeen keessatti dhungoon maaliif baayyatee?

Madda suuraa, Getty Images
Ispeen keessatti ifatti ykn nama durattis ta'u addabaabaayiirratti namoonni yeroo wal dhungatan arguun waan guyyaa guyyaan mul'atudha. Haata'u malee, biyyattiin ifatti ummata duratti jaalala ibsachuun akkas itti toluun isaa seenaa ajaa'ibaa hacuuccaa fi fincilaa agarsiisa.
Dhungoon Ispeen keessa bakka kamiyyu jira. Yeroo nama ta'e waliin wal argitu maddii lamaan wal dhungachuun baramaa ta'es ni jira. Amma kan jedhaa jirru dhungoo jaalallee gidduutti taasifamudha.
Hiriyoonni gaa'elaa umuriin isaanii giddu galeessaa ta'ee fi daandii guddaa namoonni itti heddummatan irratti wal dhaabanii 'hidhii walitti qadaadaniin' guutamee mul'ata.
Dargaggoonni ol adeemoo aduu qaanqeetiin paarkiiwwan keessatti yeroo wal dhungatan argeen miirri waan darbe yaaduu tokko natti dhaga'ame.
Vaaleensiyaa keessatti wayita Festivaalii Laas Falaas irratti sagaleen richiitii dhaga'amu gammachuun mirqaanaan wal dhugachuutti gadi taa'an xiqqoo na rifadhan ture.
Hojjettuun herregaa kooyyu iimeelii naa barreesiste irratti jecha "besos" jedhuun xumurtee naaf ergite.
Hiikni jecha "besos" ammoo afaan Ispaanishii yoo ta'u "dhungoo" jechuudha.
Aadaa Ispeen keessatti nama itti dhiyaataniif iimeelii yeroo barreessan jecha "besos" kanaan jaalala ibsachuun baratamaadha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ji'oota ja'aa ol Ispeen keessa jiraadhe keessatti, bakka ifatti ykn addababbaayii namoonni itti jaalala isaanii ibsatan argaan ture.
Garuu hiriyyaan ishee tokko imala gara Jaappaan booda gara Vaaleenshiyaa yommuu deebitu, battaluma sanatti isaan hubatte.
Buufata baaburaa keessaa yeroo baate, hiriyoonni gaaʼelaa teessoo irra ciisanii simataniiru. Biyya PDAn baayyee xiqqaa ta'e keessatti erga hojjettee booda, mul'anni sun boqonnaa ishee guute. "Manaan jira" jettee yaadde.
Akkan yaaduu na taasise: dhuguma Ispeen biyya dhungannaati? Akkasumas agarsiisni jaalala ummataa kun aadaa, seenaa fi ilaalcha walitti dhiyeenyaaf qabu maal nutti himuu danda'a?
Haata'u malee, hiriyyaan ishee tokko erga gara Jappaanitti imaltee Vaaleenshiyaatti yeroo deebitutti, batalumatti isaan hubatte. Buufata baaburaa keessaa yeroo baatu, jaalalleewwan lamaan teessuma dalgeerratti yeroo wal dhungataa jiran itti baate.
Biyya addabaabaayiirratti jaalala ibsachuun (Public Display of Affection (PDA)) keessatti hedduu hin baramne keessa yeroo murtaa'e turtee wayita deebitutti namoota wal dhungatanitti yeroo baatu miira gammachuuti itti dhaga'ame.
"Amma biyya koon jira" jettee yaadde.
Kun ammoo caalaa akkan yaaduuf of gaafadhu na godhe: Dhuguma Ispeen biyya dhungootii?
Addabaabaayiitti ykn ifatti jaalala ofii ibsachuun (Public Display of Affection (PDA)) kun waa'ee aadaa fi seenaa biyyattii, akkasumas michuu qabaachuu ilaalchisee yaadni jiru akkamitti akka ilaalamu maal nutti himuu danda'aa?
Ibsi tokko waa'ee akkaataa Ispeenonni iddoo/bakkawwan ummataatti gargaaramanidha. Kutaa biyyattii baayyee keessatti, jiruun guyyuu manaan alatti, daandiiwwan namoonni itti baayyatanirratti, kaaffee fi paarkiiwwan keessatti raawwatamu.
Qorannoon Yunivarsiitii Waarwiik akka mul'isutti, Ispeen biyyoota nama haaraa waliin yeroo wal argan bakka dhuunfaa xiqqaa barbaadan keessaa tokko ta'uu ibseera – Kun ammoo biyyoota obbolaa kibba Meditiraaniyaanii akka Giriik, Xaaliyaanii fi Poorchugaal irraanillee xiqqaadha.
Kun bakkeewwan banaa ummanni itti baayyatan keessatti kan mul'atu yoo ta'u, hiriyyoonni tuta tutaan walitti qabamanii wal walitti galagalanii biiraa ykn diraaftii warra dhuganiin kanneen guutamanidha.
