Dhuguma dhumni biyya lafaa ga'ee? Odeeffannoon kun eessaa dhufee ijoo dubbii ta'e?

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaan isaa hanguma dhiyaachaa dhufeen, sodaan "bara dhumaa ykn dhuma biyya lafaa" qaqqabeera jedhu miidiyaa hawaasaa fi miidiyaalea biroo irratti bal'inaan dhimma marii ta'uu jalqabeera.
Guyyaan kun qorannoo saayinsii bara 1960, waggaa 66 dura, addunyaan kuniifi ummannishee gara fuula duraatti akkam ta'u jedhuun maxxanse waliin walqabata.
Qorannoon kun qorattoota sadiin barruu Saayinsii Ameerikaa irratti Sadaasa 4, 1960 mata-duree: "Bara dhumaa: Jimaata, Sadaasa 13? [Is the end of the world November 13, 2026?] jedhuun maxxanfame.
Qorannoo kana keessatti, qorattoonni kunneen lakkoofsi ummataa saffisa waggoota 2,000 darban isaan irratti qoratan ittiin guddateen guddanaan, Sadaasa bara 2026 sadarkaa lakkaa'uun hin danda'amerra gaha jedhan. Kun akkaataa yaad-rimee isaan ittiin shallaganiinidha.
Garuu qorattoonni kunneen kana jechuun isaanii waa'ee dhalli namaa lafarraa dhabamuu dubbachaa jiruu?
Kanaaf guyyaan jedhame kun [Guyyaa Dhuma Biyya Lafaa] addunyaa irratti 'qiyaamaan' ta'uu ykn taatee lubbu-qabeeyyiin lafarraa dhabaman itti danda'an qaqqabsiisuu danda'u agarsiisuuf bu'aa qorannoo saayinsii qabaatu ni jiraataa?
Qorannoon kun guddnni ummataa sadarkaa wal fakkaatuun itti fufuu akka hin dandeenye agarsiisuuf maatimaatikaal moodelii fayydame.
Qorattoonni kunneen gaafa Sadaasa 13 bara 2026 dhumma biyya lafaati ykn dhalli namaa lafarraa dhabamu jedhanii hin raagne.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kan isaan jedhan, guddinni lakkoofsa ummata addunyaa osoo hin jijjiiramiin haala yeroo sana tureen itti fufnaan sirni jiru waaraa ta'ee waan itti hin fufneef osoo sadarkaa sanarra hin qaqqabiin jijjiiramuu qaba jedhan.
Waggoota kurnan itti aanan keessa, guddinni baayina ummata addunyaa bakka baayyeetti sababoota gara garaa kanneen akka fooyya'insa kunuunsa fyyaa, barnootaa, guddina dinagdee fi jijjiirama hawaasaarraa kan ka'een xiqqaachuu jalqabe.
Kanaaf, tilmaamni jalqabaa maatimaatikaal moodelii jalqabaa irratti hundaa'uun shallagame waan yaadame agarsiisuu hanqateera.
Kanaaf, Sadaasa 2026 bara dhumaati kan jedhu ragaan saayinsaawaa agarsiisu hin jiru. Yookaan ammoo, taateen addunyaa adda ta'e akka dhalli namaa lafarraa badu godhu uumama jedhamee eegamu hin jiraatu.
Falmiin ykn ijoon dubbiin amma jiru irra caalaan isaa raagawwan saayinsaawaa waa'ee egeree pilaanetii keenyaa irratti hundaa'uun osoo hin taane tilmaamawwan qorannoo darbeerratti kan hundaa'edha.
Odeeffannoon kun eessaa dhufee?

Madda suuraa, MITANDAONI
Ka'umsi qorannoo kanaa kan hayyuun lammii Ameerikaa hiddi dhaloota isaa Awustiriyaa ta'e Heeyiinz von Foorester taasisee turerraa ka'a.
Namni kun qorannoo kana qorattoota biroo lama-Paatiriishiyaa Mooraa fi Laawurans Amiyoot jedhaman waliin hojjete. Sadan isaaniiyyu Yunivarsiitii Illinooyis kan Yunaayitid Isteetis keessatti argamu keessatti miseensa Dippaartimentii Elekitiraal Injiinaringiidha.
