Haleellaawwan diroonii Itoophiyaarratti raawwataman keessaa Ertiraa fi Sudaan harka qabu - Gorsaa Dhimma Afrikaa Bahaa MM Abiy

Diroonii Wingloongi
Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Wingloongi
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gorsaan Dhimmoota Baha Afrika Ministiraa Muummee Itoophiyaa, Obbo Getaachoo Raddaa, mootummaan Ertiraa fi Sudaan gareewwan hidhattoota mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran deeggaruun haleellaawwan diroonii walitti fufinsaan Itoophiyaa keessatti raawwataman keessaa harka qabaachuu isaanii himan.

Obbo Getaachoon kana kan ibsan Ambaasaadar Guyaang Koong, Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Dhimmoota Gaanfa Afrikaa waliin marii taasisaniin booda fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti baasaniinidha.

Akka isaan jedhanitti, Pirezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi hogganaan waraana Sudaan Jeneraal Abdulfattaah Al-Burhaan, gareewwan hidhattoota Itoophiyaa keessatti mootummaa morman meeshaalee waraanaa kennuun, hidhachiisuu fi qindeessuun deeggaru.

Deeggarsi kunis haleellaawwan diroonii walitti fufiinsaan Itoophiyaa keessatti raawwataman akka dabalatu Obbo Getaachoon himaniiru.

Marii isaanii keessatti haala nageenyaa Sudaan, dhimma Somaaliyaa fi gahee mootummaan Ertiraa naannichatti qabu irratti xiyyeeffachuu isaaniis eeran.

Keessumaa, gahee Ertiraan qaxanaa sana tasgabbii dhabsiisuu keessatti qabdu jedhan irratti ejjennoo Itoophiyaa ergamaa addaa UN'tti beeksisuu isaanii himan.

Dabalataanis, walitti bu'iinsa Sudaan keessatti hammaataa jiru tasgabbeessuuf filannoowwan jiran irratti mari'achuu isaanii ibsan.

Itoophiyaan Ertiraa fi Sudaan gareewwan finciltootaa deeggaruu fi meeshaalee waraanaa hidhachiisuu irraa akka of qusatan gaafattis jedhan.

Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Dhimmoota Gaanfa Afrikaa Ambaasaadar Guyaangi Koongi fi Gorsaa Dhimmoota Baha Afrika Ministiraa Muummee Itoophiyaa, Obbo Getaachoo Raddaa
Ibsa waa'ee suuraa, Ergamaa Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Dhimmoota Gaanfa Afrikaa Ambaasaadar Guyaangi Koongi fi Gorsaa Dhimmoota Baha Afrika Ministiraa Muummee Itoophiyaa, obbo Getaachoo Raddaa
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Itti dabaluunis, muddamni naannichaa akka hin hammaanneef mariin hiika qabeessa ta'e akka gaggeeffamu fi biyyoonni kunneen deeggarsa gareewwan hidhattootaaf taasisan akka dhaaban UN akka tumsu gaafataniiru.

Obbo Getaachoo fi Ambaasaaddar Guyaang Kong marii isaanii keessatti, rakkoolee naannawa kana jiru furuuf walitti dhukaasuu irra of to'achuun barbaachisaa ta'uu irratti waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Itoophiyaan kanaan duras Ertiraa fi Sudaan gareewwan mootummaa Federaalaa lolaa jiran deeggaruu fi hidhachiisuu himattee turte

Haata'u malee, biyyoonni lamaaniyyuu himannaa sana haalaniiru.

Itoophiyaa fi Sudaan tokko isa kaaniin hidhattoota deeggarta jechuun erga wal himatuu eegalan bubbulaniiru.

Sudaan hidhattoota TPLF kan yeroo ammaa Naannoo Tigraay keessatti waraana mootummaa lolaa jiran dahoo kennuun hidhachiifti jechuun Itoophiyaan himatti.

Sudaan immoo Itoophiyaan hidhattoota RSF kan Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloon hoogganamaniif dahoo taate jechuun himatti.

Jalqaba baatii Sadaasaa mootummaan Sudaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi Mana Maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaatti Itoopiyaan akka sudaan haleelamtuuf daangaa ishee hayyamte jechuun himatte.

wal himannaa kana hordofees Itoophiyaan dippilomaatota Sudaan Qontsilaa biyyattii Asoosaa jiru keessa hojjetaa turan biyyaa hariite.

Murtee Itoophiyaa booda Sudaan qontsilaa Itoophiyaa baha Sudaan magaalaa Gadaarif keessa jiru cufuun dippilomaatota keessa turan ari'uu qondaalonni Sudaan lama itti himuu Rooyitars gabaaseera.