Benishaangul,Odaa Bildigiluutti namoonni 50 hidhattootaan ajjeefamuu poolisiin hime

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Benishaangul Gumuuz Aanaa Odaa Bildigiluu ganda Daalattii keessatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 52 ajjeefamuu Komishiniin Poolisii naannichaa BBC'tti dubbatan.
Komishinarri poolisii naannichaa Idiriis Mohaammad waa'ee haleellaa Godina Asoosaa keessatti raawwate kanaa BBC'tti yoo dubbatan, haleellaan kuni ALI Kamisa Onkololeessa 26, 2019 barii sa'aatii 11:00 irratti eegale jedhan.
Haleellaa kana ''hidhattoota Shaneetu'' raawwate kan jedhan Komishinarichi, haleellaa kanaan lammiileen nagaafi humnoonni nageenyaa naannicharra balaan gahuu dubbatan.
Waa'ee haleellaa kanaa gama hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo aanga'oonni mootummaa 'Shanee' jedhan wanti ibsame hin jiru.
Hiodhattooti mirga hiree murteeffannaa Oromoof qabsoofna jedhan badii garagaraan himatamu. Paarlaamaan Itoophiyaas tarree shororkeessaa jala kaa'eera.
BBC'n dubbii himaa hidhattoota kanaaf gaaffii dhiheessuun akka deebii kennan gaafateera. Ammatti deebii hin kennine.
Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman 52 keessaa namoonni 21 lammiilee nagaa yoo ta'an, 18 immoo miseensota kora bittinneessaa naannichaa, 13 immoo miseensota milishaa naannichaa ta'uu himan Komishinar Idiriis.
Gandi Daalattii kuni Naannoo Oromiyaa akka daangessituufi bakkee kanas hidhattoonni 'Shanee'' akka sosso'an hubachiisan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haleellaa kan isaan raawwatan ''tasa seenanii waan ta'eef miidhaan guddaa gahuu danda'eera,'' jedhan.
Haleellaa booda Raayyaan Ittisa Biyyaafi humnoonni nageenyaa dabalataa naannichaa bakkichatti bobbaafamuufi tasgabbiin bu'uullee ibsan.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ''Shanee'' jedhu haleellaa erga raawwatan booda ''battaluma bakkichaa badan'' jedhan.
Gama kaaniin Addi Bilisummaa Oromoo ibsa baasen Naannoo Benishaangul Gumuuz Ganda Daalattii keessatti haleellaa raawwate hordofee guyyaadhuma kana bakkee wal fakkaatutti ''lammiileen nagaa 43'' humnoota nageenya mootummaan ajjeefamaniiru jechuun himateera.
Kunneen 'Shanee nutti harkistu' jedhamuun akka ajjeefaman ibse.
Akka ibsa jaarmiyaa kanaatti namoota ajjeeffaman keessatti dubartootaa fi daa'imman ni argamu. ABO ajjeechaa namoota siviliirraatti raawwatame jedhe kana balaaleffate.
BBC'n baay'ina namoota du'anii fi haleellaan raawwatame jedhame qaama kamiin akka raawwatame qaama walabarraa hin mirkaneeffanne.
Jiraattota bakkicha jiraataniifi kanneen ijaan argan dubbisuun yaaliin taasifne ammatti hin milkoofne.
Haleellaan komishinarri poolisii Benishaangul Gumuuz irratti ibsa kennaniifi haleellaan ABO'n ibsa irratti baase tokko yookiin kan walitti hidhatan yoo ta'e BBC'n qaama walabaarraa hin mirkaneessine.
Komishinarri Poolisii Naannoo Beenishaangul Obbo Idiriis Mohaammad kanneen haleellaa Daalattiitti raawwateen miidhaman yaala argataa akka jiran dubbataniiru.
Haleellaa booda ''ummata mariisisnee hawaasa bittinnaa'e bakkatti deebisneerra'' jechuunis BBC'tti himan.
Naannoolee Itoophiyaa adda addaatti haleellaan raawwatuu itti fufeera.
Torbanuma kana keessa Naannoo Oromiyaa, Arsii Aanaa Roobee keessatti haleellaa raawwateen namoonni 38 ajjeefamuu ibsameera.
Haleellaan Benishaangul Gumuziifi kan Roobee guyyaafi sa'aatii wal fakkaataatti raawwate.


