Qorattoonni kunneen tilmaama baayyina ummata addunyaatiif daataa seenaan jiru gargaaramaniiru. Daataan kunis tilmaamawwan 24 waggaa jalqabaa Kalaanderii Kiristaanaa (AD) irraa hanga 1958 qabateera. Galmi isaa ammoo seenaa keessatti akkamiin baayyinni ummataa dabalaa akka dhufe hubachuufidha.
Qorattoonni kunneen tilmaama ummanni addunyaa waggaa waggaan bifa wal fakkaatuun guddata jedhurratti hin hundoofne. Maatimaatikaal moodelii yaad-rimee guddina lakkoofsa guddina ummataa baayyee giddaa (exponential) maqaa Hyperbolic Growth jedhamuun beekamu gargaaraman.
Akkaataa kanaan ammoo ummata qofa miti kan dabala ajiru, sadarkaan (rate) ittiin guddatus yeroorraa gara yerootti dabaluu itti fife.
Moodeliin kun rakkoo naannoo isaatti isa mudatu dura dhaabbachuuf yaada dandeettii dhalli namaa wal tumsuu, wal deeggaruu, akkasumas kaan waliin hariiroo tofachuu jedhurratti ijaarame.
Haalli akkasii kun ammoo dandeettii dhalli namaa jiraachuu fi baayyachuuf qabu akka dabalu taasiseera.
Qorattoonni kun walqixxaattoo herregaa (Maatimaatikaal iqquweeshinii) kana daataa seenaa irratti erga hojiirra oolchanii booda, sirni isaanii bakka qeenxee ta'uu [singularity] jedhamuun beekamurra akka ga'u yaada jedhuun goolaban.
Kun ammoo Maatimaatikaal Iqquweeshinichaatti guddinni baay'ina ummataa bara 2026tti saffisa daangaa hin qabne (lakkaa'uun hin danda'amene] [ infinite rate ] irra ga'a. Bakki kun walakkeessa ji'a Sadaasaa bara 2026tti irra akka ta'u ilmaamaniiru.
Kanarraa ka'uudhaanidha, guyyaan Sadaasa 13, bara 2026 kan mata duree qorannoo ta'e.
Akka moodeela kanaatti, haalawwanii fi senaariyoonni shallaggii keessatti fayyadaman yoo hin jijjiiramne, akka yaad-rimeetti baay'inni ummata addunyaa sadarkaa "daangaa hin qabne ["infinite" l]" irra ga'a ture.
Dhuma tilmaama addunyaa
Jalqaba irratti yeroo ilaalamu, mata-dureen qorannichaa tilmaama dhuma biyya lafaa (bara dhumaa) fakkaachuu danda'a, garuu ergaan isaa qabatamaan garuu waan biraadha.
Qorattoonni kunneen kattaan guddaan hawwaa issaa Dacheerra bu'ee rukkuta, Aduun ni dhooti, ykn kirkirri lafaa fi dho'insi volkaanoo mudatee guyyaan badisaa akka dhufu tilmaaman miti. Yookaan ammoo guyyaa addaa sababa balaa uumamaa ta'e tokkoon dhalli namaa lafarraa itti badan jedhanis hin ibsine.
Haata'u malee, yaad-rimee "bara dhumaa" ["doomsday"] jedhu akka shallaggii isaaniitti kan tiwoorii herregaa sadarkaa baayyinni ummataa sadarkaa lakkaa'uun hin danda'amneerra gaha [infinite] jedhu agarsiisu gargaramaniiru. Sun garuu addunyaa dhugaa oirratti waan ta'u miti.
Karaa biraan, yaad-rimeen baayina ummataa lakkaa'uun hin danda'amne [infinite) jedhu qabatamaatti ummanni addunyaa sanarra gaha jechuu miti. Kunshallaggii sana keessatti haalli jiru akkuma jirutti oso hin jijjiiramiin hundi faayidaarra oolee jennaan bu'aa herregaa irra gahamudha.
Xiinxalli qorannoo darbee akka agarsiisutti, qorattoonni dhiibba anaannoo, qabeenyaa, akkasumas haalota biroo uummata marsanii jiran ilaalcha keessa osoo hin galchiin sirnichi bifa siirrii ta'een fayyaduu akka hin dandeenye hubataniiru.