Yuniversiitii Kompluutens kan Maadiriid keessatti argamutti piroofeesara sooshiyooloojii kan taate Amparoo Laasen, akka jettutti namoonni Ispeen warra Awurooppaa kaanaa keessa jiran caalaa waan halle qaamaan mul'isuutti ni caalu. "Biyyoota Noordik ykn Ingilaand waliin yoo dorgomsiifte garaa garummaan caalu jiraachuu hubatta," jetti.
Tarii Ispeenonni namoota eessayyu jiraatan caalaa jaalala kan beekan ykn jaalala kan qaban jechuu miti, garuu agarsiisuu isaarratti caalaa itti tola ta'a. Addabaabaayiitti ykn ifatti bakka namoonni jiranitti dhoongoon dirqama agarsiistuu jaalalaa guddaadha jechuu miti; salphaamatti jiruu guyyuu fudhatamaa qaban keessaa tokkodha.
Bakki jiraatanis gahee taphatu mataa isaa ni qabaata. Uummata Ispeen keessaa gara %65 kan ta'an mana jireenyaa waloo keessa kan jiraatan yoo ta'u – kunis biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessatti baay'inaan isa guddaa yoo ta'u, gatiin kiraa manaaol ka'uun dargaggoonni umurii ga'eessummaatti ce'an mana maatii keessaa ba'uun kireeffachuuf rakkisaa ta'eera.
Amparoo Laasen akka akeektutti, mana keessatti bakka dhuunfaa ykn qofaatti ta'e murtaa'aa ta'uun jaalalleewwan bakkeetti ykn addabaabbaayiitti jaalala akka ibsatan dhiibuu danda'a. "Ispeen keessatti rakkoo mana jireenyaa ni qabna, kan jechuun ammoo hiriyyoota keenya waliin wal arguuf mana keessatti gochuu caalaa ala - mana dhugaatii deemuun, mana nyaataa deemuun filanna jechuudha," jetti. Itti dabaluun, jaalalleewwan amma yeroo dhuunfaa waliin dabarsuuf teessuma dalgee ala keessa barbaadachuu filatu jetti.
Haata'u malee, rakkoon mana jireenyaa jaalala addabaabbaayiitti ykn diida ummata duratti ibsachuuf sababa ijoo miti jetti Laasen. Hunda caalaa jaalala waliin walqabsiisee ilaalcha bilisaa biyyattiin qabdudha. "Kan ilaalcha badaa siif qabu yoo hin jiraanne yookaan ammoo namni na arge jedhurraa dhimma hin qabdu taanaan, akka kanaatti ifatti uummata duratti ykn addababaayiitti agarsiisuun salphaa ta'a."
Shamarreen umuriin ishee waggaa 28 taate Isaabel Niyeetoo Toos, biyya alaa erga jiraachaa turteen booda waggaa sadii dura maatiisheetti deebite. Shamarreen kun bakki dhuunfaan itti dabarsan yoo hin jiraanne jaalallee waliin dabarsuun hangam fokkisaa ykn rakkisaa akka ta'e dubbatti.

Madda suuraa, Getty Images
Har'a agarsiisa jaalalaa ummata duratti mul'atu guutuu Ispeen keessatti mul'ata, garuu bilisummaan sun walqixa hin mudatu. Hiriyoonni gaa'elaa umuriin isaanii deemeeru ummata dura taa'anii wal dhungachuun xiyyeeffannoo guddaa hawwachuu danda'a. Hiriyoonni gaa'elaa saala walfakkaataa qaban ammoo qorannoo guddaa isaan mudachuu danda'a jetti Laasen.
"Namni hundi hariiroo isaanii agarsiisuuf walqixa mijataa miti."
Paawulaa Fuuriyoo, kan duraan Vaaleenshiyaa keessatti suuraa cidhaa kaasuun beekamuuf, dhungoon mallattoo waan baayyee guddaa ta'eedha.
"Hanga ammaatti hojiin hojjetamuu qaba, garuu hawaasni Ispeen akka waliigalaatti baayyee banaadha ykn bilisadha. Dhungachuun akka 'fiixee gara waan guddaatti deemuuti': bilisummaa Ispeen keessatti qabaachuu dandeessu miira siif kenna. Ibsa bilisummaati."
Kan hiriyaan koo Jaappaan irraa deebitee fi jaalalleewwan lama teessoo dalgeerra taa'anii osoo wal dhungachaa jiranii arguun ishee gammachiise agarte akkan deebisee yaadu na taasise.
Tarii biyyatti deebiyuu qofatti gammadde osoo hin taane, biyya dhugaafi iftoomina qabdu ta'uun maal jedhuu hawwaasaa dhipachuu dhiisuu keessa jiraachuu isheetti gammadde ta'a. Tarii Ispeen keessatti dhungachuu keessatti wanti baay'ee nama dinqisiisu hammam akka nama hin dinqisiifamne ta'uu isaati. Tarii ammoo Ispeen keessatti baayyee dinqisiisaa kan ta'e dhungoon hangam akka nama hin dinqisiifamne ta'uu isaati.


