Dhimmoonni kunneen sadarkaa hormaataa, akkasumas du'aatiirraan dhiibbaa geessisuun kallattii guddina baayyina ummataa jijjiiru.
Barreeffama Misheel Teklaa bara 1964 waliin walitti dhufeenyi jiru maali?

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexaan Masirii Waddani jedhamu suura barruu durii tokko kan guyyaan inni maxxanfame Sadaasa 29, bara 1964 ta'e, gaazexicharraa muree maxxanse. Barruun kun barreessaa maqaan isaanii Misheel Teklaa jedhamuun kan mallattaa'e yoo ta'u, mata-dureen isaas 'Addunyaan gaafa Sadaasa 13, bara 2026 dhumata' jedha.
Boodarra ammoo, miidiyaaleen biroo Masirii keessa jiran fakkii barrreeffama durii sana irra deebiyanii maxxansuun oduun kun waggoota 60 booda akka haaraatti akka deebiyee ka'u taasiseera.
Haata'u malee, barreeffama barruu [joornaal] irratti ba'ee fi qorannoo saayinsaawaa orijinaal ta'e gidduu garaa garummaa jiru adda baafachuun barbaachisaadha.
Qorannoon waa'ee guyyaa Sadaasa 13, bara 2026 gaggeeffame bara 1960 keessa Von Foorester fi qorattoota biroo isa waliin turan lamaan maxxanfame malee Misheel teklaatiin miti.
Miidiyaaleen dhiyeenya kana waa'ee dhimma kanaarratti gabaasanis qabiyyee barreeffama Teklaa bifa adda ta'een dhiyeessan.
gabaasaaleen tokko tokko barreeffama kana qarannoo guddina baayyina ummataa waliin yoo walitti fidan, kanneen biroon ammoo yaad-rimeewwan sochii soolaarii warra akka jijjiirama qilleensaa fi balaawwan uumamaa waliin wal qabatan waliin walitti fidan.
Kanaaf, yaadawwan kanneen hunda akka qaama tiyoorii saayinsaawaa tokko ta'eetti fudhachuun ykn bu'aa qorannoo Von Foorister ta'eetti ilaaluun sirrii miti.
Sochiiwwan pilaanetiin wal qabtan

Madda suuraa, Getty Images
Gabaasaaleen miidiyaa tokko tokko kanneen barreeffama Misheel Teklaa kaasan gaafa guyyaa Sadaasa 13, bara 2026 sochiin soolaar siistemii kanaan dura hin baramne ni jiraata jedhanii yaadu.
Gabaasaaleen kunneen ammoo haalli kun dirree maaginetii Dachee irratti raafama uumuun balaawwan uumamaa akka mudatan gochuu danda'a jechuun sodaa facaasaniiru.
Haata'u malee, damabaliin soolaar sistemii irratti uumamuu fi dabaliiwwan kunneen guyyaa adda bahee beekamurra mudachuu danda'u jechuun dhiyeessuurratti dhimmanii adda baafachuun hubachuun barbaachisaadha.
Ija saayinsaawaatiin sochiin soolaar sistemiirratti mudachuun waanuma turee fi baratamaadha. Aduun marsaawwan sochiin ishee sadarkaa jijjiirama agarsiisan keessa darban ni mudata.
Marsaawwan akkasii kana keessatti ammoo, dirree maaginetii Dachee irratti dhiibbaa geessisuu kan danda'an yeroo tokko tokko ho'i guddaan, akkasumas carallaan soolaarii mudachuun mudachuu ni mala.
Dambaliiwwan hamoon Aduun muadatan komunikeeshinii, saatelaayitii, akkasumas siistemiiwwan naavigeeshinii jeequu ni danda'u. Akkasumallee, siistemiiwwan rabsaa annisaarraan miidhaa qaqqabsiisuus ni danda'u.
Haata'u malee, yaaddoon kunneen Aduun guyyaa adda bahee beekame tokkorra Dachee balleessiti jechuu miti.
Qorannoon guddina baayyina ummataa barruu Saayinsii irratti bara 1960 maxxanfames, ragaa guyyaa Sadaasa 13, 2026 sochii soolaarii ykn balaa waan lafa jala jiruun wal qabatu, akkasumas mudannoo haala qilleensaa waliin wal qabsiisu hin dhiyeessine.























